
Jijjiirama dinagdee gooroo dura doolaarri gabaa idileerraa qarshii 58 gabaa gurraacharraa ammoo qarshii 122 ta’uun sochii dingdee biyyattii sakaaluu bira darbee sirni gabaa jeequmsa hamaa keessa galee turuun ni yaadatama.
Jijjiirama kanaan garaagarummaan sharafa alaa gabaa idileefi gurraacha jidduu jiru daran dhiphachuu qofa osoo hintaane doolaarri biliyoonaan lakkaa’amu gabaa Itoophiyaa keessa akka seenu taasifameera.
Har’a dubbiin faallaa ta’ee kan duraan hanqinni doolaaraa rakkoo ture har’a hanqinni qarshii sochii daldalaarratti dhiibbaa itti uumuu daldaltoonni wayita komatan dhageenyeefi dhimmoota biroorratti yaada Pirezidaantii Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Abbee Saanoo qabannee dhiyaanneerra.
Jijjiiramni dinagdee gooroo gabaa gurraacha dhiphisuurratti
Jijjiirama dura garaagarummaan gatii doolaaraa gabaa idileefi gabaa gurraacha jidduu gara qarshii 70tti hiiqa. Daldalaan meeshaa tokko doolaara qarshii 58n bite gatiidhuma warra doolaara gabaa gurraacharraa qarshii 122fi sanaa oliin biteen gabaaf dhiyeessaa ture.
Kun ammoo biyya tokkotti sirnoonni gabaa lama akka jiraatan gochuun biyyattiin jeequmsa gabaa hamaa keessa akka buutu taasisuu cinatti lammiilee biyyattirratti qaala’iinsa jireenyaa ulfaataa fideera.
Jijjiiramni dinagdee gooroo bulchiinsa maallaqaarratti bu’aa olaanaa fiduu danda’eera. Qaala’iinsi gatii daran saffisaa ture maallaqa gabaa keessatti dhangala’ee ture guuruun dhangala’iinsa maallaqaa gabaa keessatti taasifamu nageetivii shanitti gadibuusuun danda’ameera.
Dhangalaatii maallaqaa dhaabuun dinagdee kufaatiirraa baraaruu keessatti shoora guddaa waan qabuuf ejjennoofi kutannoo siyaasaa mootummaan calaqqisiise olaanaadha. Ilaalchi gatii doolaaraa sammuu nama hundaa waan dhuunfateef gatiin meeshaalee dhibbantaa 200 dabalaa ture to’annoo taasifameen maqsuun danda’ameera.
Haa ta’u malee, qaala’iinsi gatii doolaara waliin walitti dhufeenya kallattii hinqabne akka jirus Obbo Abbeen dubbataniiru. Omishaaleen qonnaa biyya keessatti hirpha mootummaan xaa’oof taasisuun omishaman qaala’uun sirrii waan hintaaneef hanga tokko to’annoofi hordoffii kan gaafatuudha.
Mootummaan inisheetiviwwan garaagaraa boocuun omishaafi omishtummaa dabaluuf deggarsa barbaachisaa taasisaa jira. Ta’us gatii omishaalee doolaara waliin walitti dhufeenya hinqabne kana sirreessuun hojii manaa itti adeemamuu qabuudha jedhaniiru. Hundaa ol, qaala’iinsa gatii omishaalee qonnaa sadarkaa barbaadameen gad buusuuf omishtummaa daran dabaluun barbaachisaadha jedhaniiru.
Qaala’iinsi gatii kun qusannaarratti dhiibbaa uumeera?
Hangi bittaa maallaqaa wayita gad bu’ee qusannaarratti dhiibbaa qabaachuusaa waanuma beekamudha. Haa ta’uutii, hangi bittaa qarshii Itoophiyaa dhibbantaa 70n gadibu’us qabatamaa jiruun qusannaan daran dabaleera. Ji’oota saglan darbanitti qusannaan baankichatti taasifame qarshii biliyoona 415.6 ga’eera.
Bara darbe kan waggaa guutuu qarshii biliyoona 120 qusatameen wayita walbira qabamu daballii jiru daran olaanaadha. Waliigalaan wayita ilaalamu ammoo qusannaan baankichaa gara qarshii tiriiliyoona 1.6tti hiiqaa jira.
Kunis jireenyi Itoophiyaanota hundaa doolaarratti waan hundoofneef sirna sochii maallaqaa dijitaalaa waan dabaleefi Ummatni biyyattii dhibbantaa 85 ta’u baadiyyaa jiraatu baay’eensa waan doolaaraan bitamee alaa galurratti kan hirkatu waan hintaaneef aadaan qusannaa dabalee jira.
Dur wanti qarshii 100 bitamu har’a qarshii 200 ta’uu mala. Ta’us akka durii qarshii baankii baasanii harkatti kaashii baachuu hafee siistamaan daldalamaa waan jiruuf sochiin qarshii maallaqaa gara nama tokkoo isa biraa deemu carraadhuma baankiitti deebi’uu qaba.
Ammaan tana doolaara caalaa qarshii argachuun dhuguma rakkisaadha?
Jijjiirama dura fedhiin sharafa alaa argachuuf taasifamaa ture olaanaa ta’uusaan namni hiriira galee matta’aa hanga kaffalutti dirqamaa ture. Har’a hanqinni sharafa alaa waan furameef fedhiin jiru daran gadaanaadha.
Omishaaleen seeraan ala gara biyya alaatti ba’an gara seeraatti deebi’uun yoo xiqqaate Itoophiyaan doolaara biliyoona 2.5 akka argattu taasisuun rakkoo sharafa alaa furuuf tattaaffii taasifame keessatti qooda mataasaa gumaacheera.
Asirratti wanti hubatamuu qabu deggarsaanis haa ta’u liqaan sharafni biyya alaarraa argamu erga waliigalteen mallattaa’ee boodayyuu gadilakkifamuuf hanga waggaa ja’aatti wayita turu jira. Sharafni alergiirraa argamu garuu har’a saanduqa biyyatti gala. Ta’us omishtummaa alergii dabaluurratti rakkoon nageenyaa hudhaa ta’e furuun barbaachisaadha.
Komii hanqina qarshii ilaalchisee akka jedhanitti, biyya ganaa guddinarra jirtutti wanti jiru gahaadha jedhamuu baatus sadarkaa komirra ga’uun rakkoon mudate hinjiru. Hanqina qarshii jedhame furuuf ji’oota saddeet darbanitti dhangalaatii qarshii gabaa keessatti dhibbantaa 24.7n dabaluun danda’ameera.
Baankiin Biyyaalessaa sookoo doolaara biliyoona 2.2 bite qarshiisaa gabaa keessaa hinsassaabne waan ta’eef dhangalaatii qarshiirratti shoora mataasaa qaba. Tarii wanti akka komiitti ka’u fedhiin daldaltootaa dabaluuf kan walqabatu ta’uu akka maluufi liqa yeroon deebisuu dhabuun walqabachuu akka danda’us ibsaniiru. Baankiin Biyyaalessaa sirna liqaa deebisuun walqabatee qajeelfama jabaa baaseera. Daldalaan liqaa yeroo jedhame keessatti deebisuu dhabuun qarshii argachuu dhabuu danda’u.
Baankonni biyya alaa gara Itoophiyaa akka dhufan eeyyamuun carraa moo qormaata?
Baankonni biyya alaa gara Itoophiyaa dhufuun halkan tokkotti baankota biyya keessaa hojii ala taasisu jedhanii sodaachuun sirrii miti. Baankiin daldala Itoophiyaa akkuma maqaasaa baankii ummata biyyattiin bu’uureffame waan ta’eef baankii salphaatti qormaata kamiifuu harka kennu miti.
Akkuma baankii Safaarii Koom wayita Itoophiyaa seenu Itiyoo-teleekoom halkan tokkotti hojii ala waan ta’u kan itti fakkaate hedduudha. Ta’us dhaabbatni kun bu’uurrisaa ummata biyyattii waan ta’eef gama hundaan dorgomaa ta’ee hojiisaa haala ajaa’ibsiisan babal’ifachaa jira. Baankii daldala Itoophiyaas herrega kamiinuu gufuun dorgomaa hin taasifne hinjiru.
Akka isaan jedhanitti, baankii daldalaa qofa osoo hintaane baankonni dhuunfaa bu’uura jabaa qaban ja’an tokko baankii biyya alaa kamuu dorgomuuf ga’umsa qabu. Baankonni bu’uuraalee misoomaafi qabeenya humna namaan qixa sirriin hin ga’oomne qormaata keessatti kufuu danda’u. Qormaatni guddaan baankii biyya alaa galu osoo hintaane waldorgommii baankota biyya keessaa jidduutti taasifamudha.
Baankiin alaa teknolojii fooyya’aa qabatee sharafa alaa gahaa qabuun Finfinneerratti dippiloomatotaafi abbootii qabeenyaa ofitti hawwachuu danda’u. Hojjetaa ga’umsa qaban muraasa mindaa guddaa kaffaluun ofitti hawwachuu danda’u. Ta’us kutaalee biyyattii hunda ga’uun bu’uuraalee misoomaa diriirsuun Baankii Daldala Itoophiyaatiin dorgomuuf waggaa hedduu itti fudhata.
Baankiin biyya alaa akka jedhamu sharafa alaa fidee ummataaf qoodu hinjiru kan jedhan Obbo Abbeen; sharafa alaa isaan biyya keessatti fidu jedhamee eegumu doolaarri miliyoona 40 Baankiin Daldala Itoophiyaa guyyaa tokkotti argachuu akka danda’us ibsaniiru.
Baankiin biyya alaa kun doolaara fidu hunda gabaarratti guutummaatti kan gurguru taanaan kisaaraa keessa waan galuuf hanga ta’e harkatti qabata. Haala kanaan ammoo guddina baankota biyya keessarratti dhiibbaa uumu ni galmeessa jedhamee hin eegamu.
Baankiin biyya alaa kun hojjetaa muraasa qarshii guddaafi hawwataa waan kaffaluuf baankonni hojjetaa of harka turfachuuf miindaa dabaluun baasii dabalataaf akka saaxilaman dirqisiisa. Kun ammoo bu’aa baankotaa gadibuusuurratti dhiibaa uumuu danda’a. Walumaagalatti, baankiin daldala Itoophiyaa dhiibbaawwan baankota alaan walqabatee dhufu hunda qolachuuf qophii barbaachisu hunda taasisaa jira.
Waaqshuum Fiqaaduu
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017