Daandii Qilleensaa Itoophiyaa: Dhaabbata karaa milkaa’aarra arreedaa jiru

Umrii ganna 78 olii kan qabu Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sadarkaa Afrikaatti maqaa gaarii kan qabu yoo ta’u; waggaatti imaltoota miliyoona 25 qofa keessummeessaa jira.

Itoophiyaa ka’umsasaa godhatee biyyoota 142 walquunnamsiisuun maqaasaa kan olkaase dhaabbatichi balaliinsaa ga’umsa iddoowwan 70 ta’an Afrikaa kan giddugaleeffataniidha.

Yeroorraa yerootti maqaafi ga’umsasaa olkaasaa kan jiru Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa tajaajila geejibaa saffisaafi qulqullina qabu xiyyaarota ammayyaa’oo 150fi ogeessota ga’umsa qabaniin deggaramee hojjechuun galiisaas maqaa biyyasaas waamsisaa jira.

Kenniinsa tajaajila balalii xiyyaaraasaa kana dachaan dabaluuf yeroo ammaa xiyyaarota ammayyaa 67 kan ajaje yoo ta’u; sosochiifi warraaqsa imala misooma buufata xiyyaaraa idiladdunyaa addunyaalessaa yeroo ammaa eegalame milkeessuuf haala kan mijeessuufiidha jedhu Hojigaggeessaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasawu.

Bishooftuutti ijaaramuuf kan jiru buufanni xiyyaaraa idiladdunyaa Itoophiyaa kun lafa hektaara 3500 irra kan qubatu yoo ta’u; abbootiin warraa 2500 misoomichaaf ni kaafamu.

Ijaarsasaan walqabatee tarminaaliin imaltootaa lafa iskuweer meetirii miliyoona 1.1 qabatu, ijaarsi dhaabbilee daandii xiyyaarichaaf deggarsawwan garagaraa taasisaniif gaggeeffamu lafa iskuweer meetira 126,190fi lafa iskuweer meetirii kuma 100 ijaarsa tajaajila fe’isaaf oolu of keessatti hammata.

Abbootii warraa misooma buufatichaaf kaafamaniifis misoomawwan bu’uuraa akka guutaman taasifamaa jira kan jedhan hojigaggeessichi; ji’a Sadaasaa dhufurraa eegalee akka kaafaman eeru.

Adeemsa qonnaan bultoota kaasuu kana keessatti misoomawwan fayyadamummaasaanii mirkaneessan guutuun walqabatee jiruufi jireenyasaanii ittifufsisuuf ijaarsi mana jireenyaa, gamoowwan garagaraa giddugaloota agiroopiroosesiingii, daldalaafi gabaa kaafamtoota kanneeniif oolan eegalameera. Hojichi carraa hojii uumuus kan of keessatti hammatedha.

Misoomni buufata xiyyaaraa idiladdunyaa kun boqonnaawwan lamaan kan gaggeeffamu yoo ta’u; ijaarsi boqonnaa jalqabaa imaltoota miliyoona 60 kan keessummeessuudha. Kunis bara faranjootaa 2029tti kan xumuramu yoo ta’u; adeemsi hojiisaas karaa qulqullina qabuufi saffisaan gaggeeffama jira.

Boqonnaa lammaffaan imaltoota miliyoona 50 dabalataan yoo keessummeessu waliigalaan imaltoota miliyoona 110 simatee kan gaggeessuudha.

Buufanni xiyyaaraa idiladdunyaa Bishooftuutti ijaaramuuf jedhuufi kan Finfinnee daandii saffisaafi baaburaan kan walquunnamsiifaman yoo ta’u; buufata xiyyaaraa sadarkaa Afrikaatti isa duraa ta’e kan biyyattiin ittiin boontu; galiin dachaas kan ittiin argamuudha.

Maallaqa Baankii Misooma Afrikaarraa argamu biliyoona 7.8 oliin ijaarsisaa kan gaggeeffamu buufanni xiyyaaraa kun gamanumaa xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira.

Hojiin kun faayidaa abbootii warraa misoomaaf naannawicharraa kaafaman kan giddugaleeffate biyya keenyaaf wabii egereeti jedhamees amanama.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa karoora waggoota kudhan dura baafateen galii doolaara biliyoona 10 argachuuf kaayyeffatee cichee hojjetaa kan ture yoo ta’u; waggaa darbe galii doolaara biliyoona torbaa galmeessisuu danda’eera.

Galiin kun gahaa waan hintaaneef ammallee humna guutuufi qulqullinaan hojjechuun dirqama waan ta’eef xiyyeeffannoodhaan hojjetaa jira.

Hariiroo Booyingi faana qabu daran cimsuunis bittaa xiyyaaraarra darbee dhaabbanni Booyingi sadarkaa Afrikaatti waajjirasaa Itoophiyaatti banachuun qaamolee xiyyaaraa tokko tokko omishee fayyadamuuf hojjetaa kan jiru yoo ta’u; kunis dinagdee biyyattiitiif hiika guddaa akka qabu himeeraaf.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa kenniinsa tajaajila si’ataafi qulqullina qabuun galiisaa olguddisuun maqaa Itoophiyaas olkaasuuf humna guutuun hojjetaa jiraachuu kan ibsan hojigaggeessichi; yeroo ammaatti maniin ALA bara 2025 qabame haaluma karoorfateen milkeeffachuu eeraniiru.

Daaandiin xiyyaaraa kun waggoota jahaf ittifufiinsaan sadarkaa Afrikaatti daandii xiyyaaraa filatamaa ta’uun badhaasota gara garaas dhuunfateera.

Misooma guddaa sadarkaa idiladdunyaatti maqaa qabu eegalamuuf jiruun galiin mana hojichaa dachaan kan dabalu, carraan hojii dhaabbiifi yeroo namoota kumaatamaaf kan saaqamu; simannaan tuuristiifi sharafni alaa argamu; daldalli si’ataa biyyoolessaa kan itti dhugoomuudha jedhamee abdatama.

Dhaabbatichi damee balaliinis teknikiifi ogummaawwan gara garaatiin barattoota simatee leenjisuun carraa hojii uumuufi ga’umsasaa daran olkaasee gama dinagdee biyyaa maraan utubuu keessattis gahee guddaa taphataa jira.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii gara biyyoota Afrikaa garagaraatti taasisuun daballii gatiin komatamaa turuu kan kaasan Obbo Masfin; kunis baasiin boba’aa qaala’uun kan walqabatuudha jedhu.

Waggaa darbe humna guutuu, qulqullinaafi tajaajila si’ataa imaltootaaf kennuun galii doolaara biliyoona torba kan galmeessise yoo ta’u; hanga xumura bara 2025tti doolaara biliyoona saddeetiin ga’uuf kutannoodhaan hojjetaa jira.

Warraaqsa dinagdee galii balaliirraa argamu guddisuu cinaatti misooma buufata xiyyaaraa idiladdunyaa ammayyaa sadarkaa Afrikaatti dursu gaggeessuuf hojiitti seenuun biyyattiif hiika guddaa qaba kan jedhan hojigaggeessichi kutannaan jiraannaan wanti hindanda’amne akka hinjirre kaasu.

Itoophiyaan yeroo ammaa tajaajila balalii xiyyaaraa saffisaa kennuun badhaasota garagaraa dhuunfachuurra dabartee leenjitoota biyya keessaafi alaa simachuun ga’umsa itti hortee bobbaasaa jirti. Kun milkaa’ina guddaa biyyittiin ittiin boontuufi ammallee cimee ittifufuu qabuudha.

Buufanni xiyyaaraa haaraa ijaaramuuf jiru akka biyyaatti dinagdee biyyaa guddisuu keessatti carraa hojii uumuurraa kaasee waggaatti keessummaa miliyoona 110 simatee gaggeessu keessatti sharafa alaa olaanaa dhuunfata jechuudha.

Misoomniwwan hoteelaafi tajaajilli tuurizimii akkaataa barbaadameen akka galii argamsiisaniif ijaaramuun buufata xiyyaaraa haaraa kun haala kan mijeessu yoo ta’u; omishtoonni fuduraafi muduraa garagaraa daldaltoonnis omishasaanii gatii madaalawaan yeroon gabaaf akka dhiyeessan darbees sharafa alaa akka argamsiisan taasisa.

Sadarkaa Afrikaatti buufata xiyyaaraa isa jalqabaa ta’e Itoophiyaa keessatti misoomsuun jijjiirama guddaa yoo ta’u; olka’insa Itoophiyaaf bu’uura kan buusuudha.

Sadarkaa biyyaattis magaalota biyyattii garagaraa keessatti misoomni buufata xiyyaaraa Itoophiyaa babal’ataa kan jiru yoo ta’u; tajaajila geejibaafi daldalaa akka biyyaatti jiru si’eessuu keessattis shoora guddaa taphata.

Haala kanaan dura hinbaratamneen dhiiraan ala balaliin dubartoota hirmaachise kan hin aadeffatamne yoo ta’u; yeroo ammaatti hirmaannaa dubartoonni balalii xiyyaaraa keessatti qabanis dachaan dabalaa jira.

Guyyaa dubartootaa sababeeffachuunillee balaliin dubartootaan hogganamu gara biyyoota garagaraatti gaggeeffameera. Kunis injifannoo guddaa yoo ta’u; misoomichi hunda kan hirmaachise ijaarsa biyyaa keessattis qooda guddaa qabaachuusaaf agarsiistuu guddaadha.

Walumaagalatti Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa haaraa ijaarsisaa ji’a Sadaasaa qabee eegalamu sadarkaa Afrikaatti isa jalqabaa yoo ta’u; dinagdee biyyaa keessatti shoora guddaa akka taphatu abdatama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You