Agarsiisa daldalaafi konfiransii walitti dhufeenya dubartoota daldaltootaa Afrikaa cimsu

Finfinnee: Agarsiisni Daldalaafi Konfiransiin Gabaa Waliinii Dubartoota Hojii Uumtoota Afrikaa Bahaafi Lixaa 6ffaa (COMESA Federation of Women in Business ‘COMFWB’) biyyoota Afrikaa 21 hirmaachise Ebla 29 hanga Caamsaa 1 bara 2017tti Finfinneetti adeemsifameera. Agarsiisa daldalaa kanarrattis dubartoonni daldaltoonni 100 ol omishawwansaanii daldalaaf dhiheessaniiru.

Sirna baniinsa sagantichaarratti haasaa kan taasisan Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Doktar Kaasaahun Goofee akka jedhanitti, dubartoonni daldala ‘COMESA’ (Common Market for Eastern and Southern Africa) keessatti gahee %80 ol kan qaban yoo ta’u, omisha nyaataa, gabaa babal’isuu, biyyaafi hawaasa ijaaruu keessatti qooda olaanaa qabu. Kana jechuun motarri dinagdee biyyootaa dubartoota.

Dubartoonni daldaltoonni baay’een daldalasaanii hanqina faayinaansii, rakkoo bu’uuraalee misoomaafi qaawwawwan imaammataa tokko tokko keessatti barootaaf adeemsisaa turuu eeranii, mootummaan Itoophiyaa dubartoonni daldaltoonni Afrikaa Bahaafi Lixaa rakkooleen kunneen hiikamuun hirmaannaa cimaa dubartootaatiin jijjiiramuu qaba amantaa jedhu qabaachuufi Itoophiyaattis kanarratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himu. Keessumaa dubartoonni misooma intarpiraayizoota xixiqqoofi giddugaleessaatti akka hirmaataniif haala mijataa uumaa jiraachuufi damee daldalaarratti walqixxummaan korniyaa akka dhugoomuuf imaammata daldalaa keessatti hammatee hojjetaa jiraachuu ibsu.

Kun akka dhugoomuuf waltajjiiwwan kanneen akka ‘COMFWB” murteessoo ta’uu himanii, sagantaan kun yaadota hojiitti hiikuun, darbees hojiidhaan dhiibbaa uumuuf walitti hidhamiinsa biyyootaa, intarpiraayizoota, qopheessitoota imaammataafi gabaarratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasu.

Keessummaan kabajaa guyyichaa Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo gamasaaniin,  walitti hidhamiinsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf hirmaannaan dubartootaa murteessaa ta’uu eeranii, ajandaawwan Afrikaan ALA bara 2063 milkeessuuf qabatte keessaa tokko fayyadamummaa dinagdee dubartootaa mirkaneessuu waan ta’eef xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuun murteessaa ta’uu dubbatu.

Itoophiyaan biyyoota ‘COMESA’ hundeessan keessaa tokko ta’uushee kaasanii, bu’aqabeessummaa waliigaltee zoonii daldala bilisaa Afrkaaf yaalii olaanaa akka taasistu ibsanii, fooyyessi dinagdee gooroo biyyattiin taasistes kanuma kan deggaruufi damee dhuunfaaf haala mijataa uumeefi dorgomtummaa cimse ta’u himu. Biyyoonni miseensota ‘COMESA’s deggarsa gama maraa dingadee dubartootaa cimsuuf taasisu cimsee akka ittifufu gaafatu.

Dura Teessuun Gabaa Waloo Afrikaa Bahaafi Kibbaa ‘COMESA’ Maa’ureen Sumbwee gamasaaniitiin, dinagdeen addunyaa haala yaadameen milkaa’uu kan danda’u yommuu dubartoonni dinagdeedhaan humneeffaman ta’uu eeranii, walqixxummaa korniyaa mirkaneessuun barbaachisaa osoo hintaane dirqama jedhu.

Ajandaan sagantaa kanaa ALA bara 2063tti dubartoota dinagdeedhaan badhaadhan uumuuf qabateef abjuu osoo hintaane hojii qabatamaan raawwatamuu kan danda’u ta’uu kaasanii, kun akka ta’uufis dubartoonni waadaa caalaa gochaa waan hiikame waan barbaadaniif irratti hojjetamuu akka qabu himu.

Pirezdaantiin Waldaa Dubartoota Daldaltootaa Itoophiyaa Aadde Barakat Adaraa addatti DhPI’f akka ibsanitti waltajjiin akkanaa Itoophiyaatti qophaa’uun walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, akkasumas muuxannoo waljijjiiruurra darbee haala biyyattiin irra jirtu biyyoota birootti mul’isuun invastimantiif simachuun carraa guddaa akka uumuu kaasu.

Waldaansaanii dubartoonni daldala keessa jiran walitti hidhamiinsa gabaa akka argataniifi haaloonni addaddaa akka mijatuuf kan hojjetu yoo ta’u, caasaasaa hanga naannoleetti diriirsuunis fayyadamummaasaaniif hojjetaa jiraachuu ibsu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You