Shaggaritti bal’aan tiraafikii hir’achaa dhufeera

Finfinnee: Hojii hubannoo gabbisuufi teknolojiitti fayyadamuun walqabatee Magaalaa Shaggaritti balaan tiraafikaa hiri’achaa dhufuu Waajjirri Geejibaa Magaalattii ibse.

 

Waajjirichatti Daarektarri Nageenya Tiraafikii Daandii Obbo Gaashaawu Indaalaa torbee darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ji’oottan saglan darban namoota miliyoona 1.2 oliif nageenyaa tiraafikaarratti hubannoon kennameera. Sossochiin torbee nageenya tiraafikaa hoggansa olaanaa magaalattii hirmaachise adeemsifameera. Konkolaataan bakka fedhe dhaabbachuun akka daandii hincufneef bakka dhaabbii konkolaataa dijjitaalawaa ta’an Itiyoo-telekoom walta’uun hojiirra oolchuun danda’ameera.

Akka isaan jedhanitti, walta’iinsa qaamalee nageenyaan to’annoofi hordoffii nageenya tiraafikaa adeemsisuu, sossochii torbee nageenya tiraafikii ideleessuu akkasumas bakkawwan hundatti mallattoolee nageenya tiraafikaa dhaabuun bu’aa guddaa argamsiiseera. Ummatni tajaajila geejibaarratti mirgasaa kabachiifachuu bira darbee alseerummaawwan argu hunda saaxiluun qaama dhimmi ilaaluuf eeruu kannaa jira.

Konkolaachiftoonni saffisaa eeyyamamee olitti akka hinkonkolaachifneefi dhuganii konkolaachisuun balaa akka hinuumne raadaariin saffisa to’atuufi meeshaan dhugaatii qoratu hojiirra ooluu eeranii; seera darbitootarrattis to’annoofi hordooffii cimaa taasisuun sirni adabbii hojiirra akka oolu ta’eera. Yeroo ammaas qarshiin adabbii seera darbitootaa karaa teleebirrii sassaabamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Hojii hubannoo uumuu kennameen walqabatee ummatni daandii bitaa qabatee akka deemuufi taarifaa ol kaffalchiisuufi humnaa ol fe’uurratti jijjiiramni amalaa boonsaan dhufuu eeranii; Shaggar giddu galeessa biyyaa ta’uun walqabatee balaa tiraafikaa lubbuu namaafi qabeenya mancaasaa ture daran xiqqaachaa dhufuu ibsaniiru.

Hanga ammaatti balaan tiraafikaan lubbuun darbe, miidhaa qaamaa salphaafi cimaa akkasumas mancaatiin qabeenyaa galmaa’e waliigalaan 625 qofa yommuu ta’uu balaan waliigalaa dhibbantaa ja’aan hiri’achuu yaadachiisanii; sababootni balaawwan kunneenis lafodeemtotaaf dursa kennuu dhiisuu, saffisaan konkolaachisuu, xiyyeeffannoo kennuu dhabuufi rakkoo bu’uuraalee misoomaan walqabatee kankolaataan garagaluufi walitti bu’uufaa ta’uu eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You