Sektarri geejibaa hariiroo Itoophiyaafi biyyoota ollaa cimsuurratti shoora guddaa taphachaa jira

Finfinnee: Jijjiiramaa as sektara geejibaa daran ammayyeessuu cinatti tajaajila baaburaafi konkolaattota daangaa qaxxamuraniin hariiroo Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuurratti hojii bal’aan hojjetameera. Gama kanaan daandiin baaburaa Itoophiyaa, meeshaalee alaa galan biyya keessatti geejibsiisuu cinatti hariiroo Itoophiyaafi Jibuutii cimsuurratti argama. Daandiwwan guguddoon biyyoota ollaa kanneen akka Keeniyaafi Sudaan walqunnamsiisan hariiroo Itoophiyaafi biyyoota kunneeniin itichuurratti gahee guddaa taphachaa jiru.

Ministeerri Geejibaafi Loojastiksii waggoottan torban darbanitti milkaa’ina damee geejibaan argame ilaalchisee Roobii darbe qooda fudhattoota waliin wayita marii taasisetti, Ministirri Ministeerichaa Doktar Alamuu Simee, riifoormii mootummaan taasiseen sektaroota milkaa’ina guddaatti tarkaanfatan keessaa sektarri geejibaa isa tokkodha. Ulaa galaanaa dhabuun Itoophiyaa guddina dinagdeesheerratti dhiibbaa olaanaa qabaachuu himanii; hoggansa jijjiiramaan ulaa galaanaa gonfachuun yeroonsaa fagoo akka hintaanes dubbataniiru.

Gaggeessaa Hojii Bulchiinsa Inshuraansii kan ta’an Obbo Caalaa Fayyisaa gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan xayyaarota ammayyaawoo fayyadamuufi nageenya daandii qilleensaa amansiisaa diriirsuun fudhatama guddaa gonfachuu dandeesseetti.

Gama biroon biyyoota ollaa waliin hariiroo qabbanaa’aan ture, imaammata mootummaa jijjiiramaa hordofee ammaan tana geejiba lafarraafi galaanarraan walitti dhufeenyi biyyoota ollaa waliin jiru kan nama boonsudha. Geejiba galaanarraan hariiroon biyyoota garaagaraa waliin uumame caalaatti cimsuuf ulaan galaanaa dagatamee ture ajandaa guddaa ta’uun gara dhugoomuutti dhufaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Yeroo kamuu caalaa sochii geejibaa nageenyisaa amansiisaa ta’e dhugoomsuuf ittifayyadamni teknoloojii kan gabbate jijjiiramaa as ta’uu yaadachiisanii; nageenyi tiraafikaa amansiisaan diriiruun walqabatee balaan lubbuufi qabeenyarra ga’aa ture hir’achaa dhufuu dubbataniiru.

Tajaajila geejibaa ammayyeessuu qofa osoo hintaane balaa mudachuu malu haala miidhamaan beenyaa itti argachuu malurratti imaammataafi seerri garaagaraa hojiirra ooluu eeranii; namni balaan tiraafikaa isa mudate tokko qarshii kuma 15 irraa eegalee beenyaa akka argatu seerri lafa kaa’amuu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, biyyoota garaagaraa keessatti daandii lafoo, konkolaataafi bishikiliittii qofa qofaatti adda ba’ee tajaajila kenna. Biyya keenyatti garuu namni, komkolaataanis ta’e bishikiliittiin daandii tokko qofa walharkatti waan qabaniif balaan mudachaa ture olaanaadha, Magaalaan teessoo Gamtaa Afrikaafi Dippiloomatota Idil Addunyaa taate Finfinneenillee haalli daandiinshee irra ture kan nama qaanessu qofa osoo hin taane balaa tiraafikaaf saaxilamaa ture. Mootummaan jijjiiramaa Misooma Kooriidarii magaalotaaf xiyyeeffannoo kenneen ammaan tana sochiin geejibaa haala nama boonsurra jira.

Hirkattummaa boba’aa jalaa ba’uuf konkolaattota elektiriikaa tajaajila geejibaaf mijatoo ta’an hojiirra oolchuun bu’aa mootummaa jijjiiramaa ta’uus eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You