Kilaboonni Oromiyaa lama liigii piriimeerii Itoophiyaatti makaman

Finfinnee: Kubbaan miilaa erga Itoophiyaatti gaggeeffamuu eegalee walakkaa jaarraa tokkoo ol lakkofsiseera. Waggoottan kanneen keessatti gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaaleessaatti dargaggoota jaalattoota ispoortii kanaa hedduu horateera. Haaluma kanaan yeroo gabaabaa keessattis kilaboonni kubbaa miilaa baay’een akka hundeeffamaniif sababa ta’eera.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaas erga hundeeffamee kaasee moggaasa addaddaatiin waggaa waggaan kilaboota jidduutti shaampiyoonaa kubbaa miilaa gaggeessaa tureera, gaggeessaas jira.

Bara Mootummaa Hayilasillaasee “Yazawud Waancaa, waancaa Itoophiyaa” jedhamuudhaan waggaa waggaadhaan kilaboota addaddaa jidduutti gaggeeffamaa ture.

Bara Mootummaa Dargii ammoo “Shaampiyoonaa Itoophiyaa diviziyoona tokkoffaafi lammaffaa, Waancaan Itoophiyaan Haadursituu kilaboota diviziyoona tokkoffaafi lammaffaa” jedhamuun gaggeeffameera. Walmorkiin waancaa “Itoophiyaan Haadursituu” lammaffaanis kilabootuma diviziyoona lammaffaa kutaalee biyyaa jidduutti gaggeeffama ture.

Erga Mootummaan Dargii kufee as ammoo maqaa liigii piriimeerii, liigii biyyaaleessaafi liigii olaanaa kilaboota Itoophiyaa jedhamuudhaan sadarkaa sadiin hanga ammaatti itti fufee jira.

Shaampiyoonaan kun baranas adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, kan liigii piriimeerii marsaan lammaaffaa taphiiwwan hanga torban 24ffaa adeemsifamaniiru. Kan liigii biyyaaleessaa ammoo ramaddii lamaan adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, taphawwan lama qofatu hafa. Taphichi osoo hinxumuramiin kilaboonni Oromiyaa Shaggar Siitiifi Naggeellee Arsiin liigii piriimeerii Itoophiyaa bara 2018tti makamuusaanii mirkaneeffataniiru.

Naannoon Oromiyaa shaampiyoonaawwan sadanittuu, jechuunis liigii piriimeerii, liigii biyyaaleessaafi liigii olaanaa keessatti kilaboota hedduun hirmaachaa jira.

Naannichi kanaan duras kilaboota ciccimoo kanneen akka Warshaalee Shukkaaraa Wanjii, Matahaaraa, Finca’aa, Simiintoo Mogoriifi Meettaa, bulchiinsa magaalootaa Jimmaa Abbaa Bunaa, Shaashamannee, Jimmaa Abbaa Jifaar, Magaalaa Sabbataa, Buraayyuu, Lagaxaafoo, Laga Daadhii, Sulultaafi Adaamaa hirmaachisaa ture. Haata’u malee sadarkaa sadarkaan harca’uun ammaan tana Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa qofatu liigii piriimeerii Itoophiyaa keessatti hirmaachaa jira.

Naannoo Oromiyaa bakka bu’uun waggoota dheeraaf liigii piriimeerii Itoophiyaa keessa kan jiru Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Adaamaas shaampiyoonaa baranaa kanatti sadaraa 16ffaa irra waan jiruuf sigigaatee liigii biyyaaleessaatti gadi bu’innaa yaaddoo jedhu uumeera.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaa sochii kilaboota naannichaa ilaalchisuun Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa ispoortii naannichaaf kenneen ammaan tana kilaboonnii 90 sadarkaa adda addaatiin tapha kubbaa miilaarratti qooda fudhachaa jiru.

Naannichi akkuma kanaan duraa kilaboota ciccimoo horachuun ispoortii kubbaa miilaa akkuma ispoortii atileetiksii bal’inaan gaggeessuuf kutannoon ka’uun kilabonni sadarkaa guddaarra gahaa jiru jedhaniiru.

Kilaboonni Shaggar Siitiifi Nageellee Arsii erga hundaa’anii umrii gabaabaa qabaatanis dargaggoota onnee cimaa qabaniin waan ijaaramaniif yeroo gabaabaa keessatti gara liigii piriimeeritti guddachuun isaanii kutannoo hoggansaan ta’us dubbataniiru.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Oromiyaa kilaboota addaddaa naannoodhaa kaasee hanga gandaatti gurmeessuun dargaggoonni yeroo aara galfannaasaanii bakka hintaanetti akka hindabarsine gochuuf iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isaa jiraachuus himaniiru.

Haaluma kanaan magaalota baadiyyaa dabalatee gandoota hundattuu lafa hektaara tokko qopheessuun dargaggoonniifi hojjeettoonni, akkasumas hawaasni bakka jiraatuufi oolutti yeroosaa akka dabarfatu hojjetamaa jira jedhu.

Akkasumas, barattoonni wayita barumsaa ala ta’an manneen barnootaa keessatti ispoortii akka hordofan gochuuf manneen barnootaa waliin hojjechuuf walii galteen taasifamuusaas addeessaniiru.

Walumaa galatti, Naannoon Oromiyaa gama maraanuu qilleensa ispoortiif namatti tolu waan qabuuf iddoowwan ispoortiin irra caalaa ittiguddachuu qabu hundatti hawaasaafi abbootii qabeenyaa waltaasisuun guddina ispoortii biyyaa caalaatti guddisuuf kan hojjetamu ta’uu himu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You