
Addunyaa tanarratti dorgommiiwwan atileetiksii gosawwan heddutu adeemsifama. Isaan keessaayis mootii atileetiksiifi daran dadhabsiisaa kan ta’e dorgommiin maaraatoonii isa tokko. Fageenya kiiloo meetira 42.195 (Maaylii 26.2) kan hammatu dorgommii cimaa kanarratti atileetonni hirmaatanis ciccimoota. Maallaqni isaaf baasii godhamus doolaara Ameerikaa miiliyoona hedduutti kan lakkaawwamuudha.
Dorgommiin maaraatoonii biyyoota adda addaatti adeemsifamus Ameerikaafi Ingilaanditti iddoo olaanaa qaba. Kunis ta’uu kan danda’e hirmaattonnisaanii kumaatamatti lakkaawwaman waggaa waggaadhaan irratti hirmaachuusaaniiti.
Keessumaa dorgommiin maaraatoonii Landan wayita adeemsifamu tujaaronni Awurooppaa horatasaanii dhaadheessuuf baldhinaan itti gargaaramu. Mo’attootni dorgommichaas doolaaraafi Paawundii kan hammaarratan wayituma kana.
Korniyaawwan lameeniinuu atileetonni beekamoon addunyaa kanarratti qooda fudhatan dorgommiin maaraatonii “Flooraa Landan” jedhamu kun ALA bara 1981 kan jalqabame. Waggoota 44 lakkoofsiseera jechuudha. Yeruma tokkollee osoo addaan hincitin waggaa waggaadhaan adeemsifameera.
Waggoota kanneen keessatti atileetonni Afrikaa, Awurooppaa, Ameerikaafi Isiyaa walumaagalatti meedaaliyaawwan warqii 88 fudhataniiru. Isaan keessaa ammoo 41 gara Ardii Afrikaa biyyoota sadiin akka dhufan taasifameera.
Biyyoonni meedaaliyaa warqii argamsisan kunneen ammoo kanneen Afrikaa Bahaatti argamaniifi morkattoota yeroo hundaa, lameen Keeniyaafi Itoophiyaa, akkasumas Morookoodha.
Maaraatonnii Landan kanarratti Keeniyaan dhiiraan yeroo 17, dubaraan ammoo 14, walumaagalatti meedaaliyaawwan 31 fudhachuudhaan Addunyaafi Afrikaarraa biyya duraatti. Itoophiyaan ammoo dhiiraan meedaaliyaawwa shan, dubaraan meedaaliyaa afur dimshaashumatti meedaaliyaa warqii sagal fudhachuudhaan Addunyaafi Afrikaarraa biyya lammaffaati. Morookoon dhiiraan meedaaliyaa takka argateera.
Itoophiyaadhaaf meedaaliyaa warqii kan argamsiisan Gazahaanyi Abarraa, Taggaayee Kabbadaa al lama, Shuraa Qixxaataafi Sisaay Lammaatiini. Dubaraan ammoo Daraartuu Tulluu, Assalafach Margaa, Tigisti Tufaafi Yaalamzarfi Yahuwaalaatiini.
Maaraatonii Landan kanatti dhiiraan atileetiin Keeniyaa Keelvin Kipchum ALA bara 2023 sa’aatii 2:01.25n raawwachuudhaan riikardii addunyaa harkatti galfateera. Atileetin Ingiliz Paawulaa Raad Kiliif ammoo bara 2003 irraa kaastee sa’aatii 2:15.25 harkashi akka jiru kan yaadatamuudha.
Maaraatooniin Landan kun baranas yeroo 45ffaaf boru magaaluma guddoo Ingiliiz, Landanitti adeemsifama jedhamee eegama. Dorgomicharratti hirmaachuuf namoonni kuma 840 fi318 galmaa’uun isaanii beekamera. Isaan keessaa namoonni kuma 578fi 374 dorgomicha ni xumuru jedhamuudhaan tilmaamama.
Dorgommii kanarratti atileetonni Keeniyaafi Itoophiyaa akkuma kanaan dura mi’eeffatan korniyaala lameeniinu ni injifatu jedhamuudhaan kaadhimamaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017