
Itoophiyaatti argama bunaa ilaalchisee yaadota garagaraatu jira. Kaan Jimmatti argame yoo jedhan, kaan ammoo Kibba Lixa Itoophiyaatti jedhu. Haata’u malee qorattoonni seenaafi antiropolojii dhimma kanarratti waan himan qabu. Bakka argama bunaa ilaachisuun yaada hayyootni seenaafi antiropolojii wabeeffachuun barreeffama kana qindeessineerra.
Dhimma bakka argama bunaa kanaaf ka’umsa kan ta’e kitaaba mataduree ‘Seenaa Bunaafi Siyaas-Dinagdee Shanan Gibee” jedhu kan Amajjii bara 2017 keessa eebbifameedha.
Barreessaan kitaabichaa Saalim Amiinii jedhama. Saalim Gaazexeessaa Raadiyoo Hawaasa Jimmaa kan ture yoo ta’u, yeroo sana qophii ‘Sona Shanan Gibee’ jedhuufi kan aadaa, seenaafi hawaas-dinagdee hawaasa Jimmaa (Shanan Gibee) irratti xiyyeeffatu dhiyeessaa ture.
Iddoon argama bunaa “Hayyoota walfalmisiisaa ture” kan jedhu Saalim, ragaalee garagaraa kaasuun argamni bunaa Jimma, Aanaa Gommaa, Coocee Kattaa Mudugaa ta’uu kaasa.
“Jila Oromoo bunni keessaa dhabame hinjiru. Bunni dhalootaa kaasee, fuudhaa hanga du’aatti Oromoo Shanan Gibee waliin walitti hidhaminsa guddaa qabu. Dinagdeesaati, jiruufi jireenya isaati” jechuun haariiroo bunaafi hawaasichaa ibsa.
Ittidabaluunis, “Argama bunaarratti yaadota garagaraatu hayyoota biraa ka’a. Itoophiyaa kibba lixaatti akka argame qorannoowwan nimul’isu. Haata’u malee iddoon Cooceefi Mankiraadha (Kafaa) jedhamu jira. Akka qorannoo kootitti garuu iddoon argama bunaa Coocee (Jimma) ta’uu kan agarsiisudha” jechuun ibsa.
Kitaabichi qorannoorratti hundaa’uun akka barreeffame kan kaasu Saalim, Gadaa Odaa Hulleefi Seenaa Mootota Shanan Gibees kan hammate ta’uu dubbata.
Yunivarsitii Jimmaatti, Barsiisaafi Qorataa Seenaa, Giddugala Qorannoo Oromootti ammoo Darektara kan ta’an Doktar Dheeressaa Dheebuu akka jedhanitti, “Aadaa Oromoo keessatti bunni jalqaba akka dhugaatiitti osoo hinta’in, akka nyaataatti buna qalaatiin jalqabe” jechuun qorannoo Jeemsi Biruus akka wabiitti eeru.
“Yoo xinnaate gara waggoota 12tti siquuf Oromoon irra caala yeroo karaa deemu akka galaatti kan fayyadamu buna qalaa ture. Eenyutu dura gara dhugaatiitti jijjiire kan jedhurrattis yaadota adda addaatu jiru. Ragaan Coocee Kattaa Mudugaadha jedhu jira’’ jedhu.
Kan biraa ammoo ‘’Kafaarraa bakki Mankiraa jedhamu jira. Warri Yaman sirumayyuu nutu jalqabe; dheedhiinsaa Itoophiyaadhaa haadhufu malee, akka dhugaatiitti jijjiiree kan jalqabe nuyi kan jedhu jira” jechuun ragaaleen garagaraa jiraachuu dubbatu.
Ragaalee aadaa hawaasaa bu’uureffachuun nyaataafi dhugaatiin walqabsiisuun, “Naannoo Gibeen alayyuu bakkawwan Oromoon jiru hundatti bunni iddoo guddaa qaba. Waa hundaaf buna jedha Oromoon. Buna biras hin darbu’’ jechuun bunni aadaa Oromoo keessatti beekamtii guddaa kan qabu ta’uu himu.
Bunni immoo duwwaa hindhugamu; aannan wajjin dhugama. Keessumaa bakkeewwan aadaan ganamaa jirutti, bunni gurraachi duwwaa hindhugamu. Bunni qalaas dhadhaadhaan hojjetama. Inni dhugamus, inni nyaatamus waan looniitiin walqabatee Oromoo biratti beekama.
Kana malees, “Aadaa Oromoo keessatti ennaa durba kadhatan margaafi bunatu ergama. Bunaafi marga sana yoo deebisanii fidan, hinkennine jechuudha. Yoo achumaan hambifatan ammoo ni kennine jechuudha. Isaan booda immoo jilli adda addaa kan akka gaa’ila keessatti buna dhaabbachuu, marga raggaasifachuu, buna raggaasifachuu kan jedhamu wajjin bunatu deema. Ennaa wayila kadhatu buna geesseetu’’ jechuun ibsan.
Gama hawaasummaatiinis bunni ummata walitti fiduufi walitti hidhuu keessatti gahee guddaa qaba. Akka haphee ummata kan walitti hidhudha. Bunaafi nagaa hindhabinaa jechuun waa’ee nagaas ennaa haasa’u, buna wajjin nagaan bu’a jedhee yaada.
Araara ennaa adeemsisu, jila adda addaa ennaa geggeessu, Oromoon bunaan waa hunda jalqaba, bunaan waa hunda galcha” jechuun hariiroo bunni hawaasummaafi dinagdee Oromoo waliin qabu ibsu Doktar Dheeressaan.
Warri argamni bunaa iddoo biraati jedhanii falman waan jiraniif kitaabichi falmii iddootti waan galche natti fakkaata kan jedhan ammoo Yunivarsitii Finfinneetti, Barsiisaafi Qorataa Seenaa Pirofeesar Tasammaa Ta’aati.
Seenaa keessatti falmisiisaa kan jedhu jira. Kitaabichi ragaarratti hundaa’uun bakka argama bunaa seenaa Shanan Gibeen walqabsiisee ibsa. Bunni keessummaa Shanan Gibee waliin hariiroo cimaa qabaachuu kitaabichi akeekeera.
“Bunni jiruuf jireenya Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. ‘Koottaa buna dhugnaa’ jedha Oromoon waa afeeruu yoo barbaadu. Buna dhugna jedhee waan biraa sii fiduu danda’a. Oromoo biratti bunni maqaafi kabaja guddaa qaba. Oromoon Bunaafi nagaa hindhabinaa jedha. Oromoodhaaf nagaafi bunni walduukaa deema jedhu Pirofeesar Tasammaan.
Hayyuun Antiropolojii Doktar Gammachuu Magarsaa akka jedhanitti, “Oromoo biratti fuudhaafi heerumni buna malee hinta’u. Bunni waanni inni keessa hinjirre hinjiru. Aadaa Oromoo keessatti waanni buna qalaa malee ta’u hinjiru” jechuun gahee bunni jiruuf jireenya Oromoo keessatti qabu ibsu.
Maanguddoo Jimmaa Abbaabiyyaa Abbaajoobir, fira aantee mootii Abbaa Jifaar lammaffaati. Akka isaan jedhanitti, argamni bunaa “Itoophiyaa ta’uu irratti waliigaleerra. Kanuma ijoon dubbii. Itoophiyaa keessaa ammoo eessa kan jedhurratti Gommaa keessaa ‘Cooceedha’ kan jedhu jira; warri Kafaa ammoo lakki nu bira Kafaadha kan jedhan jiru; Sidaamnis Sidaamaa keessa kan jedhu jiru. Achi ta’us as ta’us bakki argama bunaa Itoophiyaa keessa. Asirraa ka’eetu egaa Arabooni dur biyya isaanii geessanii ‘Koffii Arabikaa’ kan jedhu maqaa itti baasan” jedhu.
Faayidaan bunaa tokkoffaan dinagdeedha. Wantumti Itoophiyaan ittiin beekamtu tokko alergii bunaati. Jireenyuma ummataa keessatti, waa baay’ee laaffisa. Ollaan ganama ennaa ka’an walwaamee taa’ee buna waliin dhuga. Ollaan buna dhuguuf yeroo walga’u Waaqas ni kadhata. Bunni hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.
Yunivarsitii Jimmaatti, Barsiisaafi Qorataa Antiropolojii kan ta’an Doktar Jiraa Mokonnin waraqaa ‘PhD’ isaa bunaafi hariiroo inni ummata Oromoo waliin qabu irratti qorannoo taasisan.
“Argama bunaa ilaalchisee yaada adda addaatu jira. Bunni eessatti argame, gaaffiin jedhu gaaffii jabaa, ulfaataafi ragaa saayinsiitiin, ragaa arkiwolojiitiin mirkanaa’uu qabu natti fakkaata.
Bunni muka, muka daggala keessa jiru waan ta’eef, naannoo qilleensaa walfakkaatu keessatti daangaa ce’ee, faffaca’ee biqiluu danda’a. Kanaaf bunni gama sanatti, gama kanatti, garanatti, muka sana jalatti, laga akkasiitti argame jedhanii dubbachuun akka nama waa’eesaa dubbisee, qorateetti na rakkisa” jedhu Doktar Jiraan.
Ittidabaluunis “Bunni naannawaa Kibba Lixa Itoophiyaa keessumaa Godina Jimmaa, naannoo Gommaafi naannoowwan isa fakkaatan hanga Bunnoo Beddelleetti gadi bu’ee ijji bunaa faffaca’ee jiraataa akka ture ragaan tokko tokko ni mul’isa,” jedhu.
“Anaan kan natti fakkaatu mukti bunaa eessatti argame jedhanii gaafachuurra, osoo eenyutu jalqaba bunatti fayyadame, ummata isa kamtu sirriitti waa’ee bunaa aadaa isaa waliin walitti hidhee itti fayyadamaa jira inni jedhu sirrii natti fakkaata” jedhu.
“Bunni naannoodhuma kana keessatti argame jechuu dandeenya. Naannoo Coocee, Kattaa Mudugaa gara Aggaaroo kana gaafa deemnu, namoonni ragaa adda addaa sitti agarsiisanii asitti argama namaan jedhu. Sun ta’uu danda’a’’ jedhan.
‘’Naannoon biraa, godinni biraallee akkasuma na biratti argama jedhee kan falmu jira. Kana hunda sirriitti mirkaneessuuf, qorannoon bal’inaan geggeeffamee. Ragaan arkiwolojii osoo jiraatee sirrii natti fakkaata” jedhu.
Keessumaa Oromoon naannawa Gibee jiraatu buna haala jiruufi jireenyasaa keessatti haala gadi fageenya qabuun akka itti fayyadamaniidha. Aadaan kamuu, jiruufi jireenyi hawaasa kanaa kamuu buna malee, osoo buna hinomishiin, osoo buna hindhugiin, itti hinfayyadamiin wanti geggeeffamu tokko akka hinjirre hubachuu danda’eera. Bunni dhugaatii qofa otoo hintaane waltajjii araaraa, kadhannaa, nageenyaafi mari ta’uus himaniiru.
Oromoon Shanan Gibee waantota sadiin keessummaa simatu kan jedhan Doktar Jiraan, ‘’Gaafa ati manasaanii dhaqxu barcuma sii kennu. Itti aansanii buna danfisu, sadaffaa irratti Jimaa cabsanii si fidu. Gaafa karaa deeman ammoo akka galaattillee buna baattatanii deemu. Namni tokko qabeenya qaba kan jedhamu yoo buna qabaatedha. Buna qabaatee maasiisaa qotatee, maatiisaa yoo gorfatedha. Buna malee jiruufi jireenyi akka hinjirretti hubatu’’ jechuun ibsu. Barreeffama kana gabbisuuf ‘BBC’ Afaan Oromoofi maddeen adda addaa fayyadamneerra.
NatsaannatTaaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017