
Afaan Oromoo ammaan dhaabbilee barnootaa olaanaa adda addaatti sadarkaa digrii 1ffaa hanga sadaffaatti kennamaa jira. Dhaabbilee barnootaa afaanichi sadarkaalee eeraman kanneenitti itti kennamu keessaa ammoo tokko Yunivarsitii Baahir Daari. Nutis maxxansa keenya kanaan turtii Ittigaafatamaa Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi Qunnamtii Yunivarsitichaa Barsiisaa Tafarii Shifarraa Wajargaa wajjin taasisne akka armaan gadiitti dhiyeessineerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Barsiisaa Tafariin eessatti dhalatan, baratan… kan jedhurraa kaasnee dubbistoota keenyaan walhaabarruu?
Bariisaa Tafarii: Bakki dhaloota koo Wallagga Lixaa, Aanaa Manasibuuti. Oggaa umriin koo barumsaa ga’u kutaa 1ffaa hanga 4ffaa semistara jalqabaatti Mana Barumsaa Coomoo Daabbus jedhamutti, kutaa 4ffaa semsitara 2ffaarraa kaasee hanga jahaffaatti Mana Barumsaa Qilxuu Jaalee jedhamuttin baradhe.
Kutaa 7ffaafi 8ffaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaafi Jiddugalaleessaa Magaalaa Mandiitti argamutti, kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti ammoo Mandii Sadarkaa 2ffaattin baradhe. Barnoota dhaabbata barnoota olaanaa Yunivarsitii Jimmaarraa Afaan Oromootiin digrii koo jalqabaa bara 1999 fudhadhe.
Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha? Sadarkaa barnootaa gadiitti barataa akkamii turtan?
Bariisaa Tafarii: Ani maatii koo ilma afraffaadha. Ana dura ijoollee dubaraa sadiiti jiru. Barnootaan walqabatee hanga kutaa 3ffaatti waanuma ijoolleenis biraan dhaqaniif mana barumsaa deemuu malee maaliif akka dhaqame hinhubanne.
Garuu 3ffaarraa kaasee sadarkaa keessan ture. Kanaafis kan ka’umsaa naa ta’e gaafan ani kutaa 3ffaa ga’u ijoollee qaxaleewwantu turan. Manni barumsaa hanga kutaa 6ffaatti ittibaradhe hanguma kutaa 6ffaatti kan barsiisu ture. Kutaa 3ffaa booda kanin ani waa’ee barumsaa hubachuun xiyyeeffadhee barachuufi dorgomaa ta’uu eegale. Sana booda 1ffaa, 2ffaan bahaan ture.
Bariisaa: Barsiisaa Tafariin ijoollee qonnaan bulaatii? Duubduubeensaanii maal fakkaata?
Bariisaa Tafarii: Eeyyee. Maatiin koo qonnaan bulaadha. Anis waanuma ijoolleen qonnaan bulaa hojjettun hojjechaa guddadhe. Horii eegaafi wantota hojjetamuu qaban hunda hojjedheera. Deggarsa maatiin narraa barbaadu gumaachaan ture.
Bariisaa: Hojii hoo eessatti jalqabdan?
Bariisaa Tafarii: Shawaa Kaabaattin hojii jalqabe. Godinichatti barsiisummaarraa kaasee waajjiraalee adda addaa keessa hojjedheera. Waajjilee Aadaafi Turizimii, Dargaggootaafi Ispoortii, Geejibaa, Barnoota keessa yeroo dheeraaf tajaajileera. Ittigaafatamaa Waajjira Dargaggoofi ispoortii Aanaa Warra Jaarsoo ta’ees hojjedheera.
Sana booda gara barnoota koo digrii lammaffaattin ce’e. Isas ammoo akaakuudhuma barnootaa digrii jalqabaatiin walfakaatuun Yunivarsitii Finfinneettin baradhee bara 2012 eebbifame. Ergan digrii koo lammaffaa xumuree booda Yunivarsitii Baahir Daaritti barsiisummaadhaan Afaan Oromoo, ogbarruufi qunnumtiin mindeeffame.
Ammaan tana yunivarsitichatti barsiisummaa maddiitti Ittigaafatamaa Muummee Afaan Oromoo, ogabarruufi qunnamtiin ta’een hojjetaa jira.
Bariisaa: Barnoota keessan olaanaatti Afaan Oromoo akka barattaniif maaltu isini kakaase?
Bariisaa Tafarii: Dhimma Afaan Oromoo barachuu kanaan walqabatee akkan baradhu kan taasise inni guddaan yeroo sana barnoonni Afaan Oromoo sadarkaa digriitti kennamaa hinturre. Kanaaf aniifi baachiin koo kan jalqabaati jechuudha. Barsiisonni sadarkaalee jiddugaleessaattis lammaffaatti nu barsiisan kanneen of beekaniifi eenyummaasaaniitiin boonaniidha. Waa’een eenyummaa kun nutti himamaafi barachaati kan guddanne.
Barsiisonni hawaasas ta’e afaan nu barsiisan daran qaxaleewwani. Kanaaf yeroo sanatti muummee biraas seenee baradhee milkaa’uu danda’aayyu. Garuu ammoo dhimmi eenyummaa ofii dursuu qaba jedheen gara Muummee Afaan Oromoo seene. Qabxiin yeroo sana Muummee Afaan Oromoo ittiin galan olaanaa ture.
Bariisaa: Yoom barsiisummaadhaan Yunivarsitii Baahir Daar seentan?
Barsiisaa Tafarii: Yunivarsitii Baahir Daaritti hojii barsiisummaa kanin eegale jalqaba bara 2014tti. Isa kanas kanin seene Muummeen Afaan Oromoo Ogbarruufi Qunnamtii yunivarsitichatti otoo ani hinqdhaqiin waggoota lama dura banamee ture. Ijoolleen achitti barsiisanis turaniiru. Kanaan walqabatee beeksisni baanaan dorgomee seenee barsiisuu eegale.
Sababii guddaan ani asitti barsiisuu barbaadeef iddoo biraatti barsiisuu dhabee otoo hintaane namoonni tokko tokko iddoo kana dhufanii barsiisuuf fedhii hinqaban. Ijoolleen keenya Oromiyaa qofatti barachuu otoo hintaane naannolee kaanittis barachuu qabu yaadu jedhuunin garas deeme.
Bariisaa: Yunivarsitii Baahir Daaritti Muummeen Afaan Oromoo hundaa’ee afaanichi barsiifamuu kana gama hariiroo ummatootaa cimsuutiin akkamitti ibsitu? Ilaalcha qe’uma ofiitti of daangessuurratti maal jettu?
Bariisaa Tafarii: Sirriidha. Gaafa Baahir Daaritti Afaan Oromoo nibarsiifama jedhamu namoonni akka waan addaatti ilaalan jiru. Yoo waan kana itti himuuf jettu si dhaggeeffachuu dhiisee si ilaala. Kun ammoo waan biraatiif otoo hintaane amma waanti bakka kanatti haasa’amuufi qabatamaan iddoo sana jiru adda adda.
Maaliif, Yunivarsitii Baahir Daar jechuun dhaabbilee barnootaa olaanaa biyya keenyatti argaman keessaa sadarkaa jalqabaarratti kan argamuufi akkuma Yunivarsitii Finfinnee, Jimmaa, Haromaayaafi Hawaasaafaa wajjin sadarkaa 1ffaarra jiruudha. Barattoonni sababoota adda addaatiin ramadamuu danda’u. Kanaaf carraa kana dhabuu hinqabaniidha inni guddaan.
Wanti Yunivarsitii Baahir Daar Yunivarsitoota kaanirraa adda taasisu barumsi nutti achitti kennaa jirru Afaan Oromoofi Qunnamtii ta’uusaati. Iddoo kaanitti Afaan Oromoofi Ogbarruu jedhamee kennama. Nuti garuu qunnamtiis ittidaballee kennaa jirra.
Ijoolleen nu biratti baratanii bahan Amaaraa Miidiyaa Kominikeeshinii dabalatee iddoowwan adda addaatti hojii qunnamtii hojjechaa jiru. Kominikeeshinii barsiisuun keenya ammoo akka ijoolleen gahumsaan bahaniif carraa guddaa kenneera.
Barsiisonni achitti barsiisaa jirru Yunivarsitiiwwan Jimmaafi Finfinneetti barannee baane. Kanaaf, akka muummeetti waantonni yunivarsitiiwwan kanneenitti argaman hundi Baahir Daarittis ni argamu. Jara wajjin hariiroo gaariis qabna. Dhimmoota kanneen milkeessuuf keessumaa barsiisota Yunivarsitii Finfinnee wajjin walitti dhiyeenyaan akka maatiitti hojjetaa jirra.
Maqaasaatu Yunivarsitii Baahir Daar jedhame malee ijoolleen nu biratti baratan waan Yunivarsitiiwwan Finfinneefi Jimmaa kennan sirnaan argachaa jiru. Waan argachuu qaban ni argatu. Yoo sarara keessaa bahuuf mallattoon jiraates qoosaa hinjiru. Asitti yeroo lakkaa’anii bahuu otoo hintaane waan barataa tokkorraa eegamu hojjetee akka bahu gochuuf waanti gaariin hojjetamaa jira. Baranumallee marsaa afraffaaf eebbisisuuf qophiirra jirra.
Bariisaa: Ijoolleen achitti baratan warra Afaan Oromoo beekan qofa moo warri kaanis jiru?
Barsiisaa Tafarii: Kan amma barsiisaa jirru ijoollee Afaan Oromootiin afaan hiikkatan qofa. Ijoollee Afaan Oromoo hinbeekneef kennuun ulfaataadha. Garuu fedhiin afaanicha barachuuf iddoo kana jiru daran olaanaadha. Hawaasni ykn hojjettoonni yunivarsitichaa yeroo adda addaa gaaffii dhiyeessu. Fedhiisaanii kanaan walqabatee sadarkaa waraqaa ragaatti isaanis barsiisuuf waanti jalqabne jira. Waanti alaa dhaga’amuufi haalli qabatamaan yunivarsicha keessa jiru garuu garaa gara.
Bariisaa: Keessumaa Naannoo Amaaraatti Godinni Saba Oromoo jiraatii hammam isinitti fayyadamaa jiru, hariiroo addaa hoo qabduu?
Bariisaa Tafarii: Naannawa Kamisee waliin hariiroo qabna. Barattoonni Afaan Oromootiin baratan waan jiraniif kitaabilee isaanif ta’u qopheessuuf karaa Biiroo Barnootaa Naannoo Amaaraafi Waajjira Barnootaa Godina Saba Oromoo nihojjenna.
Baruma darbellee barsiistota achitti barsiisaniifi barsiisota Yunivarsitii Walloo wajjin ta’uun kitaabilee kutaalee adda addaa qopheessineerraaf. Amma ammoo kan kutaa 11ffaafi 12ffaa hojjechaa jirra.
Bariisaa: Korporeeshinii Miidiyaa Amaaraa wajjin hariiroo akkamii qabdu? Dhaabbatichi Afaan Oromoos waan qabuuf.
Barsiisaa Tafarii: Ijoolleen ‘Amiikoo’ keessa jiran warri buleeyyiin warruma barsiisotuma Yunivarsitii Finfinneerraa eebbifamaniidha. Ijoolleen nuti barsiisnes jiru. Isaan wajjinis hariiroo gaarii qabna. Garuu hamma hojjechuu qabnu hinhojjenne.
Wantonni hojjetamuu qaban hedduutu jiru. Akka ka’umsaatti wanti wajjin hojjechaa jirru jira. Ta’us ammallee ni hafa. Haalonni tokko tokkos mijachuu qabu. Nutis dhaqnee isaanis gara keenya dhufanii waanti waliin hojjetaa jirru gaariidha.
Bariisaa: Yunivarsitii Baahir Daaritti Muummeen Afaan Oromoo karoora seenessa waloo biyyi qabatte milkeessuu keessatti akkamitti ibsama? Yunivarsitii kaanirraa hoo maaltu eegama?
Bariisaa Tafarii: Egaa oggaa dhimma afaanii jennu dhimma eenyummaati. Kanaaf hojiileen iddoo kanatti hojjetaman jiru. Garuu ammoo hamma hojjetamuu qaban hojjetamaniiru jechuu hindandeenyu, nihafa. Kana cimsuuf Muummeen Afaan Oromoo Yunivarsitii Baahir Daaritti banamuun qofti gahaa waan hintaaneef hariiroon naannolee lamaan jidduu jirus cimuu qaba.
Xiyyeeffannoo ittikennanii hojjechuunis barbaachisaadha. Yoo kana ta’uu baate hojii yeroo qofa hojjetamee hafu ta’a. Jalqabbii kanaan dure ture cimsuu barbaachisa. Jalqabbiin sun hojii yeroo tokkoo fakkaatee laafe.
Kanaaf xiyyeeffannaadhaan irratti hojjechuu barbaachisa. Kanaa achi namni iddoo sanatti niramdamaa, dhiisee yoo deeme deemee deemee gara Muummeen Afaan Oromootuu cufamuutti nideemama waan ta’eef mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechuu qaba.
Ragaalee konkolaachisummaa ykn tiraafikii, hojii, gaa’elaan walqabatanii Oromiyaarraa Afaan Oromootiin barreeffaman gara Amaariffaatti hiikuudhaanillee hawaasa tajaajilaa jirra. Otoo kun ta’uu baatee abbaan dhimma waraqaa tokko qabatee tajaajila hiikaa argachuuf Baahir Daarirraa ka’ee Finfinnee dhufa ture.
Garuu dhimma kana achitti hambisuun walqabatee namoonni waan akka jirru beekaniif hojii turjumaanummaafi hiikaa fidatanii dhufu. Kanaanis hawaasni fayyadamaa jira. Hawaasniifi hojjettoonni yunivarsitichaas kana hubachuuf afaanicha barachuu qabna jechuun gaaffii dhiyeessaa jiru.
Kana deebisuufis sadarkaa waraqaa ragaatti barnoota gaggabaabaa kennuuf kolleejii wajjin mari’annee piroppozaala qopheessinee pirezdaantii ittaanaa yunivarsitichaa dhiyaatee akka kallattii qabatuuf hojjechaa jirra. Barsiisuu bira darbee tattaaffiin taasisnu rakkoo hawaasaallee furaa kan jiruudha. Kanaanis dirqama hawaasummaa bahachaa jirra jechuudha.
Bariisaa: Mootummaa Naannoo Oromiyaa Naannoo Amaaraa dabalatee naannolee adda addaa manneen barnootaa ifa boruu ijaaraa jiraatii kun hariiroo ummatoota cimsuu keessatti faayidaa akkamii qaba jettu?
Bariisaa Tafarii: Kanaan walqabatee waanti Naannoo Beenishaangul Gumuz fa’itti dhaga’aa turre Naannoo Amaaraattis ce’eera. Haala kanaan waldeeggaranii deemuun tokkummaa ummatootaa cimsuu keessatti gahee guddaa qaba. Iddoo mijataa uumanii barnoota qulqulluu kennuun ammoo hiika guddaa qaba.
Otoo dhaabbilee mitmootummaa qofa hineegiin mootummaan Naannoo Oromiyaa kana hojjechuunsaa waan gaariifi nama gammachiisuudha. Jalqabbiin kun cimee ittifufuu qaba. Kun seenessa dogoggoraa ture haqee gaarummaa dhugaa jiru kan agarsiisuudha. Hawaasni hammam akka walii dhimmus kan agarsiisuudha. Hawaas doofummaa keessaa baasuu akeeka taasifatanii hojjechuun waan guddaafi jabaatee ittifufuu qabuudha.
Bariisaa: Muummeen Afaan Oromoo kun otoo kun kun guutamaniifi kana caalaa tarkaanfatee deemaayyu waanti jettan yoo jiraate? Ykn waanti akka hanqinaatti kaastan yoo jiraate?
Barsiisaa Tafarii: Ammaan tana Yunivarsitii kamuu yoo ilaaltan kan barataa jiran barattootuma naannawa sanaati. Kunis kan ta’eef haala siyaasaa ammaan tana biyya keenyatti mul’aturraa kan maddeedha. Yunivarsitii Walloo dabalatee ijoolleedhuma naannaawa sanaatu achitti ramadama. Haalli nageenyaa caalaatti tasgabboofnaan Muummee Afaan Oormoo, Fookilooriifi Ingiliffaa fa’itti akkuma duraa ijoollee hamma yaadnee ol argachuu dandeenya.
Garuu waggoota sadan darbaniitti yunivarsitiidhuma naannawasaaniitti argamutti ramadamaa jiru. Naannolee biroottis akkasuma. Kun hariiroo ummatootaa cimsuu keessatti dhiibbaa mataasaa qaba. Ijoolleen naannawa ittidhalatanirraa siqanii naannoo biraatti barachuu qabu, hawaasaafi haala naannawaa wajjin walbaruu qabu.
Ijoolleen qe’uma ofiitti ramadamuun rakkoo guddaa qaba. Namni otoo ollaasaa hinbariin achumatti baratee, achumatti kan hojii jalqabu yoo ta’e sirrii miti. Kun aadaa waljijjiiruurrattillee waan dhiibbaa qabaatuuf sirrachuu qaba. Ijoolleen akkuma durii yunivarsitiiiwwan biyya keessa jiranitti walqixa ramadamuu qabu.
Dinagdeedhaan walqabatees barsiisonni naannawa kana jiraniif waantonni xixiqqoon hojjetamaa jiru. Barsiisonni toora sana jiran qixa ilaaluun rakkoo qaba. Kun waan biraarraa kan madde miti. Afaan Somaalee akka Yunivarsitii Baahir Daaritti kennamuuf yaalamee ture. Garuu hojii dabalataa dhabamuusaarraa kan ka’e ijoolleen hojicha gatanii deeman. Otoo mootummoonni naannolee xiyyeeffannaan manuma jireenyaallee otoo mijeessaniifii gaariii ture.
Kiraa manaa kaffalaa hojjechuun ulfaachuu waan danda’uuf otoo ittiyaadamee gaariidha. Ijoolleen naannoo Somaalee afaanicha sadarkaa waraqaa ragaatti leenjii akka kennaniif yaadamee ture. Nuti garuu kanuma keessatti dirqama keenya keenya bahachaa jirra.
Namni waanta argatu otoo hintaane waan abdatutu guddaadha. Sanuma keessa dhaabattee qaama ittiiyyachuu qabdutti iyyachuutu gaariidha malee mana sana cuftee bahuun faayidaa hinqabu. Kun waan xiqqoodha. Gaafa afaan kana wajjin walqabsiisnee ilaallu seenaa guddaatu jira.
Afaan kun akkamitti akka as ga’e ni hubanna. Namni afaan kana barachuuf otoo fedhii qabuu barachuu dhabuunsaa nu quuqa. Kanaaf haala kanaan hojjetaa jirra jechuudha. Mootummaan yoo har’allee hindanda’u ta’e waan egerumaaf abdii ta’u gochuu qaba.
Achuma jiraachuu keenyaaf beekamtii kennuunuu waan guddaadha. Yunivarsitiin Finfinnee akka maatiitti maaltu rakkattan, maal dhabdan…jedhee nu gaafachaa ture. Kanaa achi waanti jiru gaariidha. Mootummoonni naannolee lamaanii haalli yeroo jalqabbii ture sun cimee akka ittifufu gochuu qabu. Dagataniiru. Garuu akkas ta’uu hinqabu.
Qaamolee sadarkaa sadarkaan jiraniin xiyyeeffannaan addaa kennamuufii qaba. Dhimma eenyummaa waan ta’eef of kenninee hojjetaa jirra. Akkuma biqiltuu waan jalqabame tokko caalaatti milkeessuuf kunuunsiifi hordoffiin nibarbaachisa; firii barbaadamu argachuuf.
Bariisaa: Gaazexaa Bariisaarratti yaada akkamii qabdu, akkamitti ibsitu?
Barsiisaa Tafarii: Gaazexaa Bariisaa jechuun eenyummaadha. Pirofesar Mahaadii Hamiid Muudee Baahir Daar taa’anii akka Gaazexaan Bariisaa jalqabamuuf bu’uura buusan. Gaaffii isaan gaazexicha jalqabuuf mootummaaf dhiyeessaniif deebii kennamaafii ture kan daran nama gaddisiisuudha.
Waanta yeroo sana ummata kana mataa gadiqabachiisuu yaalanii hinmilkoofneef keessaa tokko Gaazexaa Bariisaa kana. Garuu isaan dhiibbaa kanatu jira jedhanii hindhiisne. Sirumayyuu ittuma cichanii waan raawwachuu qaban raawwatan. Kun har’aan nuu gahaniiru. Qaanqee yeroo sana faca’etu har’a daraaree ija godhate. Kun kutannoon jiraannaan akeeka kamuu bira ga’uufi milkeeffachuun akka danda’amu kan namatti agarsiisuudha.
Gufuuwwan mudatan kamuu akka galteetti fudhatanii cimanii hojjechuun akka barbaachisuudha kan irraa hubatamu. Amma Yunivarsitii Baahir Daaritti Muummee Afaan Oromootti ijoolleen dubaraas hojii kanarratti cichanii hojjechaa jiru. Ijoollee dubaraa muummee kana cimsanii qabantu jiru. Kun kan ta’eef hojiin biraa dhabamee otoo hintaane dhimmichi dhimma eenyummaa waan ta’eef quuqama guddaadhaan hojjetamaa jira. Ani achi keessa hojjechuu koo akka carroomuuttin ilaala. Dirqama biyyi kee sirraa barbaaddu bahachuu qabda.
Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa akka wabiitti fayyadamuun ijoollee barsiisaa akka jirtan odeeffannee mee waa’ee kanaa waanuma gabaabaa nuu ibsituu?
Bariisaa Tafarii: Bariisaan akka Muummee Afaan Oromootti ykn Kolleejii Namoomaatti Yunivarsitii Baahir Daar dhufaa jira. Ijoollee dubbisanii ittifayyadamaa jiru. Bariisaa akka madda ragaatti fayyadamaa jirra. Qaqqabamummaasaarratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Bariisaan gaazexumaasaa bira darbee qabsaa’aa ummata Oromoo ta’uusaatiin namuu ragaa bahaaf.
Oggaa waan darbe kaasan Bariisaan bara kana, sana akkana, akkas jedhe jedhanii namootti akka wabiitti eeru. Egaa dhimma kanaan walqabatee qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran ga’eesaanii bahachuun dirqama ta’a.
Warra gaazexicha qopheessan qofaaf dhiisuu otoo hintaane hunduu gumaachasaa bahachuu qaba; dhimmichi dhimma eenyummaa waan ta’eef. Kanarratti xiyyeeffannee yoo hojjenne ummata keenya hunda gahuu dandeenya. Hawaasa dheebuu odeeffannoo qabu dheebuu baasuu qabna. Waanuma nuu kaffalamu qofaaf hojjechuu hinqabnu.
Bariisaa: Mudannoo hindaganne yoo qabaattan?
Bariisaa Tafarii: Yeroo tokko dorgommii Yunivarsitiiwwan Afrkaatu ture. Dorgommii kanarratti biyyoota adda addaatu hirmaata. Dorgommichi Yunivarsitii Maqaleetti adeemsifame. Biyyoonni akka Naayijeeriyaa, Gaanaafi kkfn hirmaataniiru. Yeroo kana ani ammooo murteessaa cheeziin ta’een deeme. Nyaata biiffee kaasuuf hunduu hiriireera. Keessummeessitoonni hundi Tigriffa haasa’u.
Anis miiltoo Tigraayi waanin qabuuf Tigriffaan waan jedheen. ‘Bini avenii’ jedheen kana jechuun daabboo naa kennii jechuudha. Kun yoom alaa dhufee afaan keenya bare jechuun ajaa’ibsiifatanii walgaafatan. Milltoon koos kolfaa ture. Nuti durumaa siin jechaa turree, dhalataa Itoophiyaa otoo hintaane kan Afrikaa biroo fakkaata naan jechaa turan.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017