
Magaalaa guddoo Itoophiyaafi Oromiyaa akkasumas teessoo Gamtaa Afrikaa, diippilomaatota biyyoota hedduufi dhaabbilee idiladdunyaa baay’ee kan taate Finfinneen erga hundooftee bubbulteetti.
Waggoota kanneen keessatti mootonniifi mootummoonni akkasumas kantiibonni hedduun ittiwalfuranii biyyattis ta’e magaalattii bakkuma jirtutti hoggananii darbaniiru. Hoggantoonniifi sirnoonni darban magaalattii xuriifi balfa akkasumas manneeniifi mandarootashii dullumaanis ta’e dagatamuun garmalee miidhaman jijjiiruuf yaalan daran muraasa.
Kan dhufee darbu hundi irraa nyaachuufi ittinyaachuu malee qulqullina, misoomaafi ammayyoominasheetiif kan carraaqe, quuqameefi tattaafate baay’ee hinturre; umrii aangoofi bakka teessumasaanii dheereffachuuf abjoochuufi karoofachuun ala.
Erga mootummaan jijjiiramaa akka biyyaatti Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)fi akka magaalaatti kantiibaa dubartii jalqabaa, Aadde Adaanach Abeebeetiin hogganamuu eegaltee as garuu Finfinneen hirriba keessaa kaatee gama hundaan jechuun nidanda’amaa milkaa’ina olaanaa galmeessisaa jirti silas manaafi qe’ee ofii abbumatu miidhagfata mitiiree!?
Keessumaa misooma koriidarii waggaa har’aa jalqabameen guyyuma guyyaan waljaa bareedaafi shaashiqaa akka misirroo kukkuulamaafi mimmiidhagaa jirti. Miidhaginashii kanaanis ijaafi qalbii jiraattotashiifi kaanii hawwachaa jirti.
Bardheengaddaa yeroo kana kan eegalame misoomni koriidariishii baranas ittifufuun gara mandara waggootaaf dagatamee ture, Kaazaanchiisitti hidda babal’ifachuun miidhaginashii dachaan dabaltee Kibxata darbe eebbaanis dabaalatteetti.
Sirna eebbichaarratti kan ergaman abbaan mul’ataa miidhagina Finfinneefi magaalota kanaanii Doktar Abiyyi Ahmad, “Carraaqqii bal’aa magaalota keenya ammayyoomsuuf taasifnuuf fakkeenya guddaa kan ta’e kutaa misooma koriidarii Kaazaanchiis ifatti eebbifneerra. Kaazaanchiis kanaan dura bakka argama manneeniifi naannawa hubamaafi dulloomaa ta’uun beekamu, har’a badhaasa carraaqqii keenya waloo ta’ee argameera.
Guyyaa muraasa dura jiraattota naannawa kanaa bakka haaraa jireenyaaf caalaatti tolutti dabarfaman daawwanneerra. Haalli isaan itti jiranis hawaasni keenya jireenya ulfina qabeessa ta’e akka jiraatu murannoo hinraafamne nuti qabnu calaqqisiisa.
Jijjiiramni Kaazaanchiis yeroo daran gabaabaa keessatti xumurame misooma magaalaa ‘ismaartii’ ta’eef bu’ura cimaa kan ta’uufi mul’ata keenya giddugaloota magaalaa magariisa, qulqulluufi ammayyaa kan of qabatuudha.
Hojiin hammana gahu carraaqqii guddaa gaafata. Yeroodhaaf waan namatti hintolle of keessaa qabaachuus danda’a. Garuummoo bu’aa caaluuf jecha aarsaa barbaachisaa kanfalamuudha. Guddinni akkasii abdii haarawu waan of keessaa qabuuf kan ittifufuu qabuudha. Keessumaa egeree ijoollee keenyaaf jecha” jechuun ibsan.
Qaama misooma koriidariifi deebisanii misoomsuu Kaazaanchis kaleessa eebbifamee kan ta’e Addabaabaayii dubartootaas gahee waliigalaa dubartootaafi qooda guddaa ijaarsa dhalootaa keessatti qaban karaa ibsuun ijaaramee eebbifameera.
Hojii misoomaa koriidarii Kaazaanchiis lafa hektaara kuma tokko kan uwwise yoo ta’u, daandii asfaaltii kiiloo meetira 40.9, daandii lafoo kiiloo meetira 81.9, sarara saayikilii kiiloo meetira 20.7; suuqiiwwan 105, iddoowwan daa’imman ittitaphatan 15, bakkawwan ispoortii saddeetiifi kkf of keessatti qabateera.
Kanaaf Kaazaanchiis/Finfinneen mallattoo olka’uu magaalota Itoophiyaati. Magaalaan akkamitti deebi’ee akka ijaaramuuf mana barnootaa qabatamaadha.
Daldalli, tajaajilli, bashannanni, bu’uurri misoomaa yaadama akkamiitiin akka ijaaraman guddisee kan agarsiisuufi dubbatuudha. Kaazaanchiis magaalaan daa’immaniif, daraggootaaf, ga’eessotaaf, maanguddootaaf ta’u maal fakkaachuu akka qabdu ifatti kan agarsiistu waan ta’eef yaa Kaazaanchiis waan lammata dhalatteef baga gammadde, yaadamni akka lammata uumamtu si taasiseefi harkoonni si ijaaran ajaa’ibsiisoodhaa ijarraa hafi. Fakkeenyummaan kee magaalota biyyattii hundatti saffisaan haa babal’atu, haa ce’us.
BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017