“Fooyyeessi dinagdee gooroo jijjiirama damdaneessa fideera” – Doktar Fitsum Asaffaa

       “Ji’oota saglan darban qarshii biliyoonni 800 kanfaltii dijitaalaan socho’eera”– Doktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee: Fooyyeessi dinagdee gooroo jijjiirama damdaneessa kan fide ta’uu Ministeerri Karooraafi Misoomaa ibse. Gama kanfaltii dijitaalaatiin qarshiin biliyoona 800 socho’uu ammoo Ministeerri Innooveeshiniifi Teknolojii ibse.

Ministirri Ministeera Karooraafi Misoomaa Doktar Fitsum Asaffaa wayita raawwiin ji’oota sagalii bara bajataa 2017, qoratame akka ibsanitti, fooyyeessa dinagdee goorootiin dameewwan guddinaa filatamaniin jijjiiramni qabatamaan mul’achuu himanii, bu’uura karoora waggaa 10 taa’een hojiiwwan riifoormii walitti fufiinsaan hojjetamuu himu. Boqonnaan jalqabaa riifoormii dinagdee xumuramee boqonnaan lammataa qophaa’e hojiitti seenamuus ni ibsu.

Hojiin riifoormii, dinagdee gooroo tasgabbeessuu, omishtummaafi dorgomtummaa dameewwanii guddisuu, invastimantiifi daldala fooyyeessuu, humna raawwachuu mootummaa guddisuurratti kan xiyyeeffate turuu himaniiru. Agarsiiftuuwwan dinagdee gooroo akkuma jiranitti ta’ee, maddawwan guddinaa filataman irratti jijjiiramni qabatamaan mul’achuufi bu’aqabeessummaa misooma qamadii bonaa akka agarsiistuutti eeru. damee indastiriitiinis ji’oottan saglan darban fayyadamni inarjii dabaluun humni omishuu guddachaa jiraachuu kan agarsiisu ta’uu kaasaniiru.

Damee konistiraakshiniitiin dhimmi sibilaafi simintoo murteessaa ta’uu eeranii, kunis kan bara darbee waliin yoo madaalamu caalmaa akka qabu ibsu. Damee dijitaalaafi turizimiitiinis fooyyeessiwwan jiraachuu himu.

Dinagdeen Itoophiyaa dhibbantaa 8.4n akka guddatuufi dameewwan hundi guddina dinagdee cimaa akka galmeessan tilamaamni jiraachuu Doktar Fitsum nidubbatu.

Ji’oottan saglan darban hojiilee fooyyeessa dinagdee gooroo bu’aqabeessa taasisan keessaa qusannaafi invastimantii, galii mootummaa federaalaafi caasaa mootummaa federaalaa cimsuurratti hojii bal’aan hojjetamuu eeranii, hojii waliigalaa fooyyessaaf akka ooluufis ji’oota sagalan darban qarshii biliyoonni 211 hirpha taasifamuufi dhuma waggaarratti waliigala qarshii biliyoonni 400 akka hirphamu dubbatu.

Akka ibsa ministirittiitti, hojii kana deeggaruuf qindoomina dhaabbileefi biyyoota idil addunyaa waliin taasifameen yeroo kanfaltii idaa dheereessuun danda’ameera. Qarshii biliyoona 1.4 yeroof idaa kanfaluun dhaabachuusaatiin dhiibbaan hir’ateera; maallaqa jiru hojii misoomaaf oolchuufis haalli mijataan uumameera. Akka waliigalaatti fooyyeessi kun yeroo kanfaltii idaa dheereessuun idaa qarshii biliyoona 3.5 fidee dhufeera.

Dhaabbileen misooma mootummaa ji’oota sagaln darban sharafa alaa doolaara Ameerikaa biliyoona 9.3 fiduu, taaksii qarshii biliyoona 98 kanfaluu, akkasumas bu’aa qarshii biliyoona 14.5 Ministeera Maallaqaaf galii ta’uu eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun raawwii ji’oota sagalii Ministeera Innooveeshiniifi Teknolojii kan ibsan ministirri ministeerichaa Doktar Ballaxaa Mollaa, gamasaaniin, damee dinagdee dijitaalaatiin daddabarsi maallaqaa teleebirrii, siibi’ii birrii/CBE-birr fi kanneen birootti fayyadamuun taasifamaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis qarshii biliyoonni 800 socho’uu ibsu. Kuns baasii olaanaa qarshii maxxansiisuuf ba’aa ture hambisuu eeru.

Dameen dinagdee dijitaalaa xiyyeeffannoo olaanaa akka barbaadu kaasanii, inisheetiviin koodaroota miliyoona shanii bara darbe erga eegalee as Itoophiyaanonni kuma 688 galmaa’anii leenjii fudhachaa jiraachuufi kanneen keessaa kumni 270 sadarkaa idil addunyaatti waraqaa ragaa argachuusaanii dubbataniiru

Hojii dijitaalaayizeeshinii bal’isuuf bu’uuraalee misoomaa bal’isuufi waliinga’uun damicha ammayyeessuu akka barbaachisu himanii, carraa hojii bal’aa damee kanaan hamma barbaadameen dabaluuf mootummaa, damee dhuunfaafi biyyoota addunyaa biroo waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waraqaa eenyummaa dijitaalaatiin walqabatees hanga yoonaa lammiileen miliyoona 14 fayyadamuu himanii, kunis cimee kan ittifufu ta’uu dubbataniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You