
Finfinnee: Kabajni ayyaana waggaa kutaalee hawaasaa hunda biratti miira addaa uumu qaba. Gaazexaan Bariisaa haalatti sirreeffamtoonni kuma tokkoo ol Mana Sirreessaa Godina Iluu Abbaa Booritti argaman Ayyaana Faasikaa ittidabarsaniifi kabajanirratti Komishinara Gargaartuu Mana Sirreessichaa Tanaanyee Walduu Roobii darbe dubbisee, isaanis ibsa ittaanu kennaniiru.
Gaafa ayyaanaa, sirreeffamtoonni seeraa hojii misoomaatti osoo hinbaane mooraa mana amala sirreessaa keessa oolu. Achuma mooraa mana amala sirreessaatti buna danfisatanii, daabboo tolfatanii guyyicha gammachuun dabarsu. Abbootii qabeenyaas deeggarsa gaafachuun sangaa, re’eefi hoolaa akkasumas xaafii waldaaleen gargaraarraa nuu gumaachaniin ayyaaneffama jechuun haala kabaja ayyaanichaa ibsaniiru.
Haala kanaan sirreeffamtootni seeraa guyyicha gammachuun akka oolan yaaliin taasifamaa jira. Yeroo ayyaana Iid Alfaxiris, sirreeffamtoota seeraa Musliimaaf akkuma kana deeggarsi nuu taasifamee wantoota barbaachisoo ta’an dhiheessuun sirreeffamtoonni osoo hindhiphatin waan argachuu qaban argatanii Kiristaanota waliin ayyaanichaa akka dabarsan taasifama jedhaniiru.
Haalli kabaja ayyaanichaa sirna darbeefi ammaa jidduu garaagarummaa guddaatu jira. Yeroo amma sirreeffamtoonni seeraa bilisummaa qabu. Akka namoota kaanii bakkee bahanii deemuu baatanis waan argatan waliin qooddachuun ayyaaneffatu jechuun dubbataniiru.
Hordoftoonni amantaa Islaamaa waan yeroo ayyaanaa argatanirraa hordoftoota amantaa Kiristaanaa waliin akkasumas yeroo ayyaana kiristaanaas waan argatan hordoftoota amantaa Islaamaa waliin qooddachuun dabarsu jedhaniiru.
Mana sirreessaa keessa jaalalliifi walii gadduun nijira. Waan tokko argate inni kaan akka dhabu hinbarbaadan. Kanaafuu, yeroo kamuu waan argatan waliin qooddatanii jaalalaan akka dabarsan ibsaniiru.
Akkuma Macaafni Qulqulluun ajajutti namoota mana amala sirreessaa jiran gaafachuun gaariidha. Akkaataa amantiisaaniitiin namoonni namoota mana amala sirreessaa keessa jiran kanneen fira ta’uu baatanis yakka raawwateera jedhanii osoo hinbalaaleffatin, yakka dalaganirraa akka sirreeffamanii deebi’aniif daawwachuun barbaachisaadha.
Sirreeffamtoonni akka guyyaa ayyaanaa kana maatiifi firasaanii hin yaadneef hawaasni waanuma qaburraa geesseefii waliin gammadanii ooluu qabu jedhan Komishinar Gargaartuu Tanaanyeen.
Dhimma amantaasaanii waliin walqabatee, hordoftoonni amantaa kamuu akkuma amantaa isaaniitti iddoo ittiwaaqeffatan qabu. Abbootiin amantaasaanii mana amantaasaanii seenanii barnoota amantaa nibarsiisu, yeroo faarfannaan barbaachisettis faarfannaa gaggeessu jechuun ibsaniiru.
Bifa kanaan osoo itti hindhagahamin guyyaa ayyaanaa kana dabarsu jechuudha. Sirreeffamtoota dubartootaa ilaalchisee addatti wanti herreegamee taasifamuuf jiraachuu baatus, deeggarsi adda addaa gama barattoota yunivarsititiin, dhimma dubartootaafi Waldaa Fannoo Diimaa fa’iin wantoota akka uffataa, meeshaalee qulqullinaafi nyaanni daa’immanii ni arjoomamaaf jedhaniiru.
Ummaanni yeroo ayyaana kana kabajatu harkaqal’eeyyii mana amala sirreessaa keessa jiran deeggaruun bira dhaabachuu qaba. Dhumarrattis baga ayyaana faasikaa geessan jechuun hawwiisaanii dabarsaniiru.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017