Dargaggeessa umriisaatii olitti hiixatee, guyyaa tokkotti kitaabaafi miidiyaa eebbisiise; Oliyaad Bariisoo

Dargaggeessa umrii diqqaadhaan waan guddaa yaadhuudhaan guddaa waliin oolee bulee yaadasaa bulchiiffatee kaayyoosaa milkeeffate, gurbaa sodaafii ija laafina tokkoon ala waan itti amane dubbatee isa itti fakkaate hojjatee lammiisaa boonsu, maraataa marii hinqabne, al bulaa foonaa hinqabne, jarjaraa raroo, maraataa qaroo!

Umriisaa daa’immummaatti mana barumsaatti nama dura dhaabatee dhimmoota gara garaarratti haasaafi taphoota gara garaatiin nama bohaarsuu horate gurbaan Oromticha Tuulamaarraa qe’ee Jahan Jiillee, qarqara Haroo Dambaliitti dhalate kun, akkuma umriinsaa dabalaa adeemuufi barnootaanis qaramaa adeemee jarjarummaa raroofi maraatummaa qaroo cimsatee hanga waltajjiiwwan guguddoo namoonni hedduu sodaatan gaggeessuutti isa fudhate.

Ijajabummaan dhugaafi beekumsaan deeggarame, jarjarri dandeettii saffisaan waa hubachuufi hojjachuudhaan dabaalame, ofitti amanamummaan kaayyoodhaan masakameefi muuxannoon dheeraan adeemsota kanneen hunda keessatti horatame kun har’a isa milkeessee sadarkaasaas ol kaase.

Gurbaa akka kormaatti waltajjiiwwan gara garaarraa bookkisuudhaan beekamu, waloofi diraamaa, hogbarruufi gaazexeessummaa, dubbii jaarsummaafi ogummaa beeksisa turiizimii, beekaafi beeksisaa aadaa wajja bulaa haati golatti deettee biyyaaf gumaachite Dargaggoo Oliyaad Bariisoo.

Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaarraa hanga Biiroo Aadaafi Turiizimiitti, waltajjii bareechee hogganuurraa hamma qabeenya turiizimii naannoofi biyyaa beeksisuutti, aadaa gabbataa keessatti dhalate guduunfatee hanga kitaaba barreessee dhalootaaf dhalee lafa kaa’utti, osoo namootni akka qoosaatti isa ilaalan waa hunda raawwatee gurbaa har’a gaara milkii yaabbate.

Dandeettiiwwan uumaan ganamaan isa badhaase osoo lafti hinbariine kan hubate ilmi Abbeeraa Bariisoo, har’a miidiyaa guddaa sadarkaa Afrikaatti hojjatu, ‘Voice and Internaatinal View Of Africa’VIVA’ hundeessee, sagalee Afrikaan Addunyaarratti qabdu olkaasuuf onnatee milkeeffate.

Haaluma kanaan dhiheenya kana sagantaan eebba miidiyaa kanaafi kitaaba inni barreesse eebbisiisuus Adaamaatti adeemsifamuu dargaggoo Oliyaad ni dubbata.

Akka inni jedhutti; Dhaabbani Miidiyaa “Voice and International views of Africa” VIVAfi Kitaabni Gadaafi Eenyummaa Saba koo jedhu sagantaa dhiheenya kana Adaamaatti adeemsifamerratti ifatti kan eebbisiifaman yemmuu ta’u, sagantaan eebbaa kun garuu Magaalaa Bishooftuufi Kutaa Sulultaatti sana booda immoo sagantaa guddaa Finfinneetti adeemsifamuun kan xumura argataniidha.

Sagantaawwan eebbaa kun magaalaa Adaamaatti eegalee booda immoo gara magaalota kaaniitti imaluudhaan adeemsifamu kun sosochii hawaasaa bal’inaan uumuudhaan miidiyaa cimaa namootni hedduu keessatti qooda fudhataniifi utubaa biyyaa ta’e ijaaruuf yaadameeti.

Keessattuu sagantaan inni xumuraa Finfinnerratti adeemsifamu Gamtaa Afrikaa, Ministeerota Nageenyaa, Aadaa Ispoortii dabalatee qaamolee guruddoo hedduu waliin ta’uudhaan kan qophaa’e waan ta’eef sagantaa guddaafi bu’aa guddaan irraa eegamuudha.

Marsaan 2ffaa Magaalaa Bishooftuutti mataduree, ‘yeroo hunda, nageenyi hundaaf, hundis nagaafi jedhuun mariin wixinee hundeeffama miidiyichaafi gaazexeessummaa Afrikaarratti kan gaggeeffamuudha. Ittaansuudhaan marsaan 3ffaan Magaalaa Shaggaritti sirni eebbaafi dadammaqsa ummataan kan adeemsifamu yemmuu ta’u, 4ffaan Finfinneetti erga adeemsifameen booda marsaan inni dhumaafi 5ffaan Finfinneedhumatti galma Gamtaa Afrikaatti sagantaa beekamtiifi badhaasaa namoota gama nageenya waaressuutiin ga’eesaanii bahataniif taasifamuun sirnichi kan goolabamu ta’uu hundeessaan dhaabbatichaa Dargaggoo Oliyaad Bariisoo ni ibsa.

Badhaasni kennamu ‘Horn Peace Award’ kan jedhamuufi dhaabbileefi namoota dhuunfaa nagaa Afrikaa, keessattuu nageenya Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa bahatan jajjabeessuuaf kan yaadameedha.

Sagantaa eebba miidiyaa kanaa marsaa jalqabaa Adaamatti adeemsifamerratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo, yeroo ammaa miidiyaan addunyaa kana ganda tokko gochaa jira. Midiiyaan aadaa, seenaa, duudhaafi safuu barsiisu dhaloota har’aatiifis ta’e dhaloota boodaa dhufaniif barbaachisaadha jedhu.

Akka yaada Doktar Tolaatti; Biroon Barnootaas Sirna Gadaafi Safuu dhaloota barsiisaa jira, kaayyoo keenyaafi miidiyaa ‘VIVA’ waan tokko ta’eef gama Barnoota Gadaafi Safuu dhaloota biraan gahuutiin qindoomina uumnee miidiyaa kana waliin taanee hojjetamaa jira.

Kantiibaa Ittaanaa Magaalaa Adaamaa Obbo Nigaatuu Mootummaa gamasaaniitiin, hayyoota kitaaba barreessan galateeffachuufi jajjabeessuun barbaachisaa ta’uu himanii, dhaloonni kitaaba dubbisuufi hangafootatti dhihaachuudhaan Sirna Gadaafi Eenyummaa sirnaan baranii dhaloota ittaanuuf akka dabarsan gaafataniiru.

Hundeeffamuun miidiyaan ‘VIVA’ Oromoof sagalee biroo dabaleera jedhanii, Kitaabni sirna Gadaa Guddummaafi aadaa waliin jireenya Oromoo dhaloota ammaafi boruu barsiisuu keessatti qooda guddaa akka qabus kaasaniiru.

Kaayyoon Dhaabbata Miidiyaa VIVA (Voice and International View Of Africa) hundeessuu kun Ogbarruu qopheessuuf, miidiyaa sadarkaa Afrikattii kallacha Addunyaa ta’e hundeessuuf, dhaabbata Piromooshinii Nageeyaafi Badhaasa Nageenyaa hundeessuuf ta’uu Hundeessaafi Hojigaggeessaan dhaabbatichaa Dargaggoo Oliyaad ni ibsa.

Miidiyaan Voice and International views of Afrikaa(VIVA)fi kitaabonni matadureensaa. ‘Sirna Gadaa’fi ‘Eenyummaa saba koo’ jedhu magaalaa Adaamaatti sirna ho’aan adeemsifamee turerratti eebbifamaniiru.

Oromoon miidiyaa ofii sirnaan ijaarrachuu dadhabuufi kan ijaarame immoo sirnaan jabeessuu dhabuudhaan seenaansaa inni dhugaan jalaa hatamee, seenaan kijibaa itti katabamaa turuu yaadachiiseera.

Kaayyoon hundeeffama miidiyaa ‘VIVAs’ sagalee Oromoo ta’ee afaanota torbaa oliin seenaa, aadaafi guddummaa Oromoo addunyaatti mul’isuuf yaadamee kan hundaa’e ta’uutu himame.

Addunyaa amma keessa jirutti dhugaa qabaachuu qofti gahaa miti. Dhugaa qabdu bifa dhaqqabaa ta’een himachuu danda’uu feesisa. Bakka abbaan dhugaa qabu dhugaasaa karaa dhaqqabaa ta’e keessattuu miidiyaa fayyadamee hinhimannetti, kijibni ormi qaamasanarratti oofu dhugaa fakkaattee haqa awwaalti.

Kana waan ta’eef guddummaan Oromoo, miidiyaalee muraasa amma akka sabaatti qabu qofaan kan himamee dhumu waan hintaaneef ammas miidiyaalee dabalataa dhugaa ummata kanaa karaa dhugaa ta’e qofaan Addunyaa hubachiisuu danda’an heddutu barbaachisa.

Qaama sagantaa marsaa jalqabaa Adaamatti adeemsifamee kan ture eebbi kitaaba Dhibbaalaafi barreessaan Injinar Ashannaafii Bariisootiin mataduree, ‘Eenyummaa saba koo’ jedhuun qophaa’es eebbifameera.

Kitaabni eenyummaa saba koo jedhu ofta’anii eenyummaa ofiitiin boonanii jiraachuu kan barsiisu yemmuu ta’u, Oromoon ofta’ee gama ogbarruufi miidiyaatiin eenyummaasaa addunyatti mul’isuu qaba yaada jedhu kan of keessatti hammateedha.

Kaayyoo qabaannaan akkuma, “namni bakka yaade hinhanqatu” jedhan san, gurbaan daa’imummaasaatti guddiftuu sagalee manneen barnootaatti argamanirraa eegalee waltajjiiwwan gara garaarratti qalbii maraa, amma miidiyaa ofiisaatiif hundeesserraan nageenya lallabuuf sagalee qarachaa, hafuura sassaabbachaa, looniifi leecalloo walitti qabachaa jira.

Walumaagalatti; akka dhuunfaatti gurbaa umrii xiqqaa kanatti waan daa’imummaasaa irraa eegalee yaadaa ture jajjabeessuufi muuxannoo akkanaa qooddachuun, akka sabaatti miidiyaalee dhugaa saba kanaa karaa dhugaa qofaan addunyatti himanii olola diinaa ittiin qolatan dabalanii horachuun hojmanee guddaa ta’uu qaba.

 Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You