“Buna kallattummaan alatti erguun fayyadamummaan keenya dachaan mirkanaa’eera”- Qonnaan bultoota bunaa

Finfinnee: Qonnaan bultoonni omisha ittidadhabanii omishanirraa bu’aa dadhabbiisaanii haala gaariin argachuu qabu. Kanaan dura qonnaan bulaan bu’aa dafqasaa otoo otoo hinargataniin omishasaa gatii bushaa’aadhaan gabaaf dhiyeessaa turan.

Gaazexaan Bariisaas dhimma kanarratti dheengadda qonnaan bultoota Godina Jimmaa, Aanaa Gommaatti omisha bunaarratti bobba’aniifi Ittigaafatamaa Ittaanaa Waajjira Qonnaa Godinichaa dubbiseera.

Aanaa Gommaa, Ganda Bashaashaarraa qonnaan bulaa Obbo Musxafaa Abbaa Qannoo Abbaa Diggaa akka jedhanitti, buna omishuu kan eegalan bara 1989 yoo ta’u; yeroo ammaas lafa hektaara 18 irratti omishaa jiru. Omishni bunaa akka midhaan biraa kan yeroo namaa hinkennineefi waggaa guutuu irratti hojjachuu barbaaduufi dhamaatii guddaa gaafatuudha.

Omisha bunaa eeguufi kunuunsuu baannaan nibada jedhan. Sababa omishni biraan naannawasaaniitti hinmijanneef qonna bunaarratti maatiidhumaan bobba’uun hojichababal’inaan adeemsisaa jiraachuu kaasaniiru.

Kanaan dura faddaalaan gidduu seenee, qonnaan bulaan faayidaa malu argataa hinturre. Waggoota jahaa as garuu ofumaa omisha keenya kallattiidhaan cancala tokko malee alatti erguun bu’aa olaanaa argachaa jirra; fayyadamummaan keenyas dachaan mirkanaa’eera jedhanii; garaagarummaan guddaan gatii bunaa naannawa keenyaafi Finfinnee gidduutti mul’atu ashuurri jiraatus hanga kana dabaluunsaa isaaniif waan haaraa ta’uu ibsaniiru.

Qonnaan bulaa biraan Obbo Musxafaa Mahaammad Alii gamasaaniin, buna omishuu kan eegalan waggoota 30 dura ta’uufi lafa hektaara 35 irratti omishaa jiraachuusaanii nuu ibsaniiru.

Daballiin gatii bunaa fooyya’iinsa dinagdee gooroon walqabatee dhufe nuufis bu’aa argamsiiseera jedhanii; garaagarummaa guddaan gatii bunaa naannawa keenyaafi Finfinnee gidduutti mul’atu sababni ashuura jedhamus hanga kana dabaluunsaa sababa faddaalaan jidduu jiruu ta’uu eeraniiru.

Kun duraanis nu quucarsaa ture jechuun ibsanii; kanaan dura omisha kana omishanii bu’aa argachuu mitii haala ittiin jiraachuullee hindandeenyerra akka turan dubbataniiru.

Amma garuu sababa faddaalli hanga tokko hir’ateef karaa qabeenya horachuufi gara fuulduraatti bakka invastimantii fudhannee invastii gochuuf karoorfanneerra jedhan.

Ittigaafatamaa ittaanaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Awwal Kaliil Abbaagaroo gamasaaniitiin, fayyadamummaa qonnaan bultoota godinichaa mirkaneessuuf, duraan qonnaan bulaan kan gurguratu faddaalaatti ture amma garuu, qonnaan bulaan lafa hektaara lamaafi isaa ol qabu kallattiidhaan heyyama baafatanii alatti erguu akka danda’an mootummaan haala mijeesseeraaf jedhan. Haaluma kanaan qonnaan bultoonni 500 ol heyyama kana of harkaa qabaachuus ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni eddattoo bunasanii erguun gabaa kan barbaadatan yoo ta’u, kanaanis qonnaan bultoonni 312 carraa kanatti fayyadamuun gurgurachuu danda’aniiru jedhan. Kanaan dura gurguramuu malee abbaan buna sanaa eenyu akka ta’e kan hinbeekamneefi yeroo ammaa garuu maqaa qonnaan bulaa sanaatiin waan gurguramuuf, qonnaan bulaan keenya gabaa biyya alaattillee dorgomaa taasisaa himaniiru.

Bunni biyya keessaaf ooluufi alergiif oolu addadda waan ta’eef, daballii bunaa seeraan ala taasifamu gara fuulduraatti kan sirrachuu qabu ta’a jedhaniiru.

Yeroo ammaas qonnaan bultoota keessaa kanneen buna heektaara 20 ol qaban gara invastaraatti ce’uus himaniiru. Qonnaan bultoonni kunniin omisha argatanirraa qusatanii gara invastimantiitti akka ce’aniifis mootummaan haala mijeessaa jiraachuu eeraniiru.

Bunni keenya dorgomaa ta’uu kan danda’u qulqullnnisaa yoo eegame waan ta’eef kanaafis buna dulloome haaressuu; buna ispeeshalitii akaakuuwwan40 ol Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Jimmaatiin adda baherratti hojjannee lafa xiqqoorraa omisha baay’ee argachuun qaamolee buna qulqullina qabu barbaadan biraan gahuun barbaachisaa ta’uufi bakka argama bunaa kan ta’e godina keenya, bunasaa sadarkaa addunyaatti dorgomaa taasisuu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 25 Bara 2017

Recommended For You