“Nageenyaa bakka hojiif hojiirra oolmaan seeraafi danbiwwan ilaalamuu qaba ” – Obbo Kaasaahuun Foolloo

Finfinnee: Nageenyaa bakka hojii hojjetootaa mirkaneessuuf hojiirra oolmaan seeraafi danbiiwwan ba’anii ilaalamuu akka qabu Konfedereeshiniin Waldaa Hojjetootaa beeksise. Guyyaan Hojjetoota Addunyaa (Meey Deey) dheengadda, Ebla 23 mataduree “Mootummaan gaaffii konfedereshichi gaafateef deebii hatattamaa haakennu” jedhuun kabajameera.

Pirezidaantiin Konfedereeshinichaa Obbo Kaasaahuun Foolloo ayyaanicha ilaalchisuudhaan ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, Itoophiyaan nageenya bakka hojii kabachiisuuf seerotaafi dambiiwwan jiraatanis raawwiinsaa sirnaan waan hinhordofamneef hojjetaarraan miidhaa geessisaa jira. Omishaafi omishtummaas hir’isaa jira jedhan.

Balaan qaqqabaa jirus balaa baasii xiqqoodhaan ittisuun danda’amuun ta’us damee konistiraakishiitti gaaga’ama lubbuu hojjettootaa qaqqabsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Akka ibsasaaniitti, balaa qaqqabuun humni namaa muuxannoo qabuu miidhuun omishaafi omishitummaan akka hir’atu taasisaa jira. Hojjechiisaan tokko meeshaaleefi leenjii nageenya bakka hojii kabachiisan dhiyeessuun komee hojjetootaaf deebii kennuu dirqama. Seeraafi danbiiwwan jiran kabajamuu dhabuun balaa baasii xiqqoon ittisuun danda’amuun hojjettootni du’aafi miidhama qaamaaf saaxilamaa jiru.

Keessumaa hojjetootni damee hojii konistiraakishiniitti hirmaatan carraan Konfedereeshiniin Waldaa Hojjettootaatti miseensa ta’uusaanii dhiphaa waan ta’eef balaawwan garagaraatiif saaxilamoodha jedhaniiru.

Nagummaan bakka hojii iddoowwan hundatti barbaachisaa ta’uu himanii; hojjettootni yoo nageenyi bakka hojiisaanii kabajameefii hojjechuu hindandeenye akka biyyaatti gaaga’ama guddaa fida.

Balaa haala kanaan qaqqabuun hojjetaan tokko maatii bulchurraa yoo lubbuunsaa darbe maatiinsaa hundi balaaf saaxilamu. Hojjechiisaanis hojjetaa muuxannoo qabu dhabuudhaan omishaafi omshitummaansaa hir’achuun walqabatee akka biyyaatti miidhaa waan qabuuf hojiirra oolmaa seerotaafi dambiiwwan balaa ittisaniif dursi kennamuu qaba jedhan.

Konfedereshinchi dhimma kana dammaqinaan akka hordofu himanii; to’attootni mana hojii nageenya hojjetootaaf xiyyeeffanaa akka kennaniif gaaffiin konfedereeshinichaan gaafatamu cimee ittifufa jedhaniiru.

Guyyaan Hojjettoota Addunyaa marsaa 136ffaan akka Itoophiyaatti marsaa 50ffaa mataduree “Mootummaan gaaffii konfedereeshinichi gaafateef deebii hatattamaa haadeebisu” jedhuun kabajameera. Gaaffiileen konfedereeshinichaan mootummaaf dhiyaatan hanga ammaatti waan deebii hinarganneef matadurichis haaluma kanaan qophaa’uu ibsaniiru.

Gaaffiilee, kaffaltiin mindaa hojjetootaa inni gadaanaan akka biyyaatti hamma akka ta’u adda baafamee hojiirra haa’oolu, gibirri hojjetaarraa citu fooyya’uufi kanneen biroon Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiif dhiyaatanii deebii eeggachaa ayyaanichi ayyaaneffatameera jedhan.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You