“Carraafi dirqama namaaf kenname milkeessuuf carraaquun barbaachisaadha” -Aadde Sannaayit Mabiree

Finfinnee: Carraafi dirqamni dhaabbata tokko hogganuu namaaf kennamu itti gaafatama guddaa waan ta’eef sana milkeessuun carraaqqii nama dhuunfaa kan gaafatu ta’uu Raawwachiiftuu Hojii Olaantuun Koorporeeshinii Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabiree ibsan.

Aadde Sannaayiti dubartii cimtuu tibba darbee qophii Caayaarratti haala hojiifi hojimaata dhaabbatichaa haala gaariin ibsuun namoota baay’een dinqisiifataman ta’uu ni yaadatama.

Turtii Kibxata darbe Gaazeexaa Bariisaa waliin turtii taasisaniin, jijjiiramaa as mootummaan biyyattii hirmaannaa dubartoortaa cimsuuf haala kanaan dura hin baratamneen dubartoota hedduu gara hoggansaatti fideera jedhanii; carraan dhaabbata tokko hogganuuf namaaf kennamu yoo baay’ate marsaa tokko waan ta’eef itti gaafatama namatti kennamee milkeessuuf hanga danda’ame humna guutuun caraaquun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dubartoonni biyyattii dhiibbaa garaagaraa jala turuu kan hubate mootummaan jijjiiramaa dubartoota ga’oomsuuf hojii bal’aa hojjechuu himanii; dubartoonni carraa argatanitti qixa sirriin fayyadamaniifi itti gaafatama kennameef carraaqqiin ba’atan akka biyyaatti milkaa’ina ajaa’ibsiisa galmeessan hedduu ta’uu yaadachiisaniiru.

Aadde Sannaayit barattoota qabxii fooyya’aa galmeessuun carraan yuunivarsitiitti hafuun barsiisummaa hanga hoggansa sadarkaa garaagaraatti yuunivarsitiiwwan Bulee Horaafi Salaaleetti tajaajiluu eeranii; carraa hoggansaa mootummaan naannoo Oromiyaa kenneefiin Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaatti Hogganaa Ittaanaa ta’anii tajaajilus ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa dubartootaaf kennetti fayyadamuuf dubartoonni of qopheessuu qabu. Dubartoota akka biyyaattis ta’e addunyaatti umuriisaanii biyya tajaajiluun ashaaraa hin haqamne kaa’anii darbanirraa barachuu qabu. Waan beekan barsiisuu, waan hin beekne ammoo barachuuf qophii ta’uu qabu. Fedhiifi carraaqqiinsaaniis waan dhalootaa gala ta’u tokko hojjetanii darbuudha.

Yeroo ammaa kana manneen barnootaa keessatti illee qabxii olaanaa galmeessaa kan jiran dubartoota ta’ee wayita jiru kanatti waajjira keessatti bu’aa walfakkaatu argamsiisuuf carraaquun barbaachisaadha jedhaniiru. Gama kanaan paarkiin idiustirii Oromiyaa gama omisha qonnaatti sona dabaluufi omishaalee alaa galan biyya keessatti haala itti omishanirratti sochii taasisan fuula mijuu/ keessummaarraatti guutuusaa dubbisaa.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

Recommended For You