
Madda walitti bu’iinsa baroota dheeraa Itoophiyaaf fala kaa’uuf mariin biyyaalessaatti mootummaan itti amanee Koomishiniin Marii Biyyaalessaa hundeessuudhaan ajandaan marii biyyaalessaaf ta’an walitti qabamaa jira. Mariin biyyaalessaa dirree hundumatuu walkabajee waldhaggeeffachuun rakkoof furmaata kaa’uufi hunduu injifataa itti ta’u jedhamee amanama.
Muuxannoo addunyaa irraa yeroo ammaa mul’atuunis fala afaan qawween kaa’uun akka hindanda’amne agarsiisa. Akka biyyaattis kana hubachuudhaan furmaata mariin kaa’uufi marii aadaa taasisfachuuf imalli marii eegaleera. Qindeessummaa Koomishinii Marii Biyyaalessaan mariin gaggeeffamaa jiruun milkaa’inootni galmaa’aa jiran fala egeree kaa’uuf abdii ta’anii mul’achaa jiru.
Komishinarri Komishinicha Doktar Yoonaas Adaayyee raawwii komishinichaa jaqabarraa ka’ee hanga ammaatti jiru milkaa’aa akka ta’e ibsu.
Akka ibsa isaaniitti, marichi waliigaltee biyyaalessaa umuudhaaf, mootummaafi ummata gidduutti walamantaa uumamuufi seenessa qeenxee hambisuudhaan wal amanataan ummattoota gidduutti akka uumamuuf gaggeeffamaa jira. Milkaa’ina hojii kanaaf komishinichi of ijaaree karoora yeroo dheeraafi gabaabaa, seerota, qajeelfamoota qopheesssuun dhaabbilee dhimmotni kunneen ilaallatan waliin hojii eegale. Hanga ammaattis naannolee 12fi bulchiinsa magaalaota lama keessaatti ajandaa marii biyyaalessaafi namoota marii biyyaalessaarraatti hirmaatan adda baasuun milkaa’ina guddaa galmeesseera.
Raakkoo nageenyaa naannoo Amaaraafi Tigiraayiin walqabatee yeroo raawwii hojii koomishinichaa waggaa tokkoof dheeratus hirmaatotni kuma 110 ol ta’an maricharratti hirmaataniiru. Hojiin koomishichaa ittaanu naannoo Tigiraayiifi lammiilee diyaaspooraarraa ajandaa walittisassaabuufi hojiilee hafan tokko tokko raawwachuudhaan gara marii waliigalaatti ce’uu akka ta’e ibsaniiru.
Rakkoo ilaalcha hin ta’u (hinmilkaa’u) jedhu sammuu namootaa keessa deddeebi’uudhaa rakkoo ta’ee tureera. Akka malee dubbachuu osoo wanti tokko hintan’in ta’e jedhanii miidyaalee hawaasaan ololuunis rakkoolee komishinicha mudatan keessaa isa tokkoodha. Olola cabsuudhaan mariin naannoo Amaaraatti gaggeeffame ragaa ta’uu himanii; naannolee tokko tokkotti walittibu’iinsa mul’atu rakkoo ta’uu kaasanii komishinichi rakkoolee isa mudatan gaariitti jijjiiruudhaan yeroo ammaa kana naannolee 12tti hojii milkaa’inaan qabu raawwateera.
Naannoon hojii komishinichaa itti hafe Tigiraay qofa ta’us hoggansa naannichaa haaraa waliin hojii koomishinichaa naannicha keessatti raawwachuuf qophiin xiinsammuufi loojistikii barbaachisaan taasifamee jira.
Milkaa’inni galmaa’aa jirus ummatni Itoophiyaan rakkoo maraammartoo siyaasaa uumame mariidhaan furee egeree biyyaa ijaaruuf qophii ta’uu agarsiisa. Nageenyaa, marii aadaa taasisuu, dimookiraasii dhugaa mirkaneessuu, misoomaa ittifufaa galmeessuun tokkummaa biyyaa cimaa ta’e ijaaruuf imala milkaa’aa ta’u agarsiisa.
Xiinxalaa siyaasaafi qorataan dhimmoota gaanfa Afrikaa Obbo Muusaa Shekoo mootummaan jijjiiramaa waggootan torban har’aa gara aangootti wayita dhufu Itoophiyaan caba siyaasaafi diinagdeen gaaga’ama guddaa keessa jirti. Cabinsa siyaasaa (maraammartoo siyaasaa) keessa galuuf sababi waliin mar’achuu dhabuu akka ta’e hubatamee booda rakkoolee kunneen furuuf mariin biyyaalessaa akka gaggeeffamu ta’e.
Qindeessummaa Koomishinii Marii Biyyaalessaan mariin biyyaalessaa sadarkaa biyyaatti milkaa’aa jiru jijjiirama siyaasaa biyya kanaa irraa darbee gaanfa Afrikaaf illee bu’aa qaba. Hanga ammaatti marii gaggeeffamaa jiruun ajandaan naannoleerraa ka’aan jiran cabiinsa siyaasaa biyyi keessa jirtu keessaa baasuun tasgabbiifi nageenya mirkaneessuun milkaa’ina abdii namatti horuudha. Biyya tokkumaa cimaa qabdu ijaaruun akka danda’amu kan agarsiisuudha.
Itoophiyaa keessaatti cabiinsi siyaasaa fooyya’aa gaafa deemu seenessa qeenxee biyya kana keessatti balal’atee ture akka sirratu taasisuun ilaalacha siyaasaa badaa giddugaleessatti fiduun akka lafa qabatu taasisa.
Tasgabbiifi nageenya fiduun gaaffileen jiranis karaa nagaafi dimookiraatawaa ta’een gara waltajjiitti dhufuun gaaffiilee jiran deebiin akka argataniif haala mijaa’aa uuma. Ilaalcha afaan qawween sirna jijjiiruu biyya kanatti babal’aterraa akka deebi’u taasisuun rakkoon jiru akka fala argatu taasiisa.
Erga mariin kun gaggeeffamuu eegalee hidhattootni naannolee Itoophiyaa adda addaa keessa socho’aan ajandaansaanii marii biyyalessaa keessatti furamuu akka danda’u hubachuudhaan mootummaa waliin dubbachuudhaan gara karaa nagaan qabasaa’uutti deebi’uun bu’aa argamaa jiru keessaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Keessoon biyyaa tasagabbiifi nageenya qabachaa yeroo deemu gaaffileen ummattoota Itoophiyaa akka biyyaatti qaban bifa ammayyaa’een ijaaramuu waan eeagaluuf bu’aan mariin kana irraa argamu Itoophiyaa qofaaf utuu hintaane biyyoota ollaa Itoophiyaafis darbee bu’aa buusa.
Tasagabbiifi nageenyi keessoo biyyaa fooyyaa akkuma deemuun dhibbaa Itoophiyaan gaanfa Arfikaatti qabdu jijjiiramuu waan maluuf adeemsi dippilomaasii Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu fooyya’uun gaanfa Afriikaattis bu’aa qaba.
Dabalataanis,saba sablammootaafi ummattootni Itoophiyaa biyyoota gaanfa Afrikaa garagaraa keessa tamsa’anii jiraatan Itoophiyaa keessaatti rakkoon mariidhaan gaafa furamaa deemu biyyoota ollaa keessatti walittidhufeenyaa cimaan akka uumaamuf sababa ta’a. Sababa kanaanis diingdeen gaanfa Afriikaa walitti hidhuuf haala mijataa uumaa. Gaaffiin ulaan galaanaa Itoophiyaan qabdus adeemsa keessa walittidhufeenya cimaa deemuun furmaata akka argatu taasisuufis shoora olaanaa qaba.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017