
Finfinnee: Dhibeen Gifiraa dhibee vaayirasii ‘Measles’ jedhurraa kan dhufu yoo ta’u, kan nama umurii kamirrayyuu jiru miidhuu danda’uudha. Yeroo baay’ee akka waan daa’immani qofa miidhuutti kan ilaalamu ta’us daangaa umurii malee kan nama qabuudha. Keessumaa kanneen dandeettiin dhibbee ittisuusaanii gadaanaa ta’e caalaatti waan miidhuuf daa’immanirratti akka baay’atus qorannoowwan damee fayyaa ni mul’isu.
Dhibeewwan akkanaa biyyoota guddinaan boodatti hafoo ta’an miidha jedhamee kan yaadamu ta’uus yaaddoo biyyoota dinagdeedhaan badhaadhaniitis. Yeroo dheeraaf hojii hojjetameen dhibicha daran hir’isuun sadarkaa baduurra geesisuun danda’amus dhiheenya kana weerara dhibee Koviid-19 booda akka haaraatti mul’achuun Ameerikaa dabalatee biyyoota 30 keessatti namoota 935 qabuufi kanneen keessaa 285 (%30) daa’imman ta’uu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni ibsa. Akka ragaa dhaabbatichaatti namoota qabaman keessaa sadii Ameerikaatti lubbuunsaanii darbeera.
Weerara koviid-19 booda xiyyeeffannaan talaallii qinda’aaf kennamu laafaa dhufuusaatiin walqabates akka addunyaatti daa’imman miliyoona 22 dhibee gifiraaf saaxilamaniiru; kumni 107 ol ammoo lubbuunsaanii darbeera.
Dhibee kana ittisuuf waggoota 50 dura talaalliin kan qophaa’e yoo ta’u, ajandaa fayyaa hadhooliifi daa’immanii akka addunyaatti qabameen ALA bara 2030tti dhibee kana guutummaatti balleessuuf hojjetamaa jira.
Itoophiyaanis waggoottan 43n darbaniif hojii ittisaafi to’annoo dhibichaarratti hojjetaa kan jirtu yoo ta’e weerara wayita ammaa akka addunyaatti mul’ate kanaan walqabates duula talaallii qindaa’a dhibee gifiraa Caamsaa 6-15 bara 2017tti kennuuf qophiin xumuramuu Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Sagantaa Talaallii Obbo Muluqan Tafaayee ni ibsu.
Akka ibsasaaniitti, biyyattiitti weerara koviid-19n booda daa’imman miliyoona shan ol dhibee gifiraaf saaxilamuu himanii, kaayyoon duula talaallii qinda’aas daa’imman saaxilamoofi kanneen biroo umuriin isaanii ji’a sagalii hanga waggaa shanii talaaluun miidhaa dhibichaa hir’isuu ta’uu himu. akka biyyaattis daa’imman umurii eerame keessa jiran miliyoona 17.8 talaaluuf sagantaan qabamuu kaasu.
Akka Finfinneettis daa’imman kuma 626, buufataalee fayyaa 96fi wiirtuulee yeroof qophaa’an kuma tokkoofi 536 keessatti talaaluuf karoorfamuu eeranii, duula guyyaa 10f turu kanaanis maatiin daa’imman isaanii bakka isaaniif mijatetti geessuun akka talaalchisaniif waamicha dhiheessu.
Dhibeen gifiraa ofisaatiin dhibee nama ajjeesu ta’uu baatus saaxilamummaa dhibeewwan biroo kanneen akka daranyoo sombaa, korniyaa ijaa jaamsuu, gurra duuchuufi infeekshinii sammuuf waan nama saaxilamuuf miidhaa olaanaa hanga lubbuu namaa galaafatutti qaqqabu akka geesisu himu. Kanaaf namni kamuu akka waan salphaa ta’eetti soo hinilaaliin haala mijate kanatti fayyadamuun daa’imman akka talaachisu hubachiisu.
Daarektarri Daarektooreetii Fayyaa Haadholiifi Daa’immanii Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Sinidduu Makuriyaa gamasaaniin, duulli kun qinda’aa kan jedhameef talaallii dhibee gifiraa cinaatti sakatta’iinsi daa’imman hanqina dhibee nyaataaf saaxilamaniifi dhibee feestullaa waan adeemsifamuuf ta’uu himanii, duulli kun manii qabameef akka milkeessuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uusaatiin namni hundi ittigaafatamasaa akka ba’atu waamicha taasisaniiru.
Kanaan walqabatees hubannaa hawaasaa cimsuun daran barbaachisaa ta’uusaatiin miidiyaan dhimmicha hordofee dhiheessuun ittigaafatma hawaasummaasaa akka ba’atu gaafataniiru.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017