
Yeroo ammaa bakkeewwan baay’eetti nyaatiwwan, faayawwaniifi uffatawwan aadaa ibsama eenyummaa saba tokkoo ta’uurra darbee madda dinagdeellee ta’aa jiru. Namoonni baay’een mana nyaataa akkasumas mana uffata aadaa banachuun dhagaa tokkoon simbira lama akkuma jedhamu aadaasaanii beeksisaa madda galiis ittiin argachaa jiru.
Karaa biraatiin namoonni sababoota addaddaatiin nyaata aadaa argachuu hindandeenye kan itti hawwiisaanii ba’atan, ijoollummaasaaniifi qe’ee maatiisaanii ittiin yaadatan ta’aa waan dhufeef jaalatamummaafi barbaadamummaan mana nyaataa aadaa dabalaa dhufaa jira. Keessumaa Magaalaa Finfinneetti namoonni hedduun bakka jiru iyyaafatanii deemuun tajaajilamu.
Nutis barreeffama keenya kanaan Mana Nyaataa Aadaa Oromoo Aayyoo, dhiheenya Finfinneetti banamuun dameewwan lama jechuunis Paarkii Michummaa (Friendship Park) akkasumas Boolee Ruwaandaa, Gamoo Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa cinaatti tajaajila kennaa jiruun walqabatee turtii haadha qabeenyaa mana nyaatichaa Aadde Aagee Mangistuu waliin taasisne isinii dhiheessina.
Aadde Aageen hojii nyaata aadaa Finfinneetti kan eegalan yeroo dhihoo haa ta’u malee, bara 2004 irraa eegalee Magaalaa Naqamteetti hojjetaa turan. Sana dura hojjettuu misooma qonnaa kan turan yoo ta’u, mindaansaanii ji’aa yeroo mindeeffaman qarshii 230, hanga hojii gadhiisanitti ammoo qarshii 800 qofa akka ture eeru.
Dubartoota gorsuufi jajjabeessuurratti xiyyeeffatanii hojjetaa kan turan yoo ta’u, hojichi isaanitti tolus qarshiin argatan garuu jireenyasaanii jijjiiruu waan hindandeenyeef hojii mootummaa dhaabanii kan ofii banachuuf murteessuu himu.
Haadha warraafi haadha ijoollee afurii kan ta’an Aadde Aageen maatiinsaanii jireenya fooyya’aa akka argataniif jecha murteessanii hojii daldalaatti kan seenan ta’us waa hundi qajeelaafi salphaa akka hinturre kaasu.
Yommuu murtoo kana murteessan namoonni baay’een “Nimaraatte moo, maal abadatte” jedhanii isaan gaafachaa turuufi maatiinillee sodaa keessa seenanii turuu himanii, hunda caalaa garuu kaappitaala hojii isaan jalqabsiisu of harkaa dhabuun yaaddoo guddaa akka ture dubbatu.
‘Peermuzii’dhuma buna danfisanii itti naqanillee akka hinqabne kaasanii, namoonni isaanitti dhihaatan, hiriyyoonniifi afooshaan meeshaalee hojiif ta’an hundasaanii ishiif ergisuun hojii eegaluu himu. Akkasumas gareen tokko hoolaa, gareen kaan dhadhaa, kaan waanuma danda’an bitaniifi isaan jajjabeessuun hojii eegalan.
“Jalqabuma gaafan hojii dhaabe mana nyaata aadaan jalqaba jedhee hindhaabne. Garuu kennaadhumakoo ta’ee hojiiwwan akka waa qindeessuu, sagantaa qopheessuu nan qaba. Inni kun immoo ayyaanakoo ta’uu adda baafadheen Waaqas irratti kadhadhee waan keessakoo guuteefin eegale.
Jalqaba kaafteeriyaa dhaabbata tokkoo fudhadheen nyaatuma qopheessuu eegale. Yeroos waan hundi anaaf haaraa ta’uus namoonni baay’een garuu na jajjabeessuun hamilee natti horan. Isumaanin nyaata aadaarrattis xiyyeeffadhee hojjechuu eegale” jedhu.
Hojiin nyaata aadaa hojii gatii nama kanfalchiisu ta’uu kan himan haati qabeenyaa Mana Nyaataa Aayyoo, kanaaf keessumaa dhaloonni ammaa itti dadhabuu akka hinbarbaanne himu. Isaanis inni kun quuqqaa waan itti uumeef aadaan badaafi dagatamaa deemuurra ittuma dadhabanii dhaloonni akka baru taasisuuf aarsaa kanfalanii hojjechuuf murteessuu dubbatu.
Haala kanaan haalota ulfaatoo abdii nama kutachiisan hedduu keessa darbuun har’a sadarkaa barbaadanirra ta’uu baatus hojii sammuunsaanii itti boqotu hojjechaa jiraachuu himanii, nyaatawwan aadaa Oromoo waltajjiiwwan biyyaalessaa garagaraarratti dhiheessuun beeksisuusaanii eeru.
Akka fakkeenyaattis fooramii magaalotaa Gondaritti taasifameen meeshaafi hojjettoota ja’a wajjin fudhatanii deemuun magaalota 259 waliin dorgomuun akka magaalaatti ittiin badhaafamuu eeru. Magaalaa Jigjigaattis akkasumas dhiheessuun beekamtii ittiin argachuufi akka Oromiyaattis yeroo addaddaa Giddugala Aadaa Oromoofi magaalota birootti dhiheessuun aadaa beeksisaa jiraachuu kaasu.
Akka ibsasaaniitti, yommuu hojii kana hojjetan beekumsa maatiisaanii irraa argatan bu’uura godhachuun ta’us kan godinaalee biroo baruufis namoota gaafachaa, nama naannawa sana beekan mindeessaa hamma danda’ametti waan Oromoofi Oromiyaa ibsu hojjetaa jiru. Hojiin hojjetamus ofiisaanii itti dhiheenyaan kan hojjetan yoo ta’u, ijoolleen isaan bira hojjetanis ogummaa kana akka barataniif waa hunda itti agarsiisaa hojjetu.
Yommuu Naqamteetti hojjetaa turan turtii waggoota 10 oliin namoota 240 oliif carraa hojii bananii turuu himanii, namoota kanneenis utuu magaalaa sanaa hinba’iin dura maatii waliin mari’atanii sagantaa qopheessuun manasaaniitti waamanii affeeruufi gaabii uffisuu ibsu.
Kanas kan taasisan ijoollee sana walbarsiisuuf, warra fuudhan ykn heerumaniif akka deebiitti waamuuf akkasumas adeemsa hojii keessatti kan walmufachiise yoo jiraate dhiifama akka walii godhuuf ta’uu ibsu. Kanattis hunduu gammaduufi fuulduraafllee hariiroo uummachuu kaasu.
Taatee sana booda baay’een hojjettootasaanii duraanii Aayyoo jedhanii isaan waamuu eegaluu himanii, maqaan Aayyoo jedhu akka salphaatti osoo hintaane gatii guddaan itti kanfalamee kan argame ta’uu kaasu. Aayyoon haadha deesse osoo hintaane ishee akka haadhaatti taatee, daa’ima dhiiga imaanaa fuutee harma gogaa hoosistee akka dhala ofiitti guddistudha kan jedhan Aadde Aageen maqaa sanaan waamamuun ulfinaafi carraa guddaa ta’uu kaasu.
“Yeroo ammaa waan hundi saamsamee suuqiidhaa bitamaa jiraachuunsaa anaan akka nama dhuunfaatti na aarsa. Dhaloonni amma jiru baay’eenis isa keessatti hammatamaa jira. Kanaaf kanarratti hojjechuun karoorakoo fuulduraati. Yeroosaa hinbeeku, garuu yommuu haaloonni naa mijatan mana barnootaa leenjiin ogummaa nyaata aadaa itti hojjetamu banuu nan yaada. Dhalooti aadaasaa baraa madda dinagdee akka taasifatuuf nan hojjedha” jedhu.
Imala hojii kana keessatti wantoonni abdii isaan kutachiisaniifi hamilee isaan buusan hedduun isaan mudatanis kaayyoo ka’an milkeeffachuuf jechu waa hunda obsaan dabarsanii hojjechuun wayita ammaa Finfinneetti dameewwan lamaan nyaatawwan aadaa Oromoo dhiheessaa kan jiran Aadde Aageen, nyaatni aadaa daldala osoo hintaane eenyummaa, duudhaafi aadaa ittiin beeksisuu waan ta’eef eeggannoo olaanaa akka barbaadu hubachiisu. Namoonni daldaluu barbaadan waan sabniifi biyyi itti waamamu waan ta’eef maal na dhibdeedhaan hojjechuu akka hinqabne himu.
Akka waliigalaatti, dhaloonni amma jiru baratee mindeeffamuu qofa yaaduurra waan xiqqoodhaan hojii eegaluu kaayyeeffachuu akka qabu himanii, wanti halkan tokkoon bira ga’amuu waan hinjirreef tokko jedhanii dhibba jechuurra tokko jedhanii lama jechuu amaleeffachuu akka barbaachisu gorsu.
Hojiin akka daa’ima kichuu waan ta’eef mataa ol qabanii baachuuf dura dalga baatanii ji’ootaaf eeguun dirqama ta’uusaatiin obsaan waa xiqqoorraa eegalanii guddachuu akka shaakalan dhaamu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017