
Finfinnee: Misoomni koriidarii bardheengaddaa yoona kana Finfinneetti eegalame magaalota kaanittis babal’atee hojiin jalqabameera. Magaalota misoomni koriidarii kun itti eegalame keessaa tokko Waliso. Bariisaanis haala hojichi itti adeemsifamaa jirurratti dhiyeenyuma kana Kantiibaa Magaalattii Obbo Gammachuu Araddaa dubbisee, isaanis ibsa itaanu nuu kennaniiru.
Misooma koriidariirratti hojii bal’aa hojjetaa jirra. Misooma koriidariitiin walqabatee akka magaalaa keenyaatti dhimmoota sadii ilaalla. Tokkoffaa akkuma sila jenne pilaanii keenya kabachiisuudha. Garuu pilaanii eeguurratti rakkoon tureera. Amma daandii guddichi pilaaniinsaa bitaa mirgaan meetira 50 bal’achuu qaba jedha; kan bara 2010 bahe.
Garuu namni bahee bahee ijaaree fixee asfaaltii qofatu hafe. Kanaaf nuuf misoomni koriidarii pilaanii kabachiisuudhas jennee ilaalle. Lammaffaa diigumsa ijaarsawwan seeraan alaa hunda kaasnee hojii misooma koriidariif haala mijataa uumuu; ijaarsa deebifamee ijaaramu ammoo halluusaa sirreessuu; sadaffaa keessa keessattis bakka pookeetiin jirutti paarkiingii konkolaattota adda addaa dhaabuu danda’an ijaaruuf haala mijeessuuf jecha kaafne.
Waliigalaan lafa meetira 800rratti hojiin jalqabameera; naannawa Yunivarsitii Amboo, Kaampaasii Walisootti jechuudha. Akkasumas naannawa Filwuhaatti lafa meetira 200tti siqurratti hojii jalqabneera. Kan Filwuhaa waan daandii keessoo ta’eef danqaa tokko malee hojjennee xumurre.
Misoomni koriidarii kun otoo nidiigna jennee bitaa mirgaan gamoowwan 19 tuqa. Nutis diiguurra akkuma kan Finfinnee karaa lafoon keessa darbu akka hojjetamuuf haala mijeessine. Abbootii qabeenyaa ni mariisisnee, isaanis haaluma jedhameen misoomsuu akka qaban waliigalle. Garuu isaanis hojiitti galchuuf ijaarsa daandii asfaaltiitu nu qabe.
Diigumsasaas akkuma jennee kiiloo meetira 5.7rraa guutummaatti kaasneerra. Daandii lafoorra biqiltuu miliyoona tokko ta’u dhaabneerra, koriidarii kanarratti. Manneen hedduutu diigame. Sana bira darbee keessumaa tokko akka saffisaan hindeemneef kan nu danqe daandiin kiiloo meetirri 5.7 kun kan Tajaajila Daandiiwwan Itoophiyaatiin hojjetamuudha (qaama daandii Finfinneedhaa hanga Jimmaatti fulla’uu jechuudha).
Akka misooma koriidariitti seennee hinhojjenneef daandichi hojjetamaa jira. Sababa kanaaf jecha hojicha tursiisnee qulqulleessuurratti xiyyeeffanne. Tajaajilli Daandii Itoophiyaa magaalaa keessatti bal’ina meetira 30 hojjeta; bal’inni daandii asfaaltii magaalaa keessatti bakkaa bakkatti garaagarummaa qabaatus.
Iddoowwan meetirri 25fi isaa ol itti hujjetamus jiru. Daandiin asfaaltii kun lakkuu taasifamee hojjetama. Yoo nuti dursinee hojiitti galle hojiin keenya gatii dhaba. Walduukaa deemsisuufis nama rakkisa. Kanaaf koriidarii hojjechuu dura karaan hojjetamuu qaba. Sana booda nuti hojii misooma koriidarii keenyatti seenna. Garuu sababa eerre kanaaf hojii misooma koriidarii keenya harkifate. Kan akka rakkootti nuti sodaannu tokko kontitaaktarri dakanaa dafee misoomsee keessaa bahuurratti niharkifata. Harkifannaa gudaatu jira jechuudha. Kun misooma koriidarii keenyarrattillee dhiibbaa guddaa uumeera. Utuma dhufee magaalaa kana galeellee humna isa bira jirurratti shakkii guddaa qabna; gadibaanee ilaalaa waan jirruuf.
Asii gadi baatee yoo sarara Walqixxee ilaalte akka kontiraaktarichi humna hinqabne hubatta. Tajaajilli Daandiiwwan Itoophiyaa humna kontiraaktarichaa cimsuu qaba. Yoo hindanda’amne akka kan biraatiin bakka buusaniif kaafneerraaf. Isaanis deebii, “Nutis addaan kutuuf yaallee adeemsi kontiraaktara biraa bakka buusuu waggaa tokko fixa” jedhu nuu kaasan.
Inni sarara Finfinneetti argamu humna gaarii qaba. Humni kontiraaktara sarara Walqixxeetti argamuu garuu dadhabaa waan ta’eef hojii misooma koriidarii keenyarratti dhiibbaa uumaa jira. Kana akka sodaattis ilaalla.
Diigumsa ijaarsa asfaaltiitiif raawwatamuuf beenyaa kan kaffalu naannoodha. Dhaabbata federaalaa yoo ta’een ala beenyaa kan kaffalu mootummaa naannooti jedha qajeelfamni bahe. Fakkeenyaaf sararri bishaan as keessatti diriirsine jira. Kana guutummaatti kaasuuf qarshii miliyoona 120 beenyaaf kaffaluuf nu barbaachisa. Magaalaa kun miliyoona hamma kanaa dhiisii miliyoona afurii shaniyyuu kaffaluu hindandeessu. Kanarrattis walgaafachaatuma jirra. Kun rakkoo guddaa nu mudateedha.
Komii yaaddoo kantiibaan Magaalaa Walisoo kaasaaniifi ijaarsa daandii Finfinnee hanga Gibeetti hojjetamaa jirurratti kan dubbisne Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa, Damee Bulchiinsa Daandii Alamganaatti dursaan garee bulchiinsa suphaafi kontiraataa Injiinar Fitsum Nabiyyuu deebiifi ibsa ittaanu nuu kennaniiru.
Daandiiwwan guguddoo biyya keenya giddugaleessaa hanga kibba dhihaatti walqunnamsiisan bakka lamatti qoodamanii hojiin haaromsuu hojjatamaa jira. Inni jalqabaa Sabbataa hanga Qooraatti kan jiru yoo ta’u, dheerinnnisaa waliigalaa kiiloomeetira 64 ta’a.
Lammaaffaan immoo Qooraa hanga Gibee kan jiruufi kiiloomeetira 93 dheeratuudha. Daandiin kun hagayya10, bara 2013 hojiinsaa eegalame. Daandii Sabbataa hanga Qooraa jiru bajata mootummaa federaalaa qarshii biiliyoona 1.4 qabameefi dhaabbata ijaarsa daandii Be’akaa jedhamuun hojjatamaa jira.
Kan Qooraa hanga Gibeetti jirus bajata biiliyoona 1.6n dhaabbata ijaarsa daandii Tiiksi jedhamuun erga jalqabamee tureera. Daandiin kun Hagayya 10, bara 2013 jalqabuun hanga hagayya 10, bara 2016 waggaa sadiitti xumuramuuf karoorafamee sababoota adda addaatiin harkifachuun hawaasa rakkoo adda addaatiif saaxilaa ture. Daandii Sabbataa hanga Qooraa jiru kiiloomeetira 64 keessaa kiiloomeetira 40 aspaaltii uwwifameera. Kunis dhibbantaan 50 xumurameera.
Harkifachuu haaressa daandiiwwan kunneeniif dhaabbileen ijaarsaa akka sababaatti kan kaasan daangaa kabachiisuufi qabeenya daandiirra jiru kaasuu dhabuun isaan ijoodha. Keessattuu, bu’uuraalee misoomaa kanneen akka sarara bishaanii, sararawwan teleefi sarara ibsaa baay’ee harkifachaa waan tureef rakkoo guddaa ture.
Gama biraatiin rakkoowwan kontiraaktaroota muudatan kanneen akka galteewwan ijaarsa daandii gahaa ta’e dhabamuu, rakkoo nageenyaa, irra maashinoonni hojii deddeebiin manca’uu, galteewwan ijaarsa daandii gabaarratti garmalee qaala’uu, gama koontiraaktaraatiin galteewwan ijaarsaa haala gaariin geejjibsiifamuu dhabuufi dhakaa daakuuf humni ibsaa addaan ciccituu fa’a. Bu’uura seera labsii fooyya’ee baheen lafa misoomaaf barbaachisu bilisa taasisuurratti bulchiinsonni magaalaafi aanaalee fudhachuu dhabuufi hojiira oolchuurratti rakkoon jira.
Pirojektii kana saffisiisuuf bu’uura aadaa hojii biyya keenyaa jijjiiramaa jiruun halakaniifi guyaa hojjatanii xumuruuf kontiraaktara waliin waliigaltee akkasii hin hin jiru. Sababiin isaa yeroo waliigaltee mallatteessinu kaffaltii dabalataa hojicha saffisiisu kaffaluun waliigaltee raawwatamuu qaba ture.
Garuu waliigaltee akkasii hin qabnu yeroo isaanii eeganii hojiitti galu. Yeroo ammaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti rakkoon nageenyaa turus qaamolee nageenyaafi hawaasa waliin ta’uun galteewwan ijaarsaa halkanii guyyaa dhiheessaa turre.
Daandiin kun hojjatamee yoo xumurame rakkoo hawaasaa sadarkaa aanaafi godina qofatti furuu qofa osoo hintaane rakkoo daandii sadarkaa biyyaatti jiru furuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Pirojektii kana xumuruuf kontiraaktaroonni hojjetaa jiran bu’uura yeroo dabalataa gaafachuu danda’u jedhuun guyyoota dabalataa 441 kennameefii akka xumuran kallattiin kaa’ameera. Daandii kun oggaa xumuramutti daandii aspaaltii kan kanaan duraarra yeroo qusachuu danda’a.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017