“Namni haaloo qabatu akka nama summii dhugee du’a nama biraa eeguuti”-Luba Haragawayin Mogas

Keessummaan Bariisaa Maxxansa kanaa Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaarraa Luba Haragawayin Mogas yoo ta’an, gaafdeebii yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos boru kabajamu sababeeffachuun dheengadda isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnootaa keessan gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Luba Haragawayin: Naannoo Oromiyaa, Godina Iluu Abbaa Booraa, Aanaa Hurrumuu, Ganda xiqqoo Gabaa Dilbataa jedhamtuttin dhaladhe. Hurrumuun bakka Onesmoos Nasib (Abbaa Hiikaa Macaafa Qulqulluu) itti dhalataniidha.

Hanga umuriinkoo barnootaaf ga’utti bakkuman itti dhaladhen jiraachaa ture. Isa booda gara Aanaa Goree deemee jiraachaa ture. Erga maatiin koo gara Finfinnee dhufanii ammoo Finfinneen jiraachaa jira.

Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa bakkuma dhaloota koottin baradhe. Barnoota koo sadarkaa lammaffaa Finfinneettan baradhe. Barnoota koo sadarkaa olaanaa dippiloomaa ‘Accounting’ nan eebbifame. Digrii koo jalqabaa Seminaarii Makaana Yesuus Itoophiyaarraa Tiwolojiidhaanan eebbifame. Digrii koo lammaffaa ammoo Geggeessummaa (Leadership’n eebbifame.

Bariisaa: Haalli guddina keessanii maal fakkaata ture?

Luba Haragawayin: Baadiyyaatti waanan dhaladhee guddadheef yeroo ijoollummaa koo jabbilee eegee, midhaan harkaan daakee akkasumas mooyyeetti tumee maatii koo gargaaraan guddadhe.

Ani yeroo ammaa heerumee ijoollee ja’a horadheera. Abbaan warraa kiyyas hojii dhuunfaasaa qaba. Haatiifi abbaan koos asuma Finfinnee jiraachaa jiru.

Bariisaa: Muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Luba Haragawayin: Ani barumsa koo akkuman xumureen qarshi qabduu (Casher) ta’een Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuusitti mindeffame. Adeemsa keessa sadarkaa barnoota koo guddifachuun sadarkaan hojii koos guddachaa dhufe. Yeroo ammaa Giddugala Leenjii Waliigalaa Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuusii Itoophiyaatti Raawwachiiftuu Hojii ta’een tajaajilaa jira. Giddugalichi yeroo ammaa ijoollota rakkoo dagaagina sammuu qaban 350 barsiisaafi nyaachisaa jira. Giddugalichi tajaajiloota leenjii, gorsaa, nyaataa, bakka bultii, leenjii, nyaataafi galmaas nikenna.

Hojii kanaan ala waldaa keessattis wangeela nan barsiisa, nan lallabas. Waldaan Makaana Yesuus Itoophiyaas hojii wangeelaa ani hojjedhurratti hundaa’uun bara 2004 lubummaatti na muudde.

Bariisaa: Dubartii taatanii lubummaan tajaajiluun walqabatee mudannoo yoo qabaattan?

Luba Haragawayin: Torban tokko dura waggaa 25ffaan geggeessitoonni Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa dubartoonni qixxee dhiirotaa luba ta’anii hojii wangeelaa hojjechuu nidanda’u jedhanii murteessan mooraadhuma kanatti kabajameera.

Yeroo ammaa Waldaan Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa luboota dhiiraa kuma 10 oliifi luboota dubartootaa 300 ol qabdi. Kanaafuu wangeelli dubartootaanis barsiifamaafi lallabamaa jira. Ani utuun lubummaatti hinmuudamiin durayyuu wangeela lallabaafi barsiisaan ture.

Akkuma Kiristoos mataa Waldaa Kiristaanaa ta’e, abbaan warraa ammoo mataa maatiiti. Kiristoositti aansee mataan mana koo abbaa warraa kooti. Ani abbaa warraa kootiif haadha warraafi haadha ijoolleeti. Kana sirriitti beekuufi eeguu qabna. Tajaajila wangeelaatiin garuu dhiironniifi dubartoonni qixa tajaajiluu, barsiisuufi lallabuu danda’u.

Bariisaa: Lubummaan tajaajiluun walqabatee waan isin mudate otoo nutti himtanii?

Luba Haragawayin: Luba dubartii ta’ee yeroon tajaajilutti mudannoowwaa garagaraa na mudataniiru. Gaaf tokko uffata lubaa uffadhee utuun sirna awwaalchaa geggeessuu namoota sirna awwaalchaarratti argaman keessaa tokko naa bilbile. Namichi kun akka natti himetti, yeroon uffata lubaa uffadhee sirna awwaalchaa geggeessuuf dhiyaadhu na’ee natti aaree narraa fagaatee dhaabataa akka ture natti hime.

Ani sirnicharratti sagalee Waaqayyoo daqiiqaa 15f barsiisee ergan kadhannaa taasisee booda sirna awwaalchaa raawwachuun namoota sirnicharratti argaman eebbisee geggeesseen gara mana kootti deebi’e. Akkuman mana koo ga’een waaree booda bilbilli naa bilbilamee “Ati Luba Haragawayinii? jedhee na gaafate. Anis, eeyyee jedheen deebiseef.

Namichi naa bilbile kun “Waan tokko dhugaa ba’uu barbaadeen sii bilbile” jedhe. Anis tole “Ittifufin” jedheen. Namichis “Har’a sirna awwaalchaa geggeessitee turte mitii?” naan jedhe. Anis “Eeyyeen” jedheen.

Namichi deebisee, “Sirna awwaalchaarratti akkuman si’i argeen waan natti toluu diddeefi si arguu hinbarbaanneef sirraa fagaadhee dhaabachaa ture. Sagaleen Waaqayyoo ati barsiisaa turte garuu dhufee laphee koo na rurrukutaa ture. Dhumarratti mo’ameen Waaqayyotti of kenne.

Ani nama amanaa, nama kennaadhaan hojii Wangeelaa hojjetun ture. Boodarra sababa hiriyyaa kootiin karaa Waaqayyoorraa gore waliin cubbuu keessatti kufee jimaa qama’aa, sijaaraa xuuxaafi dhugaatii alkoolii dhugaan ture. Dhumarratti Seexanni dhufee, “Ammaan booda abdii ati qabdu du’a waan ta’eef of qopheessi. Anis funyoon ittiin of fannisu qopheeffadheen manaa qaba.

“Ani bakka awwaalchaa kanan dhufeef namicha du’e awwaaluuf utuu hintaane bakkan itti awwaalamu ilaallachuufi. Garuu waan tokko sitti himuu? Sagalee Waaqayyoo ati sirna awwaalchaarratti lallabdeen Waaqayyo du’a na oolcheera. Amma gara Kiristoositti deebi’eera; onnee koo Gooftaadhaaf kenneera. Duraan akkan gara Waaqayyootti deebi’uuf namoonni baay’een natti dheekkamanii turan.

Ani garuu tole hinjenneefi. Sagalee Waaqayyoo ati sirna awwaalchaarratti lallabdeen garuu mo’amee gara Waaqayyootti deebi’eera. Ayyaana Waaqayyoo sirra jiruuf Waaqayyoonan galateeffadha” naan jedhe.

Bariisaa: Dinqiidha! Jalqaba oggaa uffata lubummaa uffattanii tajaajiltan namoonni maal jedhan?

Luba Haragawayin: Yeroon uffata lubaa uffadhee tajaajilu namoonni tokko tokko na ajaa’ibsiifatu, kaan ammoo baay’ee na jibbu. Ani garuu waantota narra ga’uu danda’an hundaaf qophiidha. Waan Waaqayyo na waliin jiruuf hinsodaadhu. Ani akkan hojii Wangeelaa hojjedhu kan na taasise Waaqayyoodha.

Barsiisa wangeelaa ani barsiisuun Waaqayyo galateeffamuu qaba. Hojii tajaajila Wangeelaarratti wantoonni hedduun namudachuu akka danda’an beekee waanan itti seeneef mudannoowwan biroo na mudachuu danda’aniifis qophiidha. Waaqayyo har’as boris ana waliin akka jiru nan amana.

Bariisaa: Gara hojii hafuuraatti akka dhuftaniif maaltu bu’uura isinii ta’e?

Luba Haragawayin: Ani eessuma koo birattan guddadhe. Eessumni koo geggeessitoota waldaa kiristaanaa keessa waan tureef amantiitti nama cimaadha. Eessumni koo kun ijoolleesaa waliin naamusa gaarii horannee, jireenya amantiitti cimnee akka guddannu nu taasiseera. Eessumni koo nama harkaqal’eeyyii gargaaru, qulqullummaan jiraatuufi nama Waaqayyo sodaatuudha.

Gaarummaafi amanamummaan eessuma koo keessa koo seenee waan hafeef jireenya amantii ani har’a jiraadhuuf bu’uura naa ta’eera. Waan gaarummaan eessuma koo keessa koo buleef hariiroon Waaqayyo waliin qabu cimaa dhufee sadarkaan har’a irra jiru kanarra akkan ga’u nataasiseera. Eessumni koo kun yeroo ammaa biyya alaa jiraata.

Erga eessumni koo biyya alaa deemee anis jireenya amantiifi hafuuraattin cimaa dhufe. Waaqayyos nagargaaree hojii kanan eegales Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa keessatti.

Tajaajila waldaa keessaa faarfannaadhaanan jalqabe. Isa booda Wangeela barsiisuufi lallabuun eegale. Carraa, geggeessummaafi ittigaafatamummaa Waaqayyo natti kenneen hojiilee hedduu raawwadheera; raawwachaas jira.

Bariisaa: Ayyaana Faasikaa gabaabaatti akkamitti ibsitu?

Luba Haragawayin: Faasikaan akkuma Macaafa Qulqulluurratti ibsame hojii jireenya Kiristoos ifatti kan mul’isuudha. Waaqayyo erga dhala namaa akka bifaafi fakkeenyasaatti uumee booda Jannata Edan keessa kaa’e.

Dhalli namaa garuu abboommii Waaqayyoo cabsee seexana dhaga’uudhaan cubbuu hojjetee Jannata Edan keessaa ari’ame. Waaqayyo dhalli namaa abboommiisaa cabsee Jannata Edan keessaa ba’uusaatti waan hingammadneef tokkicha ilmasaa Yesuus Kiristoosiin gara biyya lafaatti erguudhaan Yesuus aarsaa biyya lafaarratti kaffaluu qabu hunda kaffalee Waaqayyoofi dhala namaa gidduutti araarri akka ta’u taasise.

Yesuus Kiristoos cubbuu dhala namaa hundaaf dhiifamni akka ta’uuf Fannoorratti fannifamee, du’ee, awwaalamee guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee ka’e. Yesuus cubbuu tokko malee fannoorratti fannifamee, waraanameefi dhiphatee, du’ee, awwaalamee guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee ka’uusaatiin cubbuu dhala namaatiif araarri ta’e.

Yesuus dhiphatee yeroo “Yaa abbaa xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, akka ani jaalladhe mitii akka jaalala kee naaf haata’u” jedhetti, Waaqayyo akka abbaatti ilmasaatiif garaa laafuu dhabee utuu hintaane, nuti deebinee ilmaansaa akka taanuufi mootummaasaa dhaalluuf jecha ilmasaatti garaa jabaachuun irra ture. Yesuusis xoofoo dhiphinaa sana fudhatee darbuun irra ture.

Yesuus fannoorratti kan dhiphate, waraaname, dheebote, ittiga’ifame (ittiqoosame), gonfoon qoraattii mataatti kan kaa’ame, miilliifi harkisaa mismaaraan fannoorratti kan waqarameefi dhiiga kan dhangalaase Waaqayyoofi dhala namaa walitti araarsuufidha. Yesuus cubbuu dhala namaa hunda ofitti fudhatee fannifamee, du’ee, awwaalamee guyyaa sadaffaatti ammoo du’a mo’ee ka’uusaatiin deebinee mucaa Waaqayyoo taane.

Nuti garuu ammayyuu carraa Waaqayyo nuu kenne dagannee cubbuu keenyaan Waaqayyoon gaddisiisaa jirra. Ammas taanaan Waaqayyo carraa nuu kenneera. Waaqayyo ammayyuu gara mootummaasaatti, gara jaalalasaatti nu waamaa jira. Kanaafuu qalbii jijjiirrachuu qabna. Akka abboommii Waaqayyootti jiraachuu qabna. Dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu qabna.

Itoophiyaan biyya eebbifamtuudha. Biyyattiin qabeenya isheerra darbee biyyoota biroo ga’u qabdi. Dur sabummaan walqooduun biyyattii keessa hinturre. Har’a garuu sabummaan walqooduudhaan jibbiinsi nugidduutti faca’ee jira. Waaqayyo hafuura abaarsaa kana nu gidduudhaa akka buqqisuuf jabaannee kadhachuu qabna. Waaqayyo biyya lafa kanarratti kan nu uume, dhalootaaf ifa, fakkeenya gaarii akka taanuufi. Waaqayyo ammas carraa nuu kenneeraa haa deebinu, qalbiis haa jijjiirrannu.

Bariisaa: Ayyaana Faasikaa kana akkamitti kabajuu qabna?

Luba Haragawayin: Kiristoos Fannoorratti kan du’e nu’iifi Waaqayyoon walitti araarsuufi. Araari namaafi Waaqayyo gidduutti ta’e namootaafi namoota gidduuttis ta’uu qaba. Ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiyeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiyeessi kan jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti (Wangeela Maatewos 28:18-19) irratti caafameera.

Ayyaana Faasikaa kana dhiifamaafi araaraan kabajuu qabna. Nama numiidhettillee araaramuu qabna. Nuti Waaqayyo cubbuu keenya nuu dhiisuusaatiin deebinee mucaa Waaqayyoo taane. Waaqayyo cubbuu keenya nuuf dhiisuusaatiin mootummaa Waaqayyoo ni dhaalla jennee abdiifi onnee guutuudhaan dubbanna.

Namni haaloo qabatu akka nama onneesaa keessatti funyoo jibbaa dhahuuti. Funyoon jibbaa ammoo namuma funyoo sana dhahe ajjeesa. Namni haaloo qabatu akka nama summii dhugee du’a nama biraa eeguuti. Kanaafuu nama ittiin walitti buuneefi wallolle waliin dhiifama walii taasisuu qabna.

Utuu nama ittiin wallolle waliin araaramnee jaalalaafi obbolummaadhaan waliin jiraachuu dandeenyuu haaloo kuufannee taa’uun cubbuudha. Haaloo qabachuu Waaqayyos hinjaallatu waan ta’eef namoota nutti darbaniif ykn itti darbineef dhiifama gochuun Ayyaana Faasikaa kana jaalalaafi tokkummaan kabajuu qabna.

Ayyaana Faasikaa kana yeroo kabajnu harkaqalleeyyii deggeruunis baay’ee barbaachisaadha. Mana keenyatti yoo lukkuu qalanne ollaa keenya lukkuu qalachuu hindandeenyeef ammoo foon kiiloo tokko binnee kennuufii qabna.

Namoota ciree, laaqanaafi hirbaata nyaachuu hindandeenyeef ammoo kan qopheeffannerraa qooduufii qabna. Ani kana raawwachaan jira. Namoota harkaqal’eeyyii gargaaruu amantii keenyatu nu dirqisiisa. Uffata baay’ee qabnu kanneen hin uffannes baafnee harkaqal’eeyyiif qooduun ayyaana kana kabajuu qabna.

Bariisaa: Biyya keenyaaf hawwii akkamii qabdu?

Luba Haragawayin: Abbootiin keenya rakkoofi gidiraa hedduu keessa darbanii Wangeela kana nu biraan gahaniiru. Abbootiin keenya Wangeela kana nu biraan kan gahan akka keenya haalli mijateefii utuu hintaane, beela’anii, miila qullaa deemanii, aarsaa guddaa kaffalaniiti.

Kaan ammoo Wangeelaaf jecha wareegamaniiru. Fakkeenyaaf Lubni Guddinaa Tumsaa Wangeelaaf jecha aarsaa guddaa kaffaluudhaan Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaafi kiristaanota biratti seenaa yoomillee hindagatamne galmeessisaniiru.

Geggeessitoonniifi luboonni amma jiran garuu fakkeenyummaa gaariillee dhabaa jiru. Baay’ina ummata Itoophiyaa keessaa %70 kan ta’u darggootaafi daa’immani. Nuti garuu dargaggootaafi daa’imman kunneeniif fakkeenya gaarii ta’uu dadhabneera. Kun ta’uu dhabuunsaa ammoo biyya keenyarratti kufaatii guddaa fideera.

Ijoollonni wanta nuti manatti odeessinu qabataniitu addababa’iitti bahu. Badii ijoollonni keenya dalaganiifi ka’umsi haala nuti itti isaan guddifneedha. Kanaafuu nuti dura gara Waaqayyootti deebinee ijoollee keenyaaf fakkeenya gaarii ta’uu qabna.

Biyyiifi lafti keenya akka eebbifamuuf gara Waaqayyootti deebi’uu qabna. Har’a gara Waaqayyootti akka deebinuuf yeroon nuu kennameera. Ijoollee keenyas Wangeela barsiisuu qabna. Yoo waljaallanne, walkabajne, waliif gaarii goone, walkabajne biyyi keenyas ni guddatti.

Waldaan kiristaanaas qulqullummaadhaan dhaloota tajaajiluu qabdi. Waldaan kiristaanaa siyaasa keessaa bahuu qabdi. Hojiin waldaa kiristaanaa wangeela dhalootatti lallabuufi warra karaa Waaqayyoorraa goran gara Waaqayyootti deebisuudha.

Waldaan kiristaanaa dhugaafi qulqullummaadhaan tajaajillaan dhaloonni gara Waaqayyootti ni deebi’a, dacheenis ni eebbifamti. Geggeessitoonni waldaa, hojjettonniifi tajaajiltoonni Wangeelaas qulqullummaadhaan dhaloota barsiisuuf aarsaa barbaachisu hunda kaffaluuf of qopheessuu qabu.

Bariisaa: Lubummaa, dubartummaafi hojii mana keessaa akkamitti ibsitu?

Luba Haragawayin: Ani hojii mana keessaa nyaatawwan aadaas ta’e ammayyaa qopheessuu dabalatee haala gaariidhaanan hojjedha. Nyaata ammayyaa qopheessuu leenjii fudheen baradhe. Nyaata aadaa qopheessuu garuu manumattan muuxannoodhaan gabbifadhe.

Tajaajilli manaa waan jalqabuuf hojii mana keessaas akka gaariittan hojjedha. Dubartiin manashee ilaaluu baannaan balaa waan qabuuf hojii mana keessaa nyaata qopheessuu dabalatee mana koo sirriittan to’adha. Nyaatawwan guyyaa guyyaan nyaatamanis nan qopheessa.

Tajaajila Waldaatiifis durseen itti qophaa’a. Maatii koo waliinis yeroo kadhannaa ni qabna. Hojii waldaatiifis ta’e hojii mana kootiif yeroo bal’aan qaba. Waaqayyos tajaajila, hojiifi maatii keenyarratti nu gargaara. Kanin dubartoota gorsuu barbaadu jabaatanii hojjennaan waanti hundinuu ni danda’ama. Hojii mana keessaafi alaa walbira adeemsisuun garuu madaalasaa eeganii deemuu gaafata.

Ani utuun maatii, hojiifi tajaajila koo hinmiidhinan baradhee sadarkaan amma irra jirurra gahe. Hojii waldaas taanaan luboota dhiiraa waliin dabareen naaf ba’een tajaajilaa jira. Sirna cuuphaa, fuudhaafi heerumaafi awwaalchaas nan raawwachiisa. Waaqayyo isa karaa hundaan na gargaare ammoo nan galateeffadha.

Bariisaa: Dhumarratti ergaa baga ittiin isin gahee yoo qabaattan?                   

Luba Haragawayin: Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun gaafdeebii nawaliin taasisuu keessaniif guddaa galatooma. Gaafdeebiif yeroo na gaafattan waan ani dubbadhurraa kan dhaloota fayyadu jiraachuu mala jedheen tole isiniin jedhe.

Waaqayyo bakka jirru hundatti ambaasaaddarootasaa taasisee nu kaa’eera. Kanaafuu bakkaafi ittigaafatamummaa nutti kenname hundarratti qulqullummaan hojjechuu qabna. Dhaloota nu boodaan jiruufis fakkeenya gaarii ta’uu qabna. Hojii hojjennu hundarratti yeroo mara Waaqayyoon kadhachuu qabna. Namni yeroo hunda kadhatu hojiisaarratti ni jabaata.

Ayyaana yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos boru kabajamu jaalala, garaa dhiifamaafi araaraan kabajuu qabna. Ayyaana kana namoota harkaqal’eeyyii gargaaruudhaan kabajuu qabna. Dhumarratti amantoonni kirstaanaa hundi baga nagaan Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos nagaan geessan jechuun barbaada. Galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You