“Poolisiin federaala dhaabbata guddaa waggoota 116f biyyaafi ummata tajaajileedha” – Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el

Finfinnee: Poolisiin dhaabbata guddaa waggoota 116f biyyaafi ummata biyyattii tajaajile ta’uu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.

Guyyaan poolisii mataduree “Poolisii jijjiirame biyya jijjiiramarra jirtuuf” jedhuun sagantaalee garagaraan kabajamaa jiru boru haala ho’aafi agarsiisa loltummaan kan goolabamu ta’a.

Komishinara Jeneraalaa Dammallaash kabaja guyyichaa ilaalchisanii yaada kennaniin, jijjiiramaa as riifoormii dhaabbilee haqaa taasifameen walqabatee poolisiin federaalaa hirmaannaa ummataa cimsuun yakka ittisuufi qorachuu, sarbiinsa mirga namaa qolachuu, odeeffannoofi ragaa bu’uura godhachuun hojii hojjeteen bu’aa olaanaa galmeessuu ibsaniiru. Qorannoo yakkaa teknoloojiin deggerame, hidhannoo quunnamtii ammayyaa, qorannoo foreensikii akkasumas konkolaattota ammayyaawaa fayyadamuu danda’uu himanii; gurmaa’insa gama industirii,yuunivarsitiifi aveeshiniin diriirseen kenni tajaajilaa, omishtummaan akkasumas adeemsi baruufi barsiisuu bu’aaqabeessa akka ta’u shoora guddaa taphachuus eeraniiru.

Dhaabbatni mallattoo Sabootaa, Sablammootaafi Ummattoota biyyattii ta’e kun qaamolee nageenyaa biroon wal ta’uun nageenya biyyaafi lammiilee eegsisuu sadarkaa hundatti cimsee kan itti fufu ta’ uu dubbatanii; loogii tokko malee sadarkaa biyyaalessaafi idil addunyaatti nageenya biyyaafi lammiilee eegsisuurratti fakkeenyummaasaa qabatee tura jedhaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyehu Tashaagar gamasaaniin, Poolisiin Itoophiyaa dhaabbata sabdaneessa walharkaa fuudhiinsa dhalootaa ijaaramee as ga’e ta’uu eeranii; riifoormii adeemsifameen dhaabbata bu’aa olaanaa argamsiise ta’uu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You