
Gooftaan keenya tokkicha lubbusaaf osoo hinwaakkatiin fannoo Qaraaniyoorratti fannifamee jaalala nuu qabu agarsiisuun du’a mo’ee ka’uunsaa nuuf agarsiistuu guddaa mala jibbi jaalalaan, waldhabdeen araaraan itti hiikuun danda’amu ta’uu nu agarsiiseera.
Nageenyi madda waan hundaati. Bakka nageenyi hinjirretti waa’ee jaalalaa tokkummaafi obbolummaa yaaduun waan hindanda’amneef kanamalees ijaarsa biyyaaf bu’uura waan ta’eef murteessitoota hawaas dinagdeefi siyaasa biyyaa keessatti isa ijoodha.
Biyya tokko qabna. Biyya kana ceessisuu kan dandeenyu yoo waltaaneedha, walta’uufimmoo garaagarummaan walii miidhagina ta’uu amannee itti jiraachuun dirqama.
Itoophiyaan biyya sabaafi sablammiilee hedduun waldandahanii tokkummaan keessa jiraatan yoo taatu tokko abbaa biyyaa inni biraan keessummaa ta’ee keessa jiraatu osoo hintaane kan hundaaf haadha taate, hunda qixa keessummeessitu akka taate beekuun murteessaadha.
Haata’u malee ilaalcha hinqaramneefi duubatti harkisaa ta’een Itoophiyaa biyya olaantummaa saba tokkoo, afaan tokkoo aadaa tokkoofi amantaa tokkoo qofa fakkeessanii ilaaluun calaqqisaa tureera.
Ilaalchi duubatti hafaa akkanaa tokkummaafi ijaarsa biyyaarratti miidhaa kan geessisu waan ta’eef sabdaneessummaatti amanuun garaagarummaan miidhagina ta’uu hubachuun dirqama heerri biyyittii lafa kaa’e waan ta’eef itti jiraachuun dhimma filannoo hinqabneedha.
Ilaalchi yoo namalee Itoophiyaan hindiigamti jedhu jaarraa amma keessa jirru kana keessa kan hinbarbaachisneefi hinkeessummoofne ta’uu beekuun murteessaadha. Sababnisaas Itoophiyaa biyya sabaafi sablammiileen 80 ol waldandahuun keessa jiraatanidha malee, biyya tokko abbaa biyyaa; inni biraammoo akka lammii lammaffaatti keessatti ilaalamu akka hintaane beekuun dirqama yeroon gaafatuudha.
Garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa jiru kana mariin furuun jibba jaalalaan injifachuun osoo jiruu ilaalcha duubatti hafaa yoo namalee Itoophiyaan nidiigamti yaadni jedhu kan laga nama ceessisu miti.
Biyya tokko ijaaruuf sanuu Itoophiyaa haaraa hunda keessummeessitu dhugoomsuuf amma warraaqnutti ilaalcha diigumsaarraa fagaachuufi ofqusachuun barbaachisaadha.
Akkuma namni mana tokko ijaaru citaa walhinsaamu jedhamu biyya qabnu tokkittii ijaaruuf hojjetamaa waan jiruuf waltumsinee miidhagsuun hiyyummaa seenaa gochuun nurraa eegama. Ilaalcha diigumsaatiin waljifachaafi waldiigaa deemuun egeree dhalootaa kan hubu waan ta’eef dhaabannee itti yaaduun barbaachisaadha.
Jibba waraanaan hininjifanne jaalalaan injifachuun erga danda’amee qawwee kaasuun lafee walcabsuun, lubbuu walbaasuun, qe’ee waliidiiguun akka waan jijjiirama fiduutti fudhatameera taanaan kun gowwummaadha
Waaqayyo ilmasaa tokkicha nuu kennee fannoorratti dhiigasaa dhangalaasee cubbuu biyya lafaa nurraa dhiqee du’a nu oolchuun jaalala nuu qabu erga agarsiisee nuyis fakkeenyummaasaa hordofnee jibba jaalalaan, walwaraansa araaraan furuun nurraa eegama.
Gooftaan keenya hoolaa araaraa ta’ee wareegamuun jaalala abbummaan erga nubaraaree nuyis warra nagaa buusu, jaalalaan injifatu ta’uun nurraa eegama.
Ayyaana quufaa bara 2017 ilaalchisuun abbootiin amantaa erga baga geessanii hawwiifi mul’ata jijjiiramaa biyya keenyaafi addunyaaf qaban dabarsaa jiru. Hundisaaniyyuu nagaa… nagaa… ammas nagaa… jechaa hawwii qaban ibsachaa jiru.
Nutis oggaa ayyaana quufaa kana kabajnu jibba jaalalaan waldhabdee araaraan furaa warra nagaa labsu ta’uun nurraa eegama. Agarsiistuu amantaa tokkoo kan ta’e keessaa jibba jaalalaan, waldhabdee araaraafi dhiifamaan ce’uun isa tokko yoo ta’u; waliigalaan seerota Musee kabajuun dirqama.
Seeronni kunniin nagaan akka bu’uuf jibba jaalalaan, waldhabdee araaraafi dhiifamaan ce’uun tokkummaafi obbolummaa dhugaan akka lafa qabatu kan taasisan waan ta’eef seerota kanneen hojiirra oolchuun murteessaadha.
Dhimmi kun maaf ka’e jechuun hinoolu. Biyya tokko qabna. Biyya kana kan ijaaruu dandeenyu tokkummaafi obbolummaan yoo jiraate qofa.
Garaagarummaan miidhagina ta’uu itti amannee walwaraansa jaalalaan waldhabdee mariin furuun osoo danda’amuu qawwee walitti kaasuun, lafee walcabsuun, dhiiga walbuusisuun, lubbuu walbaasuun, walbuqqisuun hudhaalee biyya keenya qoraa jiraniifi maquu qabanidha.
Inni nuuf dhiigee araara erga nuu buusee nuyi waldhiigsuun, lafee walcabsuun hinbarbaachisu. Warra nagaa labsu, warra nagaa buusu ta’uun nurraa eegama.
Bakka garaagarummaan miidhagina ta’etti miira namaleetiin guutamuun walwaraanuun maatiiwwan hedduu qe’eefi qabeenyarraa buqqiseera, hariiroon hawaasummaa jeeqameera, lubbuun baheera, lafeen cabeera, qe’een golgolaa’eera. Kanaaf Waaqayyo jaalala nuu qabu agarsiisuuf ilmasaa tokkicha hoolaa araaraa taasisee nuu kenne. Fannifamuunsaa nuyiif barnoota guddaadha.
Jaalala nuuf qabu agarsiisuuf lubbuu ilmasaa tokicha kan hinwaakkanne Waaqayyo jibbi jaalalaan, waldhabdeen araaraan akka furamu ifatti nu agarsiiseera.
Oolmaan kun dhala namaaf fakkeenya gaarii jaalalli humna guddaa qabaachuusaa kan agarsiisuudha. Waraanni nama malee dubbii hinfixu. Araarri garuu nagaa buusa, labsa. Kanaaf walwaraanuurra, walbuqqisuurra tokko ta’anii deega ba’aa dhalootaa ta’e buqqisuun murteessaadha.
Maraammartoo dhalootaa kan ta’e hiyyumni yeroo mogolee nuqabee jirutti tattaafannee warraaqnee keessaa bahuu osoo qabnuu mogolee walqabuun dudduubatti walharkisuun biyya diiga malee kan ijaaru miti.
Biyya sabaafi sablammiin hedduu kan taate Itoophiyaa keessatti wanti barbaachisu yoo jiraate waldandahuu, obbolummaafi jaalalaan jiraachuu ta’ee osoo jiruu miira namaleetiin guutamnee qawwee kaasuun akka biyyaatti gatii nukaffalchiisaa jira.
Qawwee kaasuun kunimmoo dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan duubatti akka hafnu kan nu taasisu waan ta’eef gorsa abbootii amantaa fakkeenyummaa Waaqayyo du’a nu oolchuuf kanamalees jaalala abbummaa nuu qabu agarsiisuuf fannoorra ooluusaa akka fakkeenyaatti fudhannee jibba jaalalaan walwaraansa araaraan furuun fala.
Amma kun hintaanetti fooniinis ta’e hafuuraan guddachuun waan hindanda’amneef kan darbeef qalbii diddiirrannee nama haaraa, dhaloota haaraa, biyya haaraa ijaaruuf tumsuun nurraa eegama.
Gorsa abbootii amantaa yeroo yeroon dabarsanis fudhannee ittiin jiraachuun murtee tokko tokkoo keenyaa kan gaafatu waan ta’eef nagaa labsuuf hunduu ofirratti hojjechuun barbaachisaadha.
Nagaa labsuun foonittis ta’e hafuuratti guddachuuf bu’uura hamma ta’etti garaagarummaa yaadaa gara qawwee kaasuutti nama oofaa jiru kana ilaafi ilaameen furuun jibba jaalalaan mo’achuun murteessaadha.
Akkuma waraanni gatii nama kaffalchiisa jaalalli eebba nama hammachiisa jedhamu abaarsa dhaloota nyaachaa jiru biyya diigaa jiru kana yeroo dhumaaf dhaabuuf uumaa ofii sodaachuun dirqamadha.
Kun amma hintaanetti sosochiin jibbaafi walwaraansaan guutame laga kan nama hinceessisne hariiroo hawaasummaafi guddina biyyaa kan miidhu waan ta’eef waaqayyo tokkicha ilmasaa hoolaa araaraa godhee akkuma nuu kenne nus araara buusnee waarra nagaa labsu warra biyya ijaaru haataanu.
Ayyaanni quufaa ofii nyaanne kan quufnu qofa osoo hintaane kan rakkate gargaaruun, kan dhukkubsate gaafachuun jibba ilaalcha keenya dukkaneessee jirurraa hiikamuun dhaloota haaraa warra nagaa labsan ta’uun barbaachisa.
Akkuma Yesuus Kiristoos fannifamee cubbuu keenyarraa nu hiike nuyis jibba, walwaraansaafi walbuqqisuu mogolee nubuusaa jirurraa dhiifamaan hiikamnee warra biyya ijaaru haatanu.
Walumaagalatti ayyaanni quufaa cubbuufi du’arraa hiikamuu keenyaaf agarsiistuu guddaa yoo ta’u; nuyis jibba, waraana walbuqqisuu biyya keenya qoraa jiru kana jaalalaan injifanneefi hiikamnee ayyaana Du’aa Ka’uu kabajuun nurraa eegama.
Ayyaana gaarii!
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017