
Finfinnee: Hanqinni humna nama baratee seektara loojistiksiitiif qormaata ta’uu Ministeerri Geejibaafi Loojistiksii ibse.
Ministir De’eetaan ministirichaa Obbo Dheengee Boruu waltajjii waljijjiirraa muuxannoo Roobii darbe Finfinneetti adeemsifamerratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti; sektarichatti humni nama baratee gahoomee dhabamuun tajaajila loojistiksii biyya keenyaa duubatti harkiseera.
Dhaabbileen barnoota olaanaa hanqina kana furuuf sadarkaalee hundatti barnoota seektarichaan walqabatuufi humna namaa gahoome omishuu qabu. Barnootni kennamus yaadrimee qofa osoo hintaane gochaan kan deeggarame tahuu qaba jedhan.
Kanaafis fooyya’iinsi sirna barnootaa akka taasifamuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, dhaabbilee tajaajila loojistiksii sadarkaa addunyaatti dorgomtoo ijaaruun barbaachisaa ta’uu beeksisaniiru.
Loojistiksiin waan hunda. Loojistiksiin dhimma qonnaa, indastirii, albuudaa, turizimiifi teknolojii keessatti akka raabsituu dhiigaa qaama namaatti ilaalama jechuun gumaacha sektaeichaa ibsaniiru.
Akka biyyaatti biyyi keenya guddina gama maraa agarsiisaa jirti. Guddinni kun dameelee qonnaa, albuudaa, indastirii turizimiifi teknolojiifaa keessattis bal’inaan muldhachaa jira.
Guddina kana ittifufsiisuuf keessumaa pirojektota guguddoo akka Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaafaa loojistikaitiin ala homaa miti. Guddinni dinagdee qonnaas ta’ee indastirii ashaaraan loojistikii keessa hinjirre hinjiru jedhan Obbo Dheengeen.
Dhaabbileen loojistiksii biyyarra darbanii sadarkaa ardiifi idiladdunyaatti hojiiwwan loojistiksii guguddoo kanneen hojjetan jiru. Sadarkaa biyyaatti fedhii loojistikii jiru guutanii baasiifi yeroo qusatanii tajaajila kennaa kan jiran dhaabbilee hedduudha jechuunis ibsaniiru.
Tajaajilli loojistiksii omishoota biyya keessatti omishaman qulqullinaafi yeroodhaan dhiheessuu qabna. Kanaaf immoo sirna loojistiksii keenya ammayyeessuufi saffisiisuu nu barbaachisa. Dhaabbilee tajaajila loojistiksii qindaa’aniifi dorgomoo ta’anii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Sirni loojistiksii keenya kan yeroofi baasii qusatuufi teknolojiitti madaqe ta’uu akka qabus dubbatanii; mootummaanis dagaagina sektarichaatiif xiyyeeffannoon akka hojjetu beeksisaniiru.
Dhaabbileen tajaajila loojistikii rakkoo humna nama baratee isaan muudate furuuf leenjii keessoo kennuuun furachaa turuu eeranii; mootummaan dhimma kanarrattis xiyyeeffannoon hojjechuu qaba jedhaniiru.
Waljijjiirraa muuxannoo yeroo lammaffaaf gaggeeffame kanarratti wantoonni akka rakkootti gama dhaabbilee tajaajila loojistikiitiin ka’an jiru. Isaan keessa tokko rakkoo labsii yeroosaa hineegganneefi ammaa amma bahu, hanqina sharafaa alaa, dhiheessii lafaafi gumrukiin walqabatan furamuufii akka qabu kaasaniiru.
Tamaam Abdullee
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017