“Yeroo haalli nageenyaa naannichaa fooyya’aa jiru kanatti qaamoleen burjaajii uumaa jiran of qusachuu qabu”- Biiroo Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraa

Finfinnee: Bakka nageenyi naannichaa yeroo kamuurra bakka fooyya’aa jirutti qaamoleen keessaafi alaa olola sobaan burjaajjii uumaa jiran of qusachuu akka qaban Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Amaaraa beeksise.

Ittigaafatamaan Biirichaa Doktar Mangashaa Faantaahu ibsa Roobii darbee Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, qindoomina humnoota nageenyaa federaalaafi naannichaan hojii bal’aa hojjetameen nageenyi naannichaa yeroo kamuu caalaa fooyya’aa jira. Haa ta’u malee, qaamoleen alaafi keessaa akka naannichi dirree jeequmsaa ta’u fedhan burjaajii uumaa jiru.

Gandoota daran muraasa rakkoo nageenyaa qabanirraa kan hafe sochiin misooma qonnaa bakkawwan hundatti adeemsifamaa jiraachuu himanii; xaa’oo kuntaala miliyoona 3.5 naannicha dhaqqabe keessaa kuntaalli miliyoona 2.4 qonnaan bultootaaf raabsamaa jira.

Raabsi xaa’oo bara darbe Finxaaleyyii Faannoon ugguramaa ture ammaan tana tumsa qaamolee nageenyaa sadarkaan jiraniin haala gaariin raabsamaa jiraachuus dubbataniiru.

Hojii kunuunsa bishaaniifi biyyee lafa hektaara kuma 366 ol hirmaannaa ummata miliyoona 4.4 hojjetamuu ibsanii; hojii ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuu biliyoonni 1.62 qophaa’uufi boolli biqiltuu biliyoona 1.32 hanga ammaatti qotamuus eeraniiru.

Gama barnootaan barana barattoota miliyoona 7.07 galmeessuuf karoorfame keessaa sababa rakkoo nageenyaatiin haala yaadameen milkeessuun hindanda’amne. Haa ta’u malee, barana barattoota 99,880 qormaata kutaa 12ffaaf, barattoota 148,256 qormaata kutaa 8ffaaf akkasumas barattoota 154,260 qormaata kutaa 6ffaaf qopheessaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Finxaaleyyiin Faannoo kallattii xiyyeeffannaafi diina kan taasifatan manneen barnootaa ta’uu himanii; kitaaba gubuufi barsiisotarratti darara raawwachuun hojiin baruu barsiisuu gufachiisuuf yaalii jabaa taasisaa jiranillee mootummaan naannichaa bakkawwan nageenyi fooyya’e hundatti barattoota gara mana barumsaatti deebisaa turuu yaadachiisaniiru.

Kana malees, mootummaan naannichaa qarshii biliyoona 3.9 ramaduun manneen barnootaa bultii addaa sadarkaa 2ffaa sadii Saqoxaa, Dabrataaboriifi Finootasalaamitti ijaarsisaa jiraachuu dubbatanii; sagantaa deebisanii misoomsuunis manneen barnootaa idilee duraa 13 ijaaramaa jiru jedhan.

Daree barnootaa, manneen kitaabaa, yaalaafi barsiisonni itti boqotan 4,229 haaraa wayita ijaaran 11,538 kan ta’aniif haaressi taasifameera. Ijaarsi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa 16 harkifatee ture yeroo ammaa 13 xumurameera jechuun ibsan.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You