“Paarkiin Roobiifi Gafarsaa Dhaatii Walal xiyyeeffannoo argannaan galii guddaa maddisiisa” – Obbo Takiluu Imaanaa

Finifnnee: Godinni Qellem Wallaggaa magaala guddoo nannoo Oromiyaa Finifnneerraa fageenyakilomeetiraa 652 irratti kan argamtu yoo taatu; Paarkii Dhaatii Walaliifi Birbir kanneen bineensonni qaalii ta’an kan akka Roobii Gafarsaafi Leenci itti argamanidha.

Paarkiin Dhaaatii Walal kun sadarkaa biyyoolessaatti beekamtii kan qabu ta’us xiyyeeffannoon kennaameef gadaanaa ta’uun walqabatee galii argamsiisaa akka hinjirre Waajjirri Aadaafi Tuurizmii Godina Qellem Wallaggaa beeksisan.

Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Obbo Takiluu Imaanaa ibsa addatti Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf kennaniin, godinichi giddugala hawwata tuuriizimii taatus qabeenyatti jijjiiruurratti hanqinni jiraachuu kaasaniiru.

Qabeenya uumamaa hawwata tuuriizimii kan badhaate godinni Qellem Wallaaggaa Paarkii Biyyaalessaa Dhaatii Walal, Birbir, Holqa Gumgum hoomaa Roobii, Gafarsa, Leenca, akaakuuwwan sinbirroota gara garaa, Tulluu Walaliifi kanneen biroon kan faayamtedha jedhaniiru.

Keessumttuu hoomaan Roobiifi Gafarasaa paarkii Dhaatii Walaliifi Birbir keessatti argaman yeroorraa yerootti dabalaa akka jiru kaasanii; lakkoofsaan dabluunsaanii jajjabeessaa ta’us qabeenya guddaa biyyiittiin ittiin boontu kana madda galiitti jijjiiruurratti hojiin hojjetame quubsaa akka hintane dubbataniiru.

Paarkiin kun giddugaala hawwata tuuriizimii ta’ee galii maddisiisuu osoo maluu hanga ammaa tajaajila barbaadamu kennuu dhabuunsaa dinagdee godinichaa miidhaa jira. Dhimmi kun gama mootummaan xiyyeeffannoo argatee osoo irratti hojjetame biyya keenyas daran kan beeksisu ta’uu yaadachiisaniiru.

Paarkiin kun xiyyeeffannoo osoo argate sadarkaa godinaatti mititii sadarkaa addunyaatti galii olaanaa argamsiisuurra darbee carraa hojii uumuu keessattis shoora olaanaa taphata jedhaniiru.

Qabeenyi uumamaa kun qabeenya biyya keenya boonsuufi bineesonni qaalii ta’an kan akka Roobiifi Gafarsaa hedduminaan kan keessatti walhoran waan ta’eef adamoo seeraan alaanillee miidhaan akka irra hingeenye eegumsi taasifamaa turuu yaadachiisaniiru.

Eegumsaafi kunuunsa taasifamuufiin walqabatee lakkoofsisanii daran dabalaa jiraachuu kan ibsan Obbo Takiluun; qabeenyattij ijjiiruufi carraa hojii ittiin  uumuurratti ammallee hojiin bal’aa akka isaan eeggatu ibsaniiru.

Dhaatiin Walalis ta’e Birbir wiirtuu Gafarsaafi Roobbiin hedduminaan keessatti argamaniifi bineensonni akak Leencaa, gosoonni sinbirroo adda addaa qalbii namaa hawwatan kan itti wal horanidha.

Paarkii Dhaatii Waalaliifi Birbiriin walqabatee bu’uuraaleen misoomaa kan akka daandii gara paarkichaatti geessan mijataa kan hintaane ta’uus eeranii gama kanaanis toorri xiyyeeffannoo mootummaa akka barbaachisu dhaamaniiru.

Qabeenya uumamaa kana haalaan tajaajilaaf oolchuun sinboo biyya keenya addunyaatti agarsiisuuf kan gargaaru dinagdeen keenyas dachaan akka dabalu kan godhu waan ta’eef gamanumaa irratti hojjetamuu akka qabu yaaadachiisaniiru.

Godinni Qellem Wallaggaa dachee qabeenya uumamaan badhaate omishaafi omishtummaafis mijattuudha jedhanii; kan dhufee misoomee misoomsuu barbaaduufis harka bal’ifattee kan simattu taa’uu eeraniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You