
Akka biyya keenyatti dameelee lammiileen irra deddeebiin komii irratti kaasaa jiraniifi ittiquufiinsi maamilaa hinargamne keessaa tokko kenna tajaajilaati. Kenni tajaajilaa har’as iddoowwan baay’eetti hudhaa ta’ee ittifufeera.
Dhimmoota damicha keessatti akka rakkoo guddaa tokkootti eeramaa jiran jidduudhaayis bakki dhaabbileen tajaajila kennan itti argaman Finfinneettis ta’e magaalota kaanitti faffaca’ee argamuusaaniiti.
Sababoota walirraa faffagaachuu bakka argaman waajjiraalee tajaajila kennaniifi haalli kenniinsa tajaajilaa ammayyaa’uu dhabuun, hojjettoonn tajaajila kennan haqummaa, qulqullina, naamusaafi fedhii guutuudhaan tajaajila kennuu dhabuufi harka maamilaa ilaaluun akkasumas tajaajilli kennamu teknolojiidhaan kan hindeggaramne ta’uufi tajaajilamaanis faayidaa hinmalleef karaa hinmalleefiin argachuuf waa hiixachuun gufuufi hudhaa guddaa damichaa ta’ee ittifufeera. Haalli kenna tajaajilaa saffisaa ta’uu dhabuun ummanni mootummaarratti akka mootummaasaarratti komii kaasu kan taasisuudha.
Oduun aagaa dhiyeenya dhaga’ame garuu waan abdii namatti horuudha; tajaajila fodda tokkoo ‘Masoob’ dhaabbileen 12 tajaajilawwan 41 itti kennan Finfinneetti hojii eegaluun.
Mootummaan lammiileesaatiin tajaajila si’ataa kennuuf dirqamaafi ittigaafatamummaa qaba. Tajaajilli jiddugala tokkoo ‘Masoob’is kenna tajaajila mootummaa gara sadarkaa guddaatti kan ceesisuudha.
Amanamummaan mootummaa kan safaramus tajaajila kennuuni. Dhimmi kun safartuuwwan ijoo keessaas isa murteessaadha. Giddugalli kenna tajaajilaa ‘Masoob’ tibbana eebbifamee hojii jalqabe kun hojmaata badaa kan dhabamsiisuudha.
Gama tajaajila kennuutiin hojimaatilee lammiilee keenyarratti komee guddaa uuman sakatta’anii sirreessuun dhimma dursi kennamuufiidha. Kutannoo kanaaf agarsiiftuu tokko kan ta’e Giddugala Tajaajila Bakka Tokkoo Masoobii’ tibbana eebbifameedha.
Waantonni ijoon giddugala haaraa kana ibsan sadiitu jiru. Inni tokko gamoo moofaafi dulloomaa miidhagsanii ammayyeessuudhaan naannawa namatti tolu uumuudha. Lammaffaan tajaajiloota walitti hidhuufi qindeessuuf mosaajii (sooftiweerii) biyyatti tolfame hojiirra oolchuu yoo ta’u, sadaffaan dargaggoonni ilaalcha haarawe qabatanii tajaajila gahaafi kabaja qabu kennuuf qophaa’an jiraachuusaaniiti.
Dhaabbileen 12 bakka tokkotti tajaajiloota garaagaraa 41 kennuu kan eegalan yoo ta’u, kunis lammiileen yeroosaanii qusatanii haala fooyyee qabuufi milkaa’een tajaajila akka argatan gargaara.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadis, “Gama tajaajila kennuutiin hojimaatilee lammiilee keenyarratti komee guddaa uuman sakatta’anii sirreessuun dhimma dursa kenninuufiidha. Kutannoo keenya kanaaf agarsiiftuu tokko kan ta’e Giddugala Tajaajila Bakka Tokkoo ‘Masoob’ eebbifneerra.
Giddugala haaraa kana kan ibsan wantoota ijoo sadiitu jiru. Inni tokko gamoo moofaafi dulloomaa miidhagsanii ammayyeessuudhaan naannoo namatti tolu uumuudha. Inni lammaffaan tajaajiloota walitti hidhuufi qindeessuuf mosaajii (sooftiweerii) biyyatti tolfame hojiirra oolchuu yoo ta’u, inni kanbiraan immoo dargaggoonni ilaalcha haarawe qabatanii tajaajila gahaafi kabaja qabu kennuuf qophaa’an jiraachuunsaaniiti. Dhaabbileen 12 bakka tokkotti tajaajiloota garagaraa 41 kennuu kan eegalan yoo ta’u, kunis lammiileen yeroosaanii qusatanii haala fooyyee qabuufi milkaa’een tajaajila akka argatan gargaara.
Sirnoota akkanaa gabbisuun rakkoo tajaajila quufsaa dhabuu lammiilee furuudhaan adeemsa keessa ummanni tajaajila kennamutti akka gammadu gumaacha guddaa qabaata. Tajaajila eegaluun giddugalichaa tarkaanfii guddaa jalqabuu keenya agarsiisa. Itoophiyaan giddugala kanatti dabaltee babal’isuudhaan lammiileeshee hundaaf kenna tajaajilaa fooyyee qabu mirkaneessuuf nihojjetti” jedhan.
Egaa, giddugalichi gama bu’aa ba’iifi deddeebii ummataa dhabamsiisuu akkasumas yeroo qusachuutiin birokraasii gabaabsuun faayidaa olaanaa waan qabuuf naannawawwan hundatti babal’achuu qaba.
Dhaabbileefi tajaajiloonni adda addaa bakka tokkotti walittiqabamanii hojjechuun malaafi qaroomina guddaa yeroon gaafatuudha. Komii ummanni mootummaarratti kaasaaa tures kan furu waan ta’eef hojmaanni maaddii tokkorraa tajaajilawwan hunda argachuu kun babal’atee ittifufuufi sektaroota hafanis dabalachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017