Dorgommiin Liigii Piriimeerii Oromiyaa olaantummaa Magaalaa Dambi Doolloon xumurame

Dorgommiin Liigii Piriimeerii Oromiyaa barana yeroo jalqabaaf marsaa lamaan adeemsifamaa ture. Dorgommiin liigichaa marsaan jalqabaa kilaboota 11 hirmaachisuun magaalaa Naqamtee, Istaadiyoomii Wallaggatti adeemsifamaa ture. Dorgommiin liigichaa marsaa lammaffaa kilaboota 10 hirmaachisuun Magaalaa Adaamaa, Istaadiyoomii Abbabaa Biqilaatti adeemsifamaa ture ammoo dheengadda olaantummaa Kilabii Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doollootiin xumurame.

Kilabiin Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Dambi Dolloo tapha xumura liigichaa dheengadda Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin taphate goolii 3fi 1’n injifachuun shaampiyoonii ta’eera.

Kilabiin Magaalaa Dambi Doolloo taphoota liigichaa 19 taphate keessaa 10 injifatee, 3 qixa bahee 6’n mo’amuun qabxii 33’n sadarkaa 1ffaa baheera. Leenjisaan kilabii kanaa Cuuyyee (Taarikuu Taammiraat) leenjisaa cimaa Liigii Piriimeerii Oromiyaa 2017 ta’uun badhaafameera.

Kilabiin Yunivarsiitii Dambi Dollloo galchii 11fi qabxii 32n sadarkaa lammaffaa, Kilabiin Gullisoo galchii saddeetiifi qabxii 32n sadarkaa sadaffaa, Kilabiin Leeqaa galchii lamaafi qabxii 32n sadarkaa afuraffaafi Kilabiin Giincii galchii sadiifi qabxii 28n sadarkaa shanaffaa kan bahan yoo ta’u, kilaboonni liigicharratti hanga sadakaa shanaffaatti bahan kilaboota Oromiyaa bakka bu’uun shaampiyoonaa kilaboota naannoleerratti kan hirmaatan ta’u.

Kilabiin Kubbaa Miilaa Yunivarsiitii Dambi Dollloo liigicha sadarkaa 2ffaan xumuruun Meedaaliyaa meetiifi waancaa naamusa gaarii dorgommichaa fudhateera.

Magaalaan Dambi Dolloo Liigii Piriimeerii Oromiyaa bara 2018, marsaa 1ffaa, akka qopheessuuf carraan kennameeraafi.

Gooli eegaa Bulchiinsa Magaalaa Gullisoo Yoo’eel Habtaamuu goolii eegaa cimaa Liigii Piriimeer Oromiyaa bara 2017 ta’uun badhaafameera.

Taphoota liigichaa waliigalaa gaggeeffamaniin galchiiwwan 223 yoo lakkaa’aman, taphataan sarara fuulduraa Bulchiinsa Magaalaa Giincii Abdii Humneessaafi taphataan sarara fuulduraa Yuunivarsiitii Dambi Doolloo duraanii Alqaadir Abdallaa goolliiwwan hedduu lakkoofsisuun badhaafamaniiru

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You