
Dameen indastirii toora xiyyeeffannaa mootummaa keessaa isa ijoo ta’uun beekamaadha. Gama kanaan hojiileen dinagdee biyyattii qonnarraa indastiriitti ceesisuun bu’aa olaanaa argamsiisan argamaa jiru.
Ministeerri Indastirii ergama kana abbummaan fudhachuun sochiilee garagaraa taasisaa jira. Nutis hojii waliigalaafi raawwii ji’oota sagalii ministeerichaa ilaalchisuun Ministir De’eetaa Ministeerichaa Obbo Taarraqanyi Bulultaa keessmmaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Yeroo keessaniif galatoomaa jechaa, mee dubbistoota Gaazexaa Bariisaatiin walbaraa.
Obbo Taarraqany: Isinis galatoomaa. Maqaan kiyya Taarraqany Bulultaa Godaanaa jedhama. Dhalooti kiyya Godina Gujii Bahaa, Magaalaa Adoolaa Reeddiiti. Barnoota kiyya sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa ammoo Aanaa Oddoo Shaakkisoottin baradhe.
Digrii kiyya jalqabaa ‘Computer Science’n Yunvarsiitii Finfinneettin baradhe. Ittaansuun “Sociology and Social Work’ Yunvarsiitii Jimmaarraa digriidhuma jalqabaatiin baradheera. Digrii kiyya lammataa ‘Trade and Economics’ Kolleejjiin Aviyeeshinii Yunvarsiitii Keeniyaa waliin ta’uun barsiisurraa argadhe.
Gama hojiitiin sadarkaa ekispartummaarraa hanga hogganummaatti bakkeewwan garagaraa hojjedheera. Bara 2001 hanga bara 2005tti ekispartii ta’ee hojjedheera. Bara 2005 gidduurratti ammoo gorsaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa ta’ee sadarkaa hogganaa ittaanaa biirootti hojii muudamaa hojjehcuu eegale.
Bara 2006 irraa kaasee hanga bara 2008tti Bulchaa Godina Gujii Bahaa ta’ee tajaajileera. Gorsaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ees hojjedheera. Bara 2008- 2010 waggaa tokkoof Bulchaa Godina Harargee Bahaa ta’ee tajaajileera.
Isa booda gara Oromiyaa dhufuun Hogganaa Ejensii Babal’insa Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa, Hogganaa Biiroo Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafaa Oromiyaa ta’ee ergan hojjedhee booda ammoo gara federaalaattin dhufe. Ergan gara federaalaa dhufee naannoo waggaa sadiifi walakkaati. Erga mootummaan haaraa hundaa’e bara 2014tti gara Ministeera Indastiriitti dhufee, ergasii achumaan hojjechaa jira.
Bariisaa: Ijoollummaa keessanitti barataa akkamii turtan? Maal ta’uu hawwaa turtan?
Obbo Taarraqany: Yeroo barataa tureetti cimaan ture. Waggaa tokkotti yeroon kutaa dachaa darbellee qaba. Kutaa tokkoo gara kutaa sadiitti. Keessumaa kutaa ja’affaadhaa jalqabee barnootaatti xiyyeeffannaa kennuu jalqabuukootiin sadarkaa tokkoffaan ba’ee dorgomaan ture. Qormaata kutaa saddatteeffaas 99.1 fideen darbe. Yunvarsiitiis kanin seene qabxii olaanaa fideeni. Barattoota jalqaba qophaa’ina baratanii sirna barnoota haaraa yeroosiitiin yunvarsiitii seeneen ture.
Hawwiinkoo jalqaba hojii mootummaa ta’uu ykn siyaasaatti seenuu hinturre. Amantii Piroteestaantii waanin hordofuuf tajaajilaan ta’a jedheen hawwaa ture. Garuu yommuun barataa sadarkaa lammaffaa ture gaaffiiwwan tokko tokko gaafachaan ture.
Waa’ee mirga namoomaatiin walqabatee, sosochiin barattoota Oromoo iddoowwan garagaraatti ka’aa tureenin utuun hinbeekiin gara sanatti gale. Wantoota ta’an maaliif ta’an? Mirgi walqixxummaa ummata Oromoo maaliif hinkabajamu? Gaaffiin abbaa biyyimmaa ummata Oromoo maaliif hindeebi’u? kanneen jedhan keessakootti uumamuu eegalan.
Bara 1997 yommuun yunvarsiitii seenu ammoo yeroo filannoon yoo ta’u, Finfinneetti Paartii Qindoomina (Qinjit) jedhamutu injifate. Mallattoon paartichaa ammoo quba lama ture. Hiriyyaankoo tokko “Mallattoo kana beektaa?” jedhee na gaafate. “Lakki” jennaan, “Ummata Oromoo jaarraa tokkoof gabroomsineerra, jaarraa tokko dabalanna jechuudha” jedhee natti hime. Kun anaafi hiriyyoota kiyya xiiqii keessa nu galchee gaaffii garagaraa gaafachuu eegalle. Koreewwan keessattis miseensa ta’ee hirmaachuu eegale.
Dhumarratti marii paartiin biyya bulchu guyyoota 27f magaalaa Adaamaatti qopheesserrattin hirmaadhe. Achirrattis gaaffii Oromoo waliin taanee hiikuu akka dandeenyu, humnoota mirga Oromoo dhiituufi sarbuu barbaadan ammoo waliin taanee irratti qabsaa’uu akka qabnu nuu kaanaan ergamawwan lama fudhannee Paartii Oromoo yeroos ‘DhDUO’ jedhamutti makamne. Yeroosii kaasnee erga hojiitti bobbaanees karaawwan addaddaa qabsoo taasisaa turre. Jijjiirama amma dhufeefis gahee keenya ba’anneerra. Keessumaa, yommuun ergama fudhadhee gara Harargeetti deeme dargaggeessa ijaaruurratti hojjetaan ture.
Bariisaa: Inni isin yeroosii kaastanii qabsaa’aafi turtaniif amma bakka ga’eera jechuu dandeenyaa?
Obbo Taarraqany: Oromoon qabsoodhaan sirna kana dhaabe. Amma ammoo kan ta’uu qabu sirna kana akkamiin ittifufsiisna, sirni kun akkamiin Oromoo fayyadee saboota biroos fayyada inni jedhu xiyyeeffannaa barbaada. Oromoon saba guddaadha; gaaffii ofii qabu deebisuun waa tokko ta’ee utuu jiruu, gaaffiin saboota biroo deebisuu ammoo nurratti kufee jira.
Kunis hojiitti jirama. Gaaffii Oromoo deebisaa gaaffii saboota kanaan dura akkuma Oromoo dhiibamaa turanii deebisaa jirra. Kanneen paartii biyya bulchuu keessatti miseensa hinturre, paartiiwwan deggartoota jedhamanii waamamaa turanii miseensa taasisnee gara walakkaa biyyaatti fiduu eegalleerra.
Ammas qabsoon gaggeeffamaa jira; hinxumuramne. Isaan tokko olaantummaa isaanii kanaan dura ture deebifachuuf tattaafachaa jiru. Masaraan mootummaa kun kan abbaa keenyaati, isa deebifachuutu nurra jiraata, Oromoon biyya bulchuuf gahumsa hinqabu, biyya bulchuun isinirraa hinbareedu jedhan jiru.
Nuti gaaffiin keenya gaaffii olaantummaa osoo hinta’iin kan walqixxummaati. Hiree biyya kanatti mirga walqixxummaa sabootaa mirkaneessuuf waltaanee qabsaa’uu qabna. Gama biraatiin ammoo siyaasa keessatti ammas qixa fayyadamuu, qixa hirmaachuun jiraachuu qaba.
Gaaffii sablammootaa deebisuun kan Oromooti jechuudha. Gama tokkoon gaaffii keenya deebisuu, gama biraatiin ammoo gaaffii saboonni qaban deebisaa deemuu barbaachisa. Siyaasa qofa miti dinagdeerraas akkasuma walqixa fayyadamuufi mirga abbaa biyyummaa mirkaneessuu barbaachisa.
Garaagaarummaa qabsoo Oromoo keessa jiru mariidhaan furuutu nurra jiraata. Amma akkuma mul’atu karaawwan garagaraatiin walqoodnee jirra; fakkeenyallee ta’uu hindandeenye. Ummata siyaasaa ta’uu qabna. Yoo ummata siyaasaa taane maal akka barbaannu sirriitti adda baasnee keenya.
Dinagdeerraa maal barbaanna? Oromoon siyaasa biyya kanaa akkamitti keessummeessuu qaba? saboota biyya kanaawoo akkamiin keessummeessuun nurra jiraata? Kanneen jedhan irratti waliigallee deemna taanaan waan wallolluufi waldura dhaabannuuf hinqabnu. Amma karaawwan addaddaatiin waldura dhaabachuun keenya ummata bal’aa kana xiqqeessaa jira; gara fuuldurraattis nu tarkaanfachiisuu hindanda’u.
Kanaaf hayyoonni Oromoo biyya keessas biyya alaas jiran walitti dhufanii sirna kana utubuun gara fuulduraatti ittifufsiisuu qabna. Kana dura rakkoo kan ture rakkoo hoggansaati. Hoggansa fageessee yaaduu danda’u, haggansa warra isaan faallaa jiran mara caalee argamuu danda’u dhabuu ture kan nu miidhe.
Amma ammoo nama qaroo ijaa biyya kanaa ta’e Doktar Abiyyi Ahmadiin arganneerra. Isa faana hiriiruu nurra jira. Yeroo baay’ee hoggansi tokkichatu ka’a. Isa tokkicha ka’u cinaa dhaabattee mul’atasaa qooddattee waliin hojjechuu barbaachisa.
Nuti ammoo akka sabaatti kanarratti hanqina qabna. Kana sirreessinee waliin hojjechaa deemnaan injifachuu akka dandeenyu injifannee agarsiisneerra. Sirna ijaaruu akka dandeenyu sirni amma ijaaraa jirru agarsiisa. Karaa biraatiin guddina hawaas dinagdeefi siyaasaa fiduu akka dandeenyu gama hundaan agarsiisneerra. Kanarratti waltumsina taanaan imala caalu deemuu dandeenya.
Bariisaa: Kanaan walqabbatee injifannoon siyaasaa argame dinagdeedhaan dabaalamee fayyadamummaan ummata Oromoo caalaatti akka cimuuf dargaggoonni maal gochuu akka qaban osoo nuu kaastanii?
Obbo Taarraqany: Jijjiirama siyaasaa addunyaa kamirratti dhufu keessatti yeroo hunda adda dureen dargaggeessa. Dargaggeeessi yaada maddisiisuudhaan, waraana jijjiiramaaf taasifamu keessatti fuuldura ta’ee wareegamuunis qooda olaanaa qaba. Kan Oromoos kanaa ala hinta’u. Kanaafuu injifannoo argame keessatti dargaggoonni karaa ijaarameefi bittanaa’een qabsoon gaggeessaa turan wareegama isaan biyya kana keessatti kanfalan olaanaadha. Qabsoon daraggoonni sooo keessatti hinhirmaatiin milkaa’e hinjiru. Akka Oromoottis qabsoo waggoota dheeraaf taasifame keessatti wareegamni dargaggoonni kanfalan adda durummaadhaan eerama.
Kanaaf dargaggoo amma jirurraa kan argamu tokko, injifannoo tikfachuudha. Wanti tokko bu’aa argamsiisuu kan danda’u turmaatasaarratti hundaa’eetu. Yeroo gabaabaa ture taanaan bu’aansaa guddaa hinta’u.
Kanaaf wanti sun yeroo dheeraaf ittifufiinsa qabaannaan bu’aa irraa barbaannu argachuu dandeenya. Inni lammataa ammoo gahee nurraa eegamu taphachuudha. Carraa argame kana keessatti hirmaachuun qonnee irraa argachuuf, kan qonne gabaaf dhiheessinee galii irraa argachuuf carraan uumameera.
Dinagdee keessatti keessumaa seektaroota mootummaan xiyyeeffannaa itti kennetti dargaggoonni hirmaachuu qabu. Dinagdeen qooddaa miti, akkuma hirmaatteen fayyadamaa taata. Namni sirriitti kalaqa yaadaa, karoora gaariifi mul’ata qabu caalmaatti irra fayyadamuu danda’a. Kanaaf dargaggeessi adda durummaadhaan dinagdeetti seenee fayyadamuun irra jiraata. Biyyiifi sirni kun kansaati. Sirna kana ittifufsiisuufi gadidhaabuu kan danda’u dargaggeessa.
Gama mootummaatiin ammoo yeroo hunda imaammatawwan ba’an keessatti hammattummaan ilaalamaa deemuun irra jiraata. Imaammanni gaafa ba’u hammam dargaggeessa, miidhamtoota qaaamaa, dubartoota fayyadeera akkasumas hirmaachiseera inni jedhu ilaalamuu qaba. Imaammanni ba’eemmoo akkamiin hojiirra oolaa akka jirus qoratamaa deemuu qaba.
Bariisaa: Mee gara seektara hogganaa jirtanii, Ministeera Indastiriitti haa dhufnuuti, sochiin waliigalaa ministeerichaa maal fakkaata? Maalirratti xiyyeefatee hojjetaa jira?
Obbo Taarraqany: Mootummaan jijjiiramaa seektara dinagdee xiyyeeffannaa itti kenne qaba.
Seektaroota shan xiyyeeffannaa kennameef keessaa indastiriin omishaa tokko. Kaan qonna, turizimii, albuudaafi Teknolojii Qunnamtii Odeeffannooti. Biyyoonni guddataniiru jedhamanii eeraman daandii isaan irra deemanii guddatan yoo ilaalame indastiriin omishaatiini. Indastiriin omishaa guddina biyyaa amansiisaafi ittifufiinsa qabu uumuu dandeesisa. Biyyi tokko bu’uura dinagdee cimaa yoo qabaate, biyyi sun indastiriirratti kan hirkatteedha jechuudha.
Kanarraa ka’uun seektarri kun waggaa 10 keesatti maalirra ga’uu qaba, maaltu irraa barbaadama isa jedhuuf karoorri qabamee hojiitti seename. Bu’uuruma kanaan wantoota seektara kanaaf barbaachisan keessaa dinagdee gooroo keessatti gaheesaa akka ba’atu gochuudha.
Fakkeenyaaf omisha biyyaa waligalaa (Gross Domestic Product ‘GDP’) keessatti yoo ilaalame guddaadha jedhanii fudhachuun hindanda’amu. Qooda waliigalaa keessaa gara dhibbantaa 6.8ti. Kun hojiin damee kanarratti hojjetamu gara fuulduraatti xiyyeeffannaa olaanaa akka barbaadu agarsiisa.
Gama biraatiin carraa hojii uumuu barbaanna. Biyyi keenya baay’ina ummataa gara miliyoona 130tti tilmaamamu qabdi. Kana keessaa dhibbantaan 60 ol dargaggoota. Dargaggoon ammoo humna omishaa, humna indastiriifi humna jijjiiramaati. Indastirii biyya tokkoo keessatti kan barbaachisu tokko humna namaati. Humni namaa barbaachisummoo dargaggeessa. Dargaggeessa yunvarsiitii ykn BLTO keessatti leenji’ee ba’etu barbaadama. Humna jiru kana humna omishaa gochuun yoo hindanda’amne bu’aa tokkollee hinqabu.
Kana malees indastiriirraa kan barbaadamu omisha. Kana jechuun biyya kanatti omishawwan addaddaa indastirii keessaa ba’an dabaluu barbaachisa. Amma omisha baay’ee omishaa hinjirru; garuu ammoo xiyyeeffannaadhaan omisha baay’ee omishuu qabna. Kunis akkaataan gabaa biyya keessaatiif dhihaatu dabalaa deemuu qaba.
Gama kanaan yommuu karoora waggaa 10 jalqabamu omishni biyya keessaa gara dhibbantaa 30 irra ture. Dhibbantaa 70 biyya alaatii galchaa turre jechuudha. Kana karoora waggaa 10n gara %60tti geesisuufi, kan hojjetamaa jiru. Omishawwan huccuu, farniicharii, elektirooniksii, injiiriingii, nyaataafi dhugaatii, alkooliifi kkf ta’uu danda’a. Omishawwan kanneen biyya keessatti fayyadamuun adeemsa keessa dabalaa dhufuutu irra jiraata jechuudha.
Kana malees sharafa alaa argamsiisuun walqabatee waan jiru sirreessuudha. Akkaataa har’i addunyaan ittiin jiraattu dadala. Daladalli ammoo bitachuu qofa osoo hinta’iin gurgurachuu danda’uudha. Yoo gurguratte waan ittiin bitachuu dandeessu argatta. Kun dadhabbiiwwan garagaraa qabaatus dabalaa deemuutu irra jiraata. Gama kanaan waggoota 10 keessatti doolaara biliyoona sagal argachuuf karoorfannee hojjetaa jirra.
Inni biraan dhimma galiiti. Biyyi tokko guddachuuf galii maddisiisuu qabdi. Galii nuti amma maddisiisaa jirru bu’uurrisaa maali kan jedhu ilaalamuu qaba. Galiin biyya tokkoo guddachuu kan danda’u yoo indastiriin guddateedha. Fakkeenyaaf kaampaanii Kookaa Kollaa Itoophiyaa yoo fudhanne waggaa tokko keessatti yoo xiqqaate gibira qarshii biliyoona shan kaffala.
Kanaaf indastirii akkanaa 20,30 utuu qabaannee galiin isaan biyyaaf argamsiisan olaanaadha. Indastiriiwwan omishan, omishasaanii gurguranii, carraa hojii uumanii galii maddidiisuu danda’u qabu.
Kana gochuuf ammoo invastimantiin indastirii amma jiru gahaa miti. Invastimantii dabalataa gaafata. Kanaafuu haalaafi seera mijataa, imaammatawwan dorgomoofi mijataa ta’an qopheessuun murteessaadha. Bu’uurri indastirii keenyaa amansiisaa ta’uuf invastimantii dabalataa gaafata. Kanaaf haala mijataa uumuu qabna jechuudha.
Invastimantiin kallattii alaa akka bal’atuuf akkasumas lammiileen biyyattii bal’inaan indastiriirratti akka hirmaataniif itti yaadamuu qaba. Inni kun dhiheessii lafaa, faayinaansiillee ni ilaallata. Yeroo baay’ee namoonni bu’aa barbaadan hojiiwwan sasalphaarratti hirmaatu. Inni kun akka biyyaatti yeroo dheeraa nu deemsisuu hindanda’u; dorgomaas nu hintaasisu. Kanaaf indastirii omishaaf haala mijataa uumuun namoota dhiibanii itti galchuu osoo hintaane filatanii kan itti seenan ta’a.
Gama kaaniin humna omishtummaa indastirii fooyyessuudha. Indastiriiwwan biyya keenyaa sababoota garagaraatiin hamma omishuu qaban omishaa hinjiran. Kanaaf mootummaan qoratee wantoota humna omishtummaasaanii hir’isan fooyyessuu qaba. Yeroo karoorri waggoota 10 jalqabu humni omishtummaa indastiriiwwanii % 45 irra ture. Kanas waggoota 10 keessatti %85n gahuuf kan karoorfame yoo tahu, ammaa %61.2 jira.
Kana fooyyessuuf aadaa indastirii dagaagsuu, akka beekumsi namoota indastirii keessa hojjetanii dabaluuf leenjii kennuufi kkf irratti hojjetamuu qaba. Kanaafis kaawunsilii Itoophiyaan Haa Omishtuutiin deggarsi barbaachisu taasifamaa jira.
Gaafa indastiriiwwan jedhamu warra guguddaa qofa otoo hintaane giddugaleessiifi xixiqqoonis ni jiru. Bu’uurri indastiriiwwan guguddaa indastiriiwwan xixiqqaadha. Kanaafuu isaan kana dabalaa deemuun ergama ministeera keenyaati. Intarpiraayizoota meeqa hundeessine, deggarsi indastriiwwan giddugaleessaafi xixiqqaaf gochaa jirru maali? Faayinaansiin dhihaate maal fakkaata? Iddoon omishaa dhihaateeraa? Gabaan mijateeraa? kanneen jedhaniifaa hordofaa, leenjiifi deggarsa kennaa bu’aa barbaadamu irraa argachaa ce’aa akka deeman taasifama.
Bariisaa: Dhiheenya kana raawwiin hojii ji’oota sagalii seektarootaa Mana Maree Ministirotaatiin qoratamee ture. Kan Ministeera keessanii maal fakkaata?
Obbo Taarraqany: Hojiiwwan waggoota darbanitti hojjetaman keessaa inni guddaan imaammatawwan haaraa qopheessuudha. Imaammanni indastirii Itoophiyaa yeroo dheeraa kan hinturreefi dorgomaa kan nu hingoone ture.
Kanarraa ka’uun imaammanni haaraa indastirii akka Afrikaattis akka addunyaattis dorgomaa nu gochuu danda’u qophaa’ee hojiirra ooleera. Imaammaticha keessatti eenyuutu, indastirii fiduu danda’a? isa jedhutu ka’a. Kanaan dura mootummaanis keessa niseena; warri dhuunfaas niseenu. Ammatti ammoo ifaan indastiraalaayizeeshinii keessatti akka hirmaatu kan barbaadamu lammii Itoophiyaati.
Kana dura toora xiyyeeffannaa keenyaa kan ture alergiifi omishni biyya keenyaa walqixa xiyyeeffannaa hinargatu. Alatti erginee bu’aan argataa turre hinjiru. Omisha alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun walqabatees xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa hinturre.
Kanaafuu jalqaba imaammata omisha biyya alaatii galan biyya keessatti bakka buusuu ittiin dandeenyutu qophaa’e. Imaammanni kun omishaalee indastirii waggoota 10 keessatti bakka bu’uu danda’an 96 dursa kennee adda baase. Kunis dabalaa kan deemu yoo ta’u dursa xiyyeeffannaan kan kennameef omishawwan biyya alaatii baay’inaan galchinu, biyya keessatti kanneen hinomishneedha.
Hojiin kunis marsaawwan sadiin hojjetama. Marsaa jalqabaatiin deggarsa xiqqoodhaan yeroo gabaabaatti kan bakka bu’uu danda’an, marsaan lammaffaatiin ammoo kanneen yeroo giddugaleessaatti bakka bu’aniifi marsaa sadaffaan waggoota 10 keessatti kannneen bakka buufamanidha.
Kanarraa ka’uun ji’oota saglan darban yoo ilaalle, keessattuu omishawwan alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun walqabatee dabalaa dhufeera. Naannawa doolaara biliyoona sadii olii bakka buusuu dandeenyeerra. Hojii kana kan ittiin jalqabne huccuu qaamolee nageenyaa %100 alaa fidaa turre. Ammatti guutummaatti kan biyya keessaatiin bakka buusuu dandeenyeerra.
Akkasumas, utuu omisha garbuu bal’inaan qabnuu biqila biiraa alaa galchaa turre. Kanarratti akkaataa qonnaan bulaan ittiin omishu qaburratti, kanneen biqilasaa warshaa biiraaf dhiheessaniis akkaataa itti biqilchanii dhiheessanirratti leenjii kennuun guutuutti bakka buusuu dandeenyeerra. Nyaatawwan kanneen akka paastaa, maakaroonii, nyaatawwan daa’immanii kanaan dura alaa galaa turan kan biyya keessaatiin bakka buusuu dandeenyeerra.
Keessumaa omishawwan qonnaarratti sona dabaluun biyya alaattis ergaa jirra. Ammarratti paarkiiwwan agiroo indastirii babal’isuun qonna keenyatti sona dabaluun haala danda’amurratti hojjetaa jirra. Kana malees gabaa biyya keessaaf akka oolu taasifamaa jira.
Amma zayitii omishuu jalqabneerra. Fakkeenyaaf atara gabbataa kanaan dura dheedhiisaa biyya alaatti ergaa turre amma indastiriin babal’ataa waan dhufeef akkaataan itti dheedhii biyya alaatti erginu hir’ataa dhufeera. Kana malees pooliiwwan ibsaa hawwatoo magaaloota keessatti mul’atan, keebiliiwwan garagaraa biyya keessatti omishuun eegalameera. Gama biraatiin omisha indastirii alatti erginee sharafa argamsiisuu keessatti ji’oota sagalan darban doolaara miliyoona 274 ol kan ergine yoo ta’u, inni kun kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa waliin yommuu madaalamu %18 daballii agarsiiseera. Garuu indastiriirraa kana qofa argachuu qabaannaa jennee yoo ilaallu gahaa miti. Ammallee dinagdeen keenya qonnaafi albuudarratti kan hirkatedha. Dinagdeen keenya itti fufiinsa akka qabaatuufi dorgomaa akka ta’uuf ammoo indastiriirratti hirkachuutu irra jiraata.
Carraa hojii uumuutiin walqabatee ji’oota saglan darban namoota kuma 253 ta’aniif carraan hojii uumameera. Inni kun indastiriin invastimantii dabalaa jiraachuusaa, dargaggeessi gara indastiriitti seenaa jiraachuusaa kan agarsiisudha. Garuu dhuma waggaa 10tti carraan hojii uumamuuf qabame naannawa miliyoona shanii waan ta’eef caalaatti dabalaa deemuu danda’uutu nurra jiraata.
Inni biraa hojii galteewwan indastirii omishaaf dhihaataniin walqabatee hojjetamudha. Gama kanaan toonii miliyoona 12.76 indastiriiwwan garagaraaf dhihaatee jira. Inni kun bara darbee yeroo walfakkaataatiin yommuu madaalamu % 17.5 dabaleera.
Kun fooyyee qabaatus ammayyuu indastiriiwwan keenya hirkattummaa galteewwan indastirii biyya alaa galchuurraa hinbaane. Indastiriiwwan huccuu yoo ilaalle, huccuu biyya alaatii galchanii omishaniitu deebisanii biyya alaatti ergu. Kana sirreessuuf biyya keessatti jirbi bal’inaan omishuu, kuula (kirrii) qopheessuu, huccuu omishuufi faashinii garagaraa hojjechuun ni danda’ama. Adeemsa keessa hirkattummaan galteewwan indastirii alaa galchuu hir’achuu qaba.
Dhiheessii faayinaansii indastirii omishaatiin walqabatee yeroo darbetti liqeeffataan mootummaa ture. Ammarratti %76 ol dhaabbilee dhuunfaatu liqeeffata. Kun liqiin damee kanaaf dhihaatu dabalaa dhufuu agarsiisa. Keessattuu riifoormiiwwan hojjetaman indastirii keenya deggaranii jiru. Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo dhiheenya hojjetame keessattuu rakkoo dhiheessii sharafa biyya alaa hudhaa guddaa ture guutuutti hiikeera. Kanaan walqabatee ammas faayinaansii dabalataa barbaaduun ni jira.
Inni biraa humna ibsaati. Wantoota omishtummaa indastirii murteessan keessaa tokko humna ibsaa dhihaachaa jiruudha. Yeroo baay’ee indastiriin omishaa humna ibsaa olaanaa barbaada. Humni ibsaa sun ammoo ciccituudhaan walqabatee omishtummaa miidha. Ji’oota sagal darbanitti yoo ilaallu kiiloowaattiin kuma 570 ol dhihaateera. Kunis kan bara darbeerra dhibbantaa 14.1n caalmaa qaba. Gama kanaan humni ibsaa indastiriif dhihaataa jiru dabalaa dhufuusaa agarsiisa.
Akka waliigalaatti yeroo ammaa qoodni indastirii omishaa biyya keessaa qabnu % 61.2 gahee jira. Namootni leenji’an kuma 94 olii indastiriif dhihaataniiru.
Babal’ina indastiriiwwaniin walqabatee, indastiriiwwan kuma lamaafi 739 ta’an naannoolee biyyattii garagaraa keessatti hunda’aniiru. Kanneen keessaa kumni tokkoofi 143 indastiriiwwan xixiqqaa yoo ta’an kanneen hafan giddugaleessa. Ce’umsasaanii yommuu ilaallu ammoo indastiriiwwan 997 indastirii xixiqqaarraa gara gidduugaleessaatti 27 kan ta’an ammoo giddugaleessarraa guddaatti ce’aniiru. Inni kun ammayyuu sadarkaa barbaadameerra ga’eera jechuun hindanda’amu.
Tokko alergiidha. Omisha indastirii keenya karaa addaddaatiin deggarree alergii dabaluun nurra jiraata. Haala mijataa indastirii omishaaf uumuun walqabatee naannoon hundi walhinfakkaatu. Naannoleen tokko tokko simannaa gaarii qabu. Yeroo invastimantiin gaafatamu yeroo gabaabaa keessatti murteessu. Tokko tokko ammoo yeroo dheeraa fudhatu. Kun gargaarummaan akka jiraatu waan godhuuf xiyyeeffannaa barbaada. Inni biraan lafa dhiheessuu wajjiin walqabatees wanti jiru walhinfakkaatu.
Waliigala ji’oota sagal keessatti hojiileen damee kanaan hojjetamaniifi bu’aaleen argaman gaariidha; ta’uus ji’oota sadan hafanitti dhimmoonni xiyyeeffannoo barbaadan ni jiru.
Bariisaa: Indastirii baay’inaan dabaluun qofti gahaa miti. Dhimmi qulqullinaas waan murteessaadha. Kanarratti maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Taarraqany: Indastiriin tokko dorgomaa ta’uu kan danda’u qulqullinaani. Kana mirkaneessuuf ammoo istaandaardiin akka biyyaatti ba’e jira. Kunis akaakuu lama qaba. Inni tokko kanneen fedhasaaniitiin istaandaardii guutan yoo taa’u bu’uura ulaagaa mootummaan kaa’een hojiirra oolchu. Inni lammataa ammoo istaandaardii dirqisiisoo ta’anidha. Fakkeenyaaf nyaataafi dhugaatiin kan walqabatu ilaaluu dandeenya.
Erga omishamanii booda maalirraa akka omishame, yoom akka omishame, hanga yeroo kamitti faayidaarra ooluu akka danda’u karaa mul’achuu omishawwan irratti danda’uun maxxansuu qabu. Inni irratti maxxanfame sirrii ta’uufi dhabuun yeroo yerootti to’atama. Warri to’annoo gaggeessan omisha sana fuudhanii laabraatoorii keessatti sakatta’anii sadarkaa taa’ee hinguunne taanaan karaa garagaraatiin eeyyamni irraa fuudhama.
Kana malees indastiriiwwan keenya waraqaa ragaa dorgomummaa qabaachuu qabu. Fakkeenyaaf istaandaardii Itoophiyaa ‘ISO Certification’ akka idiladdunyaatti ammoo kan ‘EU’ guuttachuu qaba. Kanneen akka indastirii gogaafi kal’een taanaan naannawaarratti dhiibbaa geesisuufi dhiisuusaanii ‘WLE Certification’ fudhachuu qaba.
Ministeerri keenyas kanarratti deggarsa barbaachisu ni taasisa. Kanneen ulaagaa guutanii hojjetan, jajjabeessaa kanneen hanqina qaban ammoo deggarsa teekinikii taasisaaf. Ammarratti gama kanaan jijjiiramni gaariin jiraatus sadarkaa barbaadamurra ga’eera jennee fudhachuu hindandeenyu.
Hojiin qulqullinaa hojii xiyyeeffannaa barbaaduufi adeemsa keessa hojjechuun kan dhufudha. Akka waliigalaatti indastiriin tokko ittifufiinsa qabaachuuf hojii qulqullina qabu gatii madaalaawaadhaan dhiheessuun irra jira.
Bariisaa: Indastiriiwwan qulqullina naannawaarratti dhiibbaa akka hinuumneef qaama dhimmi ilaallatu waliin akkamiin hordoftu?
Obbo Taarraqany: Indastiriin tokkoo gara hojiitti osoo hinseeniin dura qorannoo sadii afur dhiheessa. Kanneen keessaa tokko qorannoo dhiibbaa naannawaati. Indastiriin kun dhiibbaa geessisu qaba taanaan akkamiin bakka buusuu danda’a inni jedhu ni ilaalama. Indastiriin dhibbaa dhibbatti miidhaa hinqabu jechuu hindandeenyu. Akka biyya keenyaatti indastiriiwwan amma jiran baay’eensaanii miidhaa ulfaataa kanneen fidanii miti.
Gogaafi kal’ee waliin walqabatee yeroo tokko tokko keemikaalli isaan fayyadaman miidhaa geesisuu mala. Kanneeniif ammoo haala isaan bishaan osoo gad hinlakkisiin dura deebisanii qulqulleessan nijira; bishaanichis qaama dhimmi ilaallatuun ni qoratama. Sana guutuu yoo baate ni cufama jechuudha.
Bariisaa: Yeroo baay’ee indastiriiwwan biyyattii bakkeewwan muraasatti kuufamanii argamu. Naannoleetti babal’isuun warri fageenyarra jiranis akka fayyadamaniif maaltu hojjetamaa jira?
Obbo Taarraqany: Yeroo baay’ee babal’ina indastirii kan murteessu qabeenya. Qabeenya naannoo, godinni ykn aanaan tokko qabu indastiriin gara sanatti akka dhaqu murteessaadha. Inni lammaffaa bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoodha. Fakkeenyaaf humni ibsaa isa tokko.
Naannoo indastiriin akka itti ijaaramu barbaadamu humni ga’aan jira taanaan indastirii dhaabuuf haala mijataadha. Inni biraan daandiidha. Omisha gara gabaatti geessuuf, galteewwan indastirii ittiin deeddeebisuuf daandiin murteessaadha.
Kan biraa gabaafi simannaan mootummaa bakka sana jiruu murteessaadha. Hoggansi tokko tokko yommuu invastimantiin dhufu faayidaasaarraa ka’uun akka carraatti ilaalee dafee hojiitti gala. Invastimantiin tokko gaafa gara naannawaa keenyaatti dhufu gama baay’een faayidaa qaba. Ijoollee keenyaaf carraa hojii uuma. Gibirri %30 darbees liiziidhaaf dhibbantaa murtaa’e naannawa sanaaf kaffalamu gaaffiilee misoomaa biraa guutuuf fayyada.
Kanarratti hanqinni hubannoo waan jiruuf cimanii hojjechuu barbaada. Wanti dagatamuu hinqabne garuu indastiriin iddoo hundatti babal’achuu hindanda’u; imaammanni isaas akkana hinjedhu. Imaammannisaa indastiriiwwan kilaastaraan ta’uu akka qaban kaa’a.
Kana jechuun indastiriiwwan walfakkaatan naannoo tokkotti. Akka waliigalaatti garuu aadaafi ilaalchi indastirii hawaasa biratti dagaaguu qaba. Yeroo baay’ee rakkoon nageenyaa wayii gaafa ka’u dursa kan miidhamu indastiriidha. Kun jijjiiramuu qaba.
Bariisaa: Ijaarsi hidha guddichaa xumuramaa jiru damee indastiriif hiika akkamii qaba?
Obbo Taarraqany: Humni ibsaa amma ummanniifi mootummaan waltumsanii ijaaruun akka biyya kanaatti seenaa haaraa galmeessaa jiru kun, qabeenya liqiidhaan ala dinagdee biyya keessaatiin ijaaramee xumuramu, hojjetaan mindaasaa dabarsee kan kenneef, qonnaan bulaan waan qusachuu qabuurraa dabarsee kan kenne, akka Itoophiyaatti lammii biyya keessaafi alaa kan itti socho’e waan ta’eef akka seenaatti qabama.
Kanaafuu pirojektii akka Itoophiyaatti tokkoffaa ta’e kana hojjenneetu waan gara fuulduraa dhaloonni ittiin boonuu danda’u hojjennee, seenaa guddina biyya kanaa keessatti akka ceesistuu guddina gara fuulduraatti kan fudhannudha.
Humna gahaa indastiriif dhiheessuu keessatti gahee inni taphatu olaanaadha. Nuti akka namoota indastiriittis, akka namoota kaayyoo indastirii biyya kanaa guddisuuf socho’utti gammachuun keenya olaanaadha. Indastiriiwwan keenyas faayidaan irraa argatan olaanaadha.
Kana ittiin boonnee carraa invastimantii harkisuuf dhaadhessa hojjennu keessatti, kana qabna, humna gahaa qabna, isinii dhiheessuu dandeenya, gatii gadaanaadhaan, gatii dorgomaa ta’een kottaa invastimantii keessatti hirmaadhaa jennee kan ittiin haasofnu keessaa tokko humna ibsaati. Kanaaf inni kun carraa guddaafi olaanaa indastirii omishaaf dhufe goonee fudhanna. Kunis guddina indastirii ariifachiisuu keessatti akkaataa inni baachuu danda’uun hojii nurraa eegamu hojjechuu qabna.
Bariisaa: dhumarratti sochii Itoophiyaan haa omishtuu amma biraandii ministeera keessanii ta’aa jirutti bu’aa dhufee nu ibsaa.
Obbo Taarraqany: Sosochiin Itoophiyaan Haa Omishtuu kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaatiin bara 2014 eegale. Hojii waggoottan sadan darban hojjetameen keessumaa barbaachisummaasaarratti hubannoo bal’aan uumameera.
Kaayyoonsaas hudhaawwan indastiriirratti mudataniif furmaata itti kennuu, indastiriiwwan biyyattii dorgomaa taasisuufi ce’umsa indastiriif haala mijataa uumuudha. Keessumaa hojii dinagdeen biyyattii gara indastiriitti akka ce’uuf hojjetamu deggaruufi ariifachiisuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Sosochiin erga jalqabamee omisha indastiriirratti ilaalchi, hubannoofi ejennoon walfakkaatu uumamaa jira. Wayita ammaa sosochiin kun sadarkaa naannoofi magaalaattillee gaggeeffamaa jira. Hawaasni aadaa indastirii hubate akka jiraatu taasisaa jira. Kana malees hojii kanaan hoggansa indastirii uumuun danda’ameera; tajajilawwan kam keessattiyyuu hoggansi indastiriif dursa kennuu uumameera.
Akka waliigalaatti aadaa omisha biyyaatti fayyadamuun walqabateef jijjiiramni dhufaa jira. Sadarkaa omisha biyyaatiin boonuurra akka ga’amuuf ammallee xiyyeeffannaadhaan hojjechuu barbaachisa.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017