“Qonni keenya saayinsiifi beekumsaan hogganamuu qaba” ­- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee: Baay’ina ummata Itoophiyaa keessaa % 80 jiruufi jireenyasaa kan gaggeeffatu qonnaan ta’uu ragaaleen ni mul’isu. Ta’uus qonni bal’inaan hojjetamu kun utubaa dinagdee biyyaa ta’uu mitii jireenyuma qonnaan bulaayyuu jijjiiruu hin dandeenye.

Xiyyeeffannaa addaa ammaa itti kennameen garuu bu’aalee jajjabeessoon argamaa kan jiran yoo ta’u, keessumaa hojiileen akka inisheetiiviitti eegalaman jireenya qonnaan bulaarra darbee dinagdee biyyaafuu bu’aa olaanaa argamsiisaa jiru. Akka naannoo Oromiyaattis hojiileen hojjetamaa jiran onnachisoodha.

Keessumaa dameen qonnaa daran cimeefi fooyya’ee jiruu qonnaan bulaafi horsiisee bulaa akka jijjiiruuf waggaa sadii dura Kaawunsiliin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa hundaa’eera.

Walittiqabaan Kaawunsilichaa Pirezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa walgahii sadaffaa Kaawunsilichaa dheengadda adeemsifamerratti akka jedhanitti, hojiin qonna fooyyeessuurratti hojjetamaa jiru akka jalqabbiitti gaarii ta’uus baay’eetu hafa. Kaawunsiliichi roodmaappii qopheessee bu’uura godhachuun hojii hojjetameen jijjiiramni dhufuus guutuutti ce’umsi hinmirkanoofne.

Hojiilee misoomaa hojjetamaa jiran sadarkaa sadarkaan madaalanii qaawwa jiru adda baasuun sirreessaa deemuun murteessaa ta’uu eeranii, tokkoon tokkoon kilaastarootaa maal akka hojjetan, jijjiirama qabatamaa akkamii akka fidan madaalaa deemuun dirqama ta’uu himaniiru.

“Qonni biyyattii reefuu imala tabbaa eegale. Kana ammoo jijjiiruuf qonni keenya saayinsiifi beekumsaan hogganamuu qaba. Haala amma deemaa jiruun fageenya dheeraa deemsisuu wana hindandeenyeefis inisheetiiviiwwan caalaatti akka lafa qabataniif xiyyeeffannaa addaatiin hojjchuun barbaachisaadha. Dhimmoota kanneen akka gandarratti xiyyeeffatanii hojjechuu, dokimantii ekisteenshinii ifaa ta’e qopheessuu, jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jijjiiruu, indastiriiwwan godoo cimsuu, omishtummaa dabaluu, walitti hidhamiinsa gabaa cimsuu, inisheetiiviiwwan dabalataarratti hojjechuu xiyyeeffannaa barbaadu” jedhu.

Ministirri Ministeera Qonnaa Doktar Girmaa Amantee gamasaaniin, hojiilee qonnaa akkasumas kaawunsilii hundeessanii hojiitti seenuutiin Oromiyaan fakkeenyummaan kan eeramu ta’uu himanii, keessumaa kuteenyummaafi dhimmicha abbummaan fudhachuun hoggansaa bu’aa olaanaa fiduu danda’uu kaasaniiru.

Kaawunsiliin Tiraansifoormeeshinii Qonnaa hayyoota hirmaachisuun qorannoo taasisee roodmaappii qopheessuun hojiitti seenuu  himanii, kanaanis hojiileen yeroo gabaabaafi yeroo dheeraa keessatti hojjetaman adda kan baafaman ta’uus dhimmoonni omisha dabaluu waliin hojjetamuu qaban waan hinhojjetamneef hanqinni mudachuu himu. Akka fakkeenyaattis omisha avookaadoo waliin walqabatee loojistiksiin barbaadamu hundi waliin yaadamuu dhabuu akka hanqinaatti kaasu.

Kana malees, akkaataan omisha ittiin qabamu, fayyadamni xaa’oo, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu akkasumas kilaastaraan omishuurratti hanga dhumaatti wajjiin deemuurratti hanqinni wana jiruuf fuulduratti xiyyeeffannana itti kennamuu akka qabu himu. Keessumaa hoggansi sadarkaan jiru hundi omishtummaa dabaluurratti hojjechuu qabna isa jedhu akka kallattiitti fudhachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti, Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaas, kaawunsilichi kan hundaa’eef ce’umsa qonnaa mirkaneessuuf ta’uu kaasanii, malli qonnaa naannichaa akka jijjiiramuuf qorannoon hayyoota 50 ol hirmaachise taasisafmuusaa ibsu.

Waggoottan darban hojii hojjetameenis wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, dinagdee gammojjii dandamatu qabaachuu, aleergii, qonna ammayyeessuufi omishtummaa dabaluurratti hojii jajjabeessaan hojjetamuu dubbatu.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, guddina dinagde ariifataa biyyaa milkeessuuf ce’umsa qonnaafi indastirii mirkaneessuun murteessaa ta’uusaatiin kaawunsilii dhimma kana abbummana hordofu hundeessuun hojiitti hiikama ajiraachuu himanii, kanaanis jiruu qonnaan bulaafi horsiisee bulaarratti jijjiiramni qabatamaa akka dhufu, midhaan nyaataatiin of danda’uun omishaalee alaa galan hambisuufi walitti hidhamiinsa seektarootaa cimsuurratti jijjiramni dhufaa jiraachuu eeraniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You