Qorannichi galtee imaammataa galmoota misooma waara’aaf  murteessaadha

Fifinnee: Qorannoon ‘Young Lives Ethiopia’ gaggeeffamaa jiru galtee imaammataa galmoota misooma waara’aaf murteessaa ta’uu Inistitiyuutiin Qorannoo Imaammataa beeksise.  Mariin paanaalii qorannoo ‘Young Lives Ethiopia’ bara 2023-24 marsaa 7ffaa tibbana Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Daarektarri olaanaan inistitiyuutichaa Obbo  Fiqaaduu Tsaggaa  paanaalicharratti akka jedhanitti, dinagdee hundagaleessa mirkaneessuuf qonannoon ‘Young Lives Ethiopia’ barnoota, fayyaa, nyaata, jiruufi jireenya maatiirratti gaggeessaa jiru imaammata qopheessuuf galeteedha.

Madda rakkoo walxaxaa daa’imman hiyyummaan dhalataniifi hiyyummaa keessa jiranii adda baasuuf shoora olanaa qaba. Hojiin ijoo inistitiyuutichaas milkaa’ina galmoota misoomaa Itoophiyaaf yaadota qabatamoofi ogummaarratti hundaa’an  maddisiisuudhaan imaammataafi tarsiimoo qophaa’uuf galtee akka ta’an taasisuudha.

Qorataafi dursaan garee qorattoota ‘Young Lives  Ethiopian’ Pirofeesar Xaasoo Waldahaannaa gamsaaniin, bu’aa qorannoo ‘Young Lives  Ethiopian’ bara 2023-24  marsaa 7ffaa  marii paanaaliif wayita dhiyeessan, ‘Young Lives’  egereen daa’imman hiyyummaan dhalataniifi guddatan maal akka ta’urratti xiyyeeffachuun qorannoo gaggeessaa jira. Marichis argannoo qorannoo marsaa jalqabaa ta’uu himanii, bu’aa jalqabaa argamerraa qorattootni odeeffannoo furmaataa bal’aa argachuun qorannoo akka gaggeessaniif bu’aa guddaa qaba jedhaniiru.

Qorannoochi garaagarummaa waggoota saddeetiin bakka lamatti qooduudhaan milkaa’inoota gama barnootaa, fayyaa nyaata, jiruufi jireenya maatii waliin dorgomsiisuudhaan gaggeeffameera. Bu’aawwan waggoota sadeettan darban barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaatti fooyya’iinsi jiraatus barnoota sadarkaa olaanaa  kan duraaniirraa gad bu’aa deemuun guddina biyyaaf  yaaddeessaa ta’uu mul’iseera.

Barnoota sadarkaa tokkoffaafi lammaffaan walqabatee naannoo Oromiyaa, Nannolee Itoophiyaa Kibbaatti argaman sadaniifi Magaalaa Fifinneetti fooyya’iinsa qabaachuu himanii, naannolee walittibu’iinsi ittimul’achaa ture Amaaraafi Tigiraayitti gad bu’aa ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis, beekumsaafi qabeenya maatii imala misooma hundagaleessaa lammiilee hunda biraan ga’uu keessaatti dhiibbaa akka qabu qorannichi akeekeera. Barnootni sadarkaa tokkoffaan duraa dhabamuu, hongee, walitti bu’iinsa, babal’ina dhibee ‘Covid-19’fi qaala’iinsa jireenyaa waitti ida’amuun egeree daa’immanii irraan dhiibbaa uumaa jiraachuu qorannoon jalqabaa ‘Young Lives Ethiopian’ kan mul’ise ta’uu himu.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Galaanaa Waldamikaa’el akka jedhanitti, qorannoon dhiyaate galtee imaammata fooyya’aa qophessuuf gumaacha olaanaa qaba. Bu’aan qorannoo ‘Young Lives  Ethiopian’ dhiyaatee kan biirootti qorachiisaa jiruun kan walfakkaatu ta’uu himanii, bu’aan qorannoo argamus rakkoo barnoota naannichaa sadarkaa sadaffatti mul’atu furuuf gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You