Dorgommiin ‘Warlid Teekuwaandoo’ Finfinneetti adeemsifama

Finfiinnee: Dorgommiin ‘Warlid Tekuwaandoo’ biyyoota Bahaafi Giddugaleessa Afrikaa kan Zoonii shanii Ebla 14 – 16 bara 2017 Magaalaa Finfinnee, Akkaadaamii Ispoortii Dargaggoota Itoophiyaatti adeemsifama. Federeeshinichi walga’iin dimshaashaa Yuniyeenii ‘Warlid Teekuwaandoo’ Afrikaa, Biyyoota Bahaafi Giddugaleessa Bahaa Finfinneetti gaggeeffama jedhameera. Pirezidaantiin ‘Warlid Tekuwaandoo’ Itoophiyaa Obbo Daawiit Asfaawu ibsa Dorgommiin ‘Warlid Teekuwaandoo’ Finfinneetti adeemsifama Gaazexaa Bariisaaf dhiheenya kennaniin, dorgommii pirezidaantummaa Afrikaa kanarraatti biyyoota addunyaa 44 irraa ispoorteessitoonni 300 akka hirmaatan addeessaniiru. Shaampiyoonaa Tekuwaandoo kanaaf waggaa tokkoo guutuu qophiin taasifamaa turuusaa kan ibsan Obbo Daawiit, biyyoonni Zoonii shanii Itoophiyaa dabalatee Burundiin, Ruwaandaan, Keeniyaan, Somaaleen, Taanzaaniyaan, Ugaandaafi Jibuutiin ni hirmaatu jedhaniiru. Dorgommii kanarraatti Itoophiyaan yeroo jalqabaaf akka hirmaattu kan himan Obbo Daawiit, taphattoonni 26 filatamuun yeroo dheeraaf shaakala gahaa gochuun qophaa’aa jiraachuus ni himu. Dabalataanis namoonni 50 dhuunfaadhaan dorgomicharratti akka hirmaatan eeru. Sababiin shaamphiyoonaan kun itti adeemsifamuuf ispoortii ‘Warlid Tekuwaandoo’ Itoophiyaa addunyaarratti babal’isuuf dargaggoonnis muuxannoo akka argatan gochuu maddiitti shaampiyoonaa ‘Warlid Tekuwaandoo Addunyaa ALA bara 2028 adeemsifamurratti hirmaachuufi jedhaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You