
Adaamaa: Rakkoo mana jireenyaa barsiisotaa qulqullina barnootaaf sababa ta’e furuuf hojjetaa jiraachuu Waajirri Barnootaa Godina Shawaa Bahaa beeksise.
Ittigaafatamaa waajjirichaa Barnootaa Godinichaa Obbo Girmaa Lammaa ibsa Gaazexaa Bariisaaf wiixata kennaniin, rakkoo mana jireenyaa barsiisota godinichaa furuuf hojiitti jiraachuu ibsaniiru.
Bara bajataa 2017 kana keessa barsiisota 307f mana jireenyaa kan ijaarsisuu himanii, tilmaamni qarshii miliyoona 140 ol baasii itti ta’uus kaasaniiru.
Baay’ina barsiisotaa akka godinaatti qabnu 7667n walbira qabnee yoo ilaallu fedhiin tajaajila mana jireenyaa madaalawaa miti kan jedhan Obbo Girmaan, waldaan gurmeessuunis fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf hojiitti jiraachuu eeraniiru.
Akka lafa mana jireenyaa argataniif hojiin barsiisota waldaan gurmeessuu Aanaa Booraa, Liiban Cuqqaalaa, Gimbichuufi Matahaaraatti milkaa’aa jiraachuu eeraniiru.
Kun ta’us lafa mana jireenyaa waldaan gurmeessanii kennuurratti hojiin hojjetame quufsaa akka hintaane ibsanii, warra carricha hinarganneefis ciminaan irratti hojjetamaa akka jiru kaasaniiru. Godinichi barattoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa kuma 309 ol simatee barsiisota 7,667n deeggaramee hojii baruu barsiisuu gaggeessaa jiraachuus dubbataniiru.
Sosochii warraaqsa barnoota qulqullina qabu waliin gahuu akka godinichaatti taasifamaa jiru gama barattootaanis inisheetiiviin nyaataa hojiirra oole jijjiirama fidaa jira jedhan.
Jijjiirraan walqabatee komii kanaan dura ka’aa ture furuuf hordoffii cimaan koreedhaan taasifamaa akka jiru ibsanii, barsiisaan/tuun bakkarraa bakkatti jijjiiramuuf ulaagaa taa’een malee firummaan ykn maatta’aa kennuun jijjiirraan raawwaatamu akka hinjirre hubachiisaniiru.
Erga jijjiirraan gaggeeffamee booda ulaagaa taa’een firiin barsiisotaa ifatti kan maxxanfamu yoo ta’u, kanneen shakkii qabanis ragaalee jiran akka ilaallatan taasifama jedhaniiru.
Dhimma kanaan walqabatee shakkiin yoo jiraate barsiisonni eeruu kennuu danda’u kan jedhan Obbo Girmaan, namoonni gocha akkasiirratti hirmaatan yoo argamanis tarkaanfii barbaachisaan akka fudhatamu dubbatu.
Alseerummaan akkasii rakkoo qulqullina barnootaa qaqqabsiisa jedhanii, koree barbaachisuun seeraafi iftoominaan akka gaggeeffamu hordoffiifi xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017