
Finfinnee: Saambeen bakka Faashiti Xaaliyaanii marsaa lammaffaa Itoophiyaa weeraruu dhufee itti injifatamuun injifannoo ummata gurraachaa ittigoolabameedha jechuun Waajjirri Aadaafi Tuurizimii Godina Iluu Abbaa Boor beeksise. Waggaa 84ffaa yaadannoo injifannichaa iftaan bakka seenichi galmaa’etti kabajama jedhameera.
Ittigaafatamaan Waajjirichaa Obbo Wandimmuu Dabalaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Saambeen ganda seenaqabeettii humni Faashistii Xaaliyaanii marsaa lammaffaa Itoophiyaa weeraruuf dhufee itti injifatameedha.
Akka ibsasaaniitti, loltuu Faashistii Xaaliyaanii meeshaa ammayyaa kuma 12 hidhatee marsaa lammaffaaf Itoophiyaa yeroo weeraretti Goreen magaalaa guddoo Itoophiyaa turte. Erga humnichi Finfinnee to’atee booda Goree to’achuuf garasitti qajeele.
Ummatni godina Iluu Abbaa Booraa, ummattoota Kibbaa, Wallagaafi Shawaarraa bakka hundarraa waliin ta’uun tarkaanfii xumuraa irratti fudhachuudhaan injifannoon Saambee galmaa’e. Guyyichi Ebla 27 bara 1933 irraa eegalee iddoo seenaqabeessa birmadummaa ummattoota gurraachaa ittigoolabame ta’ee akka beekamus ibsaniiru.
Injifannoo kanaafis, tokkummaa ummattoota Itoophiyaafi cituun riqicha Qabar (meetira 12 dalga dheeratu) gumaacha olaanaa akka qabu himanii; cituu riqichichaatiin humni diinaa laga Qabariifi dhaqdhaqii ce’uuf yaalii taasisaniin kuun liqifamanii dhuman. Kuun ammoo, nyaata barbaaddachuutti gufuu waan itti ta’eef akka beelaan harka kennaniifi booji’amaniif sababa ta’eera jedhan.
Waajjirichis injifannoo seenaa gootota Saambee hawwata tuurizimii ta’ee akka dhalootatti darbuuf hojiin misoomsa bu’uuraalee misoomaa Saambee bal’inaan hojjechaa jiraachuu himanii; waggaa 84ffaann yaadannoo injifannoo Saambee iftaan iddoo seenaa qabeessa kanatti ni ayyaaneffatama jedhaniiru.
Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godinichaatti qorataan seenaa Obbo Tamsgeen Korjee gamasaaniin iddoon injifannoon Saambee bakka seenaqabeessaa Faashistii Xaaliyaanii qophii waggoota 40 booda marsaa lammaaffaaf Itoophiyaa weeraruuf dhufee injifannoo ummata gurraachaan ittigolabameedha.
Lolichis lola guyyoota torbaa ol kan fudhate ta’uu himanii; loltootni Xaaliyaanii Liibiyaa, Sudaaniifi Itoophiyaarraa kan ijaarame waan ta’eef lolichi cimaa ture. Cituun riqicha Qabariifi haala mijataan teessuma gaara Guraamaayileefi dhaqdhaqii laga Qabar gammasii gamanaa ture diina ce’uu dhorkachuun injifatamuu humna diinaa kumaataf sababa taeera.
Iddoo seenaqabeessi kun hawwata tuurizimii ta’uurra darbee guyyaa yaadannoo ayyaanichaarratti hoggantootni olaanaan argamuun ergaa dabarsaniin seennessa waloo cimsuufis shoora olaanaa qaba. Lolicharratti goototni akka Jaagamaa Keelloofi Garasuu Dukiifaa akka hirmaataan qorataan seenaa Saambee himaniiru.
Ganda Saambee, bosona Yaayyoo, Fincaa’aa bonaafi ganna fincaa’u 37, magaalaa Goree (‘open museum’)fi hambaalee 22 magaalattiitti argaman dabalatee hawwata turizimii godinichaa keessaa muraasa ta’uun ibsameera.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017