ATIS NAMA: Dhaabbata tola ooltummaa imimmaan namoota hedduu haqaa jiru

Yeroo baay’ee jechama “Nama gargaaruuf nama ta’uu qofti ga’adha” jedhu nidhageenya. Baay’een keenya garuu dhaga’uurra kan darbe hojiitti hiikuuf ni rakkanna. Gaafa waa’ee nama gargaaruu yaadannu waa’ee ofii waa qabaachuu yaadanna. Namoonni muraasni garuu jechama jedhame kana qabatamaan hojiitti hiiku. Nama ta’uusaaniitiin qofa nama gargaaruu akka amaleeffannaatti kan fudhatanii, ittiin eebbifaman ni jiru.

Keessumaa yeroo amma miidiyaan hawaasaa babal’atee dargaggoota hedduuf badiisa itti ta’etti gaarummaaf fayyadamanii namoota kan gargaaran, jireenya namaa jijjiiranii jireenya namaatti gammachuu horanii ofii boqonnaa sammuu uummatan nijiru. Kanneen kennaa akkanaa qabaatanii imimmaan haadholii, maanguddoota, daa’immaniifi dargoggoota hedduu haqaa jiran keessaa dhiheenya miidiyaa hawaasummaarratti beekamaa kan jiru dhaabbata Tola Ooltummaa Atis Nama jedhamu isa tokko.

Nutis Hundeessaafi Durataa’aa dhaabbatichaa Dargaggoo Tashaalaa Taammiruu hojii waliigalaa dhaabbatichi hojjetaa jiruufi karoorasaa fuulduraarratti muuxannoosaa akka qarreefi qeerroof qooduuf dubbisneerra.

Akka inni jedhutti, Dhaabbatni Tola Ooltummaa Atis Nama Magaalaa Naqamteetti erga hundaa’ee waggoota afur kan lakkoofsise yoo ta’u, kanas hiriyyootasaa Dargaggoo Lalisaa Abarraa, Baay’isaa Gammachuu (Amma sababa hojiitiin kan irraa adda ba’e) waliin ta’uun namoota rakkoolee garagaraaf saaxilaman viidiyoo waraabanii yuutubiirratti fe’uun jalqaban. Keessumaa namoota dhukkubsatanii waan ittiin yaalaman hinqabne, waan nyaatan dhabaniifi rakkina ulfaataa keessa jiranirratti xiyyeeffachuun hojjechuu eegalan.

Hojiin beekamtii qabaatee seeraqabeessummaadhaan akka hogganamuufis waggoota sadii dura Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaarraa eeyyama hawaasummaa baafachuun miseensota dabalachuun hojicha bal’isanii hojjechuu eegaluu eeree, hojicha jalqabuun namoota muraasaan ta’us wayita ammaa namoonni hedduun koreerraa eegalee hojiiwwan garagaraatiin keessatti hirmaachaa jiraachuu hima.

“Tola ooltummaan waan Waaqayyo namarraa barbaaduudha. Tola oolaan jalqabaa Waaqayyoodha; waan nuti harkaa qabnu hunda tola kan nuu kenne isa. Kanaaf amantii kamuu haa hordofnu waan nuti Waaqayyoorraa barachuu qabnu isa kana.

Amantiileen hundi Waaqni akka nama gargaarruuf fedhasaa akka ta’e nu barsiisa. Anaafi hiriyyoonnikoo egaa ilaalcha kanaan ijoollummaadhaa kaasnee waan guddanneef namoota olaafi naannawaa keenya jiran waan nyaataniifi uffatan hinqabne, kanneen dhukkubsatan, maanguddoota gargaarsa dhaban, ijoollee sababoota garagaraatiin haadhaafi abbaasaanii dhabaniifi kaan gargaaruu eegalle” jedha.

Moggaasa maqaa dhaabbatichaas ATIS NAMA kan jedhaniif hojii kana yommuu hojjetan namoonni baay’een waan isaan irra ga’eerraa ka’uun akka namaatti kan of hinilaalle akka jiran ibsa. Namoonni rakkina irra ga’erraa ka’uun ani nama miti jedhanii abdii itti kutatanii bo’anis jiraachuu himee, jecha abdii akka ta’uufiif moggaafamuu dubbata. Akkasumas, namni nama gargaarus ammam sooramuus bakka guddaa ga’us innis waan nama ta’eef ATIS NAMA isa jedhu yaadachiisuuf moggaafamuu ibsa.

Yommuu hojicha eegalanis uffatasaanii miiccuun, manasaanii qulqulleessuun, yoo jige suphuun, ofiisaaniitiin maraguun, buna isaanii danfisuun, nyaatawwan muraasa bituun, mana namaarra deemanii daakuu kadhatanii walitti qabuufiin eegaluu eeree, waan hojjetan kanas gara miidiyaa hawaasaatti baasuu yommuu eegalan namoonni fedha walfakkaatu qaban isaan jajjabeessuufi deggaruu akka jalqaban hima.

Hojiin haala kanaan eegalame wayita ammaa namoota hedduu bira qaqqabuun mana ijaaraa, mana isaanii suphaa, rakkoolee addaddaa keessaa baasaa jiraachuu kan dubbatu Dargaggoo Tashaalaan, hojii kanas guutummaa Oromiyaa keessa deemuun amma danda’an gargaaraa jiraachuu ibsa. Kana hojjechuufis harkaa waa qabaataniif osoo hintaane umurii, beekumsaafi dandeettii qaban kanatti yoo waan gaarii raawwatan namnis akka jaalatuufi Waaqayyoollee irraa barbaadu ta’uu ibsa.

Yommuu namootaaf gargaarsa taasisan kanattis isaan kan jiran Naqamtee ta’us namoonni isaan waliin hojii tola ooltummaa hojjetan magaalota Oromiyaa addaddaarra waan jiraniif namoota rakkina keessa jiran sirriitti qoratanii erga adda baasanii eeruu akka kennan kan himu dargaggoon kun, kanneen karaa miidiyaa hawaasummaatiin eeruun isaan qaqqabummoo erga bakka nama rakkate sanaa deemanii booda kanneen gandaa qulqulleeffachuu qaban gandaa akkasumas, hawaasa naannawaarraa adda baafachuun maanguddootaafi daa’imman irratti xiyyeeffachuun akka deggaran ibsa.

Kanarra darbees yommuu ofiin bakkaa bakkatti deeman haadholii qoraan baatanii deeman, abdii kutannaa garagaraatiin daandiitti ba’aniifi rakkoof saaxilaman akkanumaan ilaaluun itti dhihaatanii dubbisanii yeroon itti gargaaran akka jirus ni hima.

Akka Dargaggoo Tashaalaan jedhutti, namoota deggarsa taasifamuuf keessaas kanneen hojjechuu danda’an gara hojiitti akka seenan ni taasifama. Fakkeenyaaf daldala xixiqqoo akka jalqaban haala ni mijeessuuf. Maanguddoota hojjechuu hindandeenye ammoo ji’a ji’aan dhaabbiidhaan ni deggaru.

“Hojii tola ooltummaa kanarratti namoonni baay’een amanamummaa namarraa barbaadu. Kanaaf kanneen hojii keenya ilaalanii nu amanan baay’een jiru. Akkuma kana ammoo kanneen yaada faallaa qabaatanii hamilee nu buusan ni jiru. Keessumaa gara jalqabaa gaafa hojiisaanii gara miidiyaa hawaasaatti fidan nama tokko viidiyoo waraabanii, suura kaasanii waan taasifameef waliin maxxansuun akka waan of agarsiisuutti kanneen fudhatan turaniiru. Inni kun waan baay’ee nu dadhabsiisaa ture keessaa isa ijoo ture” jedha.

Kunis kan madde namoonni miidiyaa hawaasaarratti hojii tola ooltummaa hojjenna jedhanii nama gowwamsan heddummachuusaaniirraa kan ka’e ta’uu eeree, amma erga hojii isaanii qabatamaatti arguutti ka’anii booda ilaalchi akkanaa haalaan jijjiiramuufi namoonni muuxannoo argachaa dhufuun isaan deggaraa jiraachuu ibsa.

Dhaabbanni tola ooltummaa kun erga hundaa’ee namoota hedduu akka dhuunfaafi akka ummataatti gargaaruu kan dubbatu Dargaggoo Tashaalaan, akka karoorasaaniitti yoo xiqqaate torbanitti namoota sadii rakkoo hawaasummaa cimaaf saaxilaman gargaaraa jiraachuu ibsa. Bara 2017 qofa hanga yoonaatti manneen harkaqal’eeyyii 14 ijaaruun harkaqal’eeyyiif dabarsuu kaasa. Barana hojii tola ooltummaa gannaa dabalachuun hanga manneen 20 ijaaruuf karoorfachuu hima.

Akka hawaasaatti ammoo yommuu balaan uumamaas ta’u namtolchee addaddaa mudatu kan deggaran yoo ta’u, akka fakkeenyaatti yommuu Booranatti hongeen mudate, Horro Guduruutti ummanni sababa nageenyaan qe’eesaarraa buqqa’eef deggarsa taasisu dubbata. Ayyaana kiristaanaas ta’e musliimaa hundarrattis namoota hedduuf deggarsa akka taasisan ibsa.

“Hojiin tola ooltummaa hojii tola oolamuu malee bu’aa ittiin argatan miti. Hojii kanas yommuu hojjennu hojii dhuunfaa keenyaa kan hojjennu biraallee ni qabna. Ani fakkeenyaaf barnoota digrii laman barataa jira ‘Tiyooloojiifi Saayinsii Kompiyutaraa. Isa tokko barana nan xumura.

Hojiis ammoo dhiheenya sababa misooma koriidarii Magaalaa Naqamteetti hojjetamaa jiruuf yeroofiin dhaabe malee mana elektirooniksii nan qaba; hiriyyoonnikoo kaanis akkasuma. Egaan haaloota kanneen hunda keessatti hojii tola ooltummaa yommuu hojjennu jireenya dhuunfaa keenyarratti dhiibbaa kan uumu ta’uus of kenninee waan jiru mijeessine hojjenna.

Fuuldurattis akkasumaan itti fufna malee, hojii dhuunfaa keenyaa dhiisnee guutummaatti tola ooltummaa hojjechuu hinbarbaannu, isa tola ooltummaas dhiisnee kan dhuunfaa keenya hojjechuu hinbarbaannu” jedha.

Akka ibsa Dargaggoo Tashaalaatti, dhaabbata kana sadarkaa biyyaatti dhaabbata tola ooltummaa guddaa taasisuuf karoora qabu. Magaalaa Naqamteetti Giddugala Kunuunsa Maanguddootaafi Guddisa Daa’imman Haadhaafi Abbaa Hinqabnee ijaaruuf adeemsarra kan jiran yoo ta’u, kanas kutaalee garagaraatti babal’isuuf hawwii qabu.

Akka waliigalaatti nama gargaaruuf nama ta’uu qofti gahaa ta’uu jireenyasaaniirratti arguu ibsee, nama gargaaruun gammachuu, aaragalfii sammuu, hirriba nagaa kan namaa kennu ta’uusaatiin waan qabaatanii isaanirraa hafeef osoo hintaane nama waan taa’aniif gargaaraa jiraachuu dubbata.

Kanaaf namni kamuu yoo danda’e bakkuma jirutti ilaalcha akkanaa akka qabaatu, kan isaan tumsuu barbaadu ammoo teessoo miidiyaa hawaasaa ‘ATIS NAMA Charity’ dhaan isaan qunnamuun akka deggaru waamicha dhiheessa. Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 18 Bara 2017

 

Recommended For You