
Faasikaan ayyaana Yihudoonni yeroo itti Waaqayyo garbummaa Gibxii jalaa isaan baase jechuunis DhKD bara 1513 yaadachuuf kabajaniidha. Waaqayyo Israaʼelonni ayyaana iddoon guddaan kennamuuf kana waggaa waggaadhaan akka Yihudootaatti jiʼa Abiib jedhamuufi yeroo booda Niisaan jedhame guyyaa 14ffaatti akka kabajan ajajee akka turetu himama.
Jechi “Faasikaa” jedhu yeroo itti dhaʼichi ilmaan angafaa warra Gibxii ajjeesetti eegumsa Waaqayyo Israaʼeelotaaf taasise argisiisa. Waaqayyo dhaʼicha cimaa kana fiduusaa dura Israaʼeelonni hoolaa ykn reʼee qalanii dhiigasaa buusaa mataa balbala manneensaaniirratti akka diban itti himee ture. Waaqayyo mallattoo kana argee manasaanii ‘irra darba,’ akkasumas ilmaan angafaasaanii dhaʼicha kanarraa oolcha ture.
Waaqayyo Israaʼeelonni Faasikaa isa jalqabaa akkamitti akka kabajan ilaalchisee qajeelfama kenneefii akka ture kan himamu yemmuu ta’u, qabiyyeewwan ayyaana Faasikaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko wantoota armaan gadii kana kan dabalatuudha.
Aarsaa: Maatiiwwan hundi jiʼa Abiib (Niisaan) gaafa guyyaa kurnaffaafi 14ffaatti hoolaa ykn (reʼee) waggaa tokkoo erga filatanii booda ni qalu.
Faasikaa isa jalqabaarratti Yihudoonni dhiigasaa keessaa muraasa michichila balbalaafi buusaa mataa balbala manneesaanii dibu, akkasumas beeylada qalan sana guutummaatti waaddanii nyaatu.
Barsiifatawwan biroo: Bara Yesuusitti wayiniifi faarfannaawwan faarfachuun kutaa ayyaana Faasikaa taʼee ture.
Yeroon darbaa yommuu adeemu sirreeffama tokko tokko gochuun ni barbaachise. Fakkeenyaaf, Israaʼeelonni Gibxii baʼuuf qophaaʼuu waan qabaniif Faasikaa isa jalqabaa kan kabajan “ariitiidhaan” ture. (Baʼuu 12:11) Haa taʼu malee, biyyattii abdachiifamtetti erga galanii booda Israaʼeelonni ariitiidhaan kabajuun isaan hinbarbaachisne.
Ayyaanni Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos yookiin Faasikaa Itoophiyaatti hordoftoota Kiristaanaa hunda biratti guyyaa Dilbataa kabajama.
Keessumaa hordoftoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa biratti yeroon kun soomanni baatiiwwan lama ture kan itti hiikamuudha.
Ayyaanni kun guyyaa guddaafi Kiristaanonni kaan kabajanii torban tokko booda kabajamuudha. Kanaafis, ‘Orthodox Easter’ (Ayyaana Du’aa Ka’uu Kiristaanota Ortodoksii) jedhamuun beekama.
Guyyaa kana Kiristaanonni Ortodoksii biyyoota Giddugala Bahaa, Awuroppaafi Afrikaatti argamaniifi miliyoonaan lakkaa’aman ayyaana kana kabajuuf walgahu.
Itoophiyaa keessas ayyaanichi ho’inaan kan kabajamu yemmuu ta’u, taateewwan ayyaanaa, aadaafi duudhaa mataasaatiinis kan dabaalameedhas. Nyaatiifi dhugaatiinis bal’inaan ni qophaa’a. Ollaafi firriis waliin dabarsa.
Ayyaanni Faasikaa kun sadarkaa addunyaatti osoo guyyaa tokko hintaane, guyyoota garagaraatti kan kabajamuudha. Kana jechuun garuu qabiyyeen ayyaanichaa kan garaagarummaa qabu osoo hintaane, ayyaanichi tokkuma.
Haa ta’u malee, biyyoonni addunyaa yeroo adda addaa lamatti kabaju. Garaagarteen kun kalandarii (dhahaa) Juuliyaaniifi Girigoriyaan fayyadamuurraa kan maddu ta’uutu himama.
Haala lakkoofsa baraarraan kan hafe sababa biraa hinqabu jechuun ibsu Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa, Sadarkaa Teessoo Paatiriyaarkiitti miseensa hayyootaa kan ta’an Luba Badhaasaa Tolaa.
Manneen amantaa Ortodoksii kanneen akka Giriik, Qophiroosiifi Romaaniyaa guyyaa Ayyaana Du’aa Ka’uu dhaha Juliyaaniirratti kaa’u.
Kaalandariin Juuliyaan Dhaloota Kiristoos Dura (DhKD) 45tti Juuliyes Qeesaariin tolfame. Kunis waggaan tokko hanga aduun dachee naanna’uuf itti fudhatu bu’uura godhachuun kan shallagameedha.
Kalaandariin Girigoriyaan immoo Phaaphaasii Girigoriin jedhamuun bara 1582 tolfame. Kunis, astironomii bu’uura godhachuudhaani. Itoophiyaan waggaatti baatiiwwan 13 qabdi.
Ayyaanni kun Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos yaadachuuf kabajama. Hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ayyaana guddaadha. Hordoftoota Ortodoksii biratti ayyaanni kun soomana torban saddeetiif yookiin ji’a lama booda kabajama.
”Humna Waaqayyoo argachuuf, cubbuu keenya Waaqayyoon kadhannee dhiifama argachuuf, diina keenya seexana mo’uudhaaf humna ykn ayyaana Waaqayyoo argachuuf soomna,” jedhu Luba Badhaasaan. ”Innimmoo waaqa, cubbuu hinqabu. Ilaa ani soomeera isinis soomaa jedhee fakkeenya nuu ta’uuf kan inni kana godhe” jedhu.
Soomiin yookiin lagannaan nyaataa guyyaa Wiixataa kan eegalamu yoo ta’u torban saddeet booda ayyaanni Dilbatarra oola. Yeroo soomana kana foon, dhadhaa, hanqaaquufi kaan bu’aalee horii ta’an ni dhorkamu. Midhaan dheedhii, kuduraafi muduraa qofatu eeyyamama.
Akkaataa seera Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti torban saddeettanuu maqaa ofii qabu. Torban xumuraa ‘Torban Dhukkubbii’ jedhama.
”Dhukkuba keenya, badii keenya, adabbii nurra gahuun irra ture, beenyaa nuu kaffaluuf torban kana keessa waaqayyoon Gooftaan keenya torbee dhukkubbiisaatii ittiyaadannudha,” jechuun himu.
Yeroo sooma guddaa kana seerri mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaa meeshaawwan hafuuraa kanneen akka dibbee, shak shakii [tsinaatsila] fa’i dhorka. Kanaaf, baganaatu bal’inaan dhaggeeffatama.
Osoo Itoophiyaan Phaaphaasii ofii muuduu hineegaliin dura yeroo dheeraaf Phaaphaasiin Masriirraa muudamaaf ture. Akka yaada Luba Badhaasaatti; Qanoonaafi doogmaadhaan biyyootni kanneen akka Armeeniyaa, Hindii, Sooriyaa, Masrii, Itoophiyaafi Ertiraan Mana Kiristaanaa Ortodoksii obbolaa jedhamu.
Biyyoota Arabaa hordoftoonni amantaa Ortodoksii keessatti argaman keessaa tokko Masriidha. Masrii keessa hordoftoonni Amantaa Ortodoksii miliyoona 6 -11 tilmaamamutu jiru.
Masrii keessa manni amantaa Ortodoksii Koptikii (Coptic Orthodox Church) waggaa dheeraa lakkoofsisetu jira.
”Isaan amma Qiddaaseensaanii, haalli galatasaanii, kadhannaa isaaniillee Afaan Arabaati,” jedhu Lubi Badhaasaan. Manni amantaa Koptikii Ortodoksii Masrii keessa mana kiristaanaa ijoodha, ‘USfi UK’ dabalatee manneen kiristaanaafi hordoftoota hedduu qabdi.
Manni Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoollee Dubaay, Sa’udi Arabiyaa, Ameerikaafi kaan hedduutti manneen amantaa kiristaanaa hundeessiteerti. Manni Kiristaanaa Koptikii Ortodoksii Masriis biyyoota Arabaa kaan dabalatee biyyoota hedduutti manneen amantaa qabdi.
Kanaan achi, hordoftonni Kirisitaanaa Ortodoksii Turkii, Sooriyaa, Israa’el, Romaaniyaa, Bulgaariyaafi kaan hedduuttis argamu. Kunneenis, kan biyyoonni Lixaa kaan kabajanirraa guyyaa addatti kabaju.
Akka qorannoo Giddugalli Qorannoo Pew bara 2017 taasisetti, hordoftoonni Kiristaana Ortodoksii addunyaa hedduun kan argaman Raashiyaa, Itoophiyaafi Yukireen fa’itti.
Biyyoota Awurooppaa keessa keessumaa hordoftoonni Ortodoksii Bahaafi Giddugala Awuroppaatti argamu. Biyyoota garagaraatti akkuma aadaasaaniitti soorati ittiin sooma hiikanis gargari.
Giriikiitti sooma shorbaa Magiritsa jedhamuun hiiku. Sooratni bifa dhangala’aan qophaa’u kun foon hoolaa, ruuziifi biqiltuu ‘dill’ jedhamuun miidhagee qophaa’a.
Maatiin Ortodoksii Sarbiyaa immoo nyaata kanneen foon ibiddaan waxalame, akka baaduu furdaa, hanqaaquu affeelameefi wayinii diimaan hiiku. Kiristaanonni Ortodoksii Raashiyaammoo soomana kan hiikan keekii Paskha jedhamuufi bifa aadaan qophaa’uuni.
Aadaa ummata Oromoo keessa mulluu affeeluun ala, guyyoota ayyaanaa dura adamoonis aadaa baratamaa ture. ”Abalu akkasittin foon nu nyaachise; sooma nu hiiksise jedhee hawaasi ni dubbata. Kurupheefi bosonuu kan adamsan ni jiru. Kunis, ayyaana ittiin ooluufi” jedhu Lubi kun.
Manneen kiristaanaa Lixaatti hanqaaquun fakkeenya du’aa ka’uufi jireenya haaraatti fakkeeffama. Hanqaaquun Itoophiyaa keessattis nyaata soomana itti hiikan keessa jira. Keesumaa ittoon hindaaqqoo yookiin lukkuun qophaa’u beekamaadha. Halkan ka’anii hiikuunis akkasuma.
Ittoo biratti itittuu, akkasumas kaan baratamaadha. Bariisaa hoolaa qaluu, yookiin sangaa qaluun qircaa hirachuunis waanuma aadeffameedha.
Akkasumas ayyaana booda guyyoota walitti aananiif ollaafi firri ciree, laaqana darbees irbaata dabareen walwaamuun isa dhabes hammachuun waliin hirmaatu.
Walumaagalatti gammachuufi sirni nyaataa guyyaa hiikaa aadaa baratamaa ta’us, ogeeyyiin soorataa soomana dheeraa booda nyaata cooma qabu of eeggannoon akka nyaatamu gorsu.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017