
Finfinnee: Maaddii qooduu aadaa godhachuun harkaqal’eeyyota deeggaruun akka barbaachisu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad hubachiisan.
Doktar Abiyyi ayyaana Du’aa Ka’uu sababeeffachuun hojjettoota waajjira ministira muummeefi daa’imman waajjirichi guddisuuf kaleessa maaddii qoodaniiru.
Hojjettoota waajjira ministira muummee hojjetaniifi galii xiqqaa jiraataniif waggaatti ayyaanota Iid, Du’aa Ka’uufi bara haaraatti sagantaan maaddii qooduu akka adeemsifamu dubbataniiru.
Maaddii qooduun akka salphaatti waan hinfudhatamneef aadaa gochuun ittifufsiisuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Namoonni gola harka qalleeyyotaa mil’achuuf dadhban akka jiran hubachuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Harkaqal’eeyyonni hammuma ayyaanni waggaa dhufu daa’ima keenyaaf maal hiixanna jechuun yaadda’u, dureeyyonni ammoo soorata gombisu kan jedhan ministirri muummeen kana sirreessuu akka barbaachisu eeraniiru.
Kanaaf hambaa gombisuurra waliif yaaduun, waldeeggaruufi walii qooduun jiraachuun aadaa akka ta’u tattaafachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Itoophiyaan of hindadhabdu kan jedhan ministirri muummeen kanneen qaban harkaqal’eeyyiif qooduun nyaata guyyaa guuttachuun akka danda’amu dubbataniiru.
Ijoollee nyaata qooduurratti argamaniif ergaa dabarsaniin, Itoophiyaan keessan abdi qabeettiidha, Itoophiyaa badhaate nidhaaltu jedhaniiru.
Gaarummaafi hiyyeeyyii deeggaruu, maaddii qooduu yaadaa yemmuu guddattan barri keessan kan keenyarra kan fooyya’e nita’a jedhan.
Kanneen harkaqal’eeyyii waajjira ministira muummeetti yaadachaa guyyaa kana waloomaan akka kabajnu taasistan hundaaf galatan dhiheessa jedhaniiru.
Riippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017