Waltajjii qorannoo raawwii hojii mootummaafi paartiirraa

Waltajjiin qorannoo raawwii hojii ji’oota saglan darbanitti mootummaa Naannoo Oromiyaafi paartii tibbana Adaamaa kan adeemsifame yoo ta’u, nutis ergaawwan ijoo darban akka ittaanutti qindeessinee dhiyeessineerra.

Qorannicharratti haasaa kan taasisan Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaloo Tafarraa hojiiwwan baatiiwwan saglan darbanitti, hojjetaman raawwii gaariin kan itti argame ta’uu himan.

Keessumaa hojii paartiitiin haala gurmaa’insa gandaa haaraan waajjiraalee ijaaruun tajaajilli si’ataan hawaasaaf gandatti akka kennamu gochuun hojiin fooyyee qabu hojjetamuu ibsan.

Rakkoo bulchiinsa gaarii hir’isuufi tajaajila si’ataa hawaasa biraan gahuuf, nagaafi tasgabbiin naannichatti akka bu’u gochuuf, hojiin fooyyee qabu hojjetamus, haala walfakkaatuun hojjechuurratti hanqinni jiraachuu eeraniiru.

Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaas jalqaba qorannichaarratti; kurmaanota sadan darbanitti, raawwiilee gaggaariin kan galmaa’an yoo ta’u, iddoowwan hanqinaaleen turanitti, yeroo yeroodhaan hordoffiifi deeggarsaan tarkaanfiileen sirreeffama fudhatamaa turaniiru.

Haata’uutii, ammas walfakkaachuurratti harcaatiin kan jiru ta’uu hubatamuu qaba. Kanaaf kurmaanni afraffaan, yeroo harcaatiiwwan darban itti sirreessinuufi qophii karooraa bara 2018 itti taasisnu waan ta’eef, gamaaggama keenya haala addaatin raawwachuu kan qabnu ta’u hubachiisuun barbaada.

Bu’uuruma kanaan, gamaagama raawwii kana dhimmoota ijoo shanirratti xiyyeeffannee gaggeessuun bu’aaqabeessummaa turtii keenyaa guddisuu qabna. Isaanis: Raawwiin keenya kurmaanota darbanii maal fakkaata kan jedhu gadifageenyaan seecca’uu; dhimmoota milkeessine maaliif akka milkaa’an, dhimmoonni ittikufne maaliif akka kufan tokko lama jennee adda baasuu; kana gochuun carraa adeemsa turanirraa barachuu keenya kan dabalu ta’uu hubachuu qabna.

Sadaffaarratti, kuufama harcaatiiwwan kurmaanota sadan darbanii akkamitti sirreessina kan jedhu deebisuu; gaaffii kanaaf deebii sirrii kennuu danda’uun, kurmaanota darban irra haala caalmaa qabuun raawwachuuf humna ta’uu hubatamuu qaba.

Afraffaa, qophiin karooraa 2018 haala akkaamiin raawwatamaa akka jiru sakatta’uu; Kunis hoggansa, raawwataa, qonnaafi horsiisee bultoota akkasumas jiraattota magaalaa qopheessuu irratti maal akka fakkaannu ofbeekuu dabalata.

Shanaffaafi inni murteessaan gaaffii hoggansaati. Dhimmi hoggansaa gaaffii cimaa barootaaf naannoo keenya qoraa tureefi deebi’uu qabuudha. Asirratti, hoggansi barbaannu kan imala ture ittifufsiisu osoo hintaane, kan yaada haaraa burqisiisu, yaadamatti jijjiiru, tarsiimoon masaku, karoora qabatamaatti jijiiru, qaamota barbaachisoo hunda itti hiriirsee raawwachiisee agarsiisu ta’uu qalbeeffachuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti, naannoon keenya iddoo turerraa socho’ullee, furguuga keessa hamma hingalletti milkaa’inni kabajnu akka hinjirre hubachiisaafi miira fedhii olaanaan akka sochoonuu dhaamaa, guyyoonni dhufan turtii gaarii akka nuu ta’an hawwii koo ibsuun barbaada” jedhan.

Xumura qorannichaarrattis, “Waltajjii qorannoo raawwii hojii Paartifi Mootummaa kurmaana 3ffaa bara 2017, gaggeessaa turre milkiin goolabne. Qorannoo kanaan, kallattiiwwan bu’uuraa gamaaggamicha dursinee keenye hordofuun, raawwiilee kurmaanota darbanii, sababoota milkaa’inaafi harcaatii hojiilee karoorfamanii, tarsiimoo sirreeffama harcaatiiwwan kurmaanota darbanii, adeemsa qophii karooraa bara 2018fi dhimmoota hoggansummaan walqabatan baldhinaan seecaaneerra.

Kutaa qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You