“Faasikaan hojii jireenya Kiristoos ifatti kan mul’iseedha”- Luba Haragawayin Mogas

Finfinnee: Faasikaan akkuma Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame hojii jireenya Kiristoos ifatti kan mul’iseedha jechuun Lubni Haragawayin Mogas ibsan.

Tajaajiltuun wangeelaa Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Itoophiyaa Luba Haragawayin Mogas ayyaana Faasikaa Bara 2017 sababeeffachuun gaafdeebii Roobii darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, Faasikaan taatee jireenya Kiristoos ifatti kan mul’iseedha.

Waaqayyo dhala namaa akka bifaafi fakkeenyasaatti erga uumee booda Jannata Edan keessa kaa’e. Dhalli namaa garuu abboommii Waaqayyoo cabsee seexana dhaga’uudhaan cubbuu hojjetee Jannata Edan keessaa ari’ame.

Waaqayyo dhalli namaa abboommiisaa cabsee Jannata Edan keessaa ba’uusaatti waan hingammadneef tokkicha ilmasaa Yesuus Kiristoosiin gara biyya lafaatti erguudhaan Yesuus aarsaa biyya lafaarratti kaffaluu qabu hunda kaffalee Waaqayyoofi dhala namaa gidduutti araarri akka ta’u taasise jedhan.

Yesuus Kiristoos cubbuu dhala namaa hundaaf dhiifamni akka ta’uuf Fannoorratti fannifamee, du’ee, awwaalamee guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee ka’e. Yesuus cubbuu tokko malee fannoorratti fannifamee, waraanameefi dhiphatee, du’ee, awwaalamee guyyaa sadaffaatti du’a mo’ee ka’uusaatiin cubbuu dhala namaatiif araarri ta’e jedhan Luba Haragawayin.

Yesuus dhiphatee yeroo “Yaa abbaa xoofoon dhiphinaa kun ana irra haa darbu, akka ani jaaladhe mitii akka jaalala kee naaf haata’u” jedhetti, Waaqayyo akka abbaatti ilmasaatiif garaa laafuu dhiisee utuu hintaane, nu’i deebinee ilmaansaa akka taanuufi mootummaasaa dhaalluuf jecha ilmasaatti garaa jabaachuun irra ture. Yesuusis xoofoo dhiphinaa sana fudhatee darbuun irra ture jedhan.

“Nuti garuu ammayyuu carraa Waaqayyo nuu kenne dagannee cubbuu keenyaan isa gaddisiisaa jirra. Ammas taanaan Waaqayyo carraa nuu kenneera. Gara jaalalasaatti nu waamaa jira. Kanaafuu qalbii jijjiirrachuu qabna. Akka abboommiisaatti jiraannee dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu qabna” jedhan.

Kiristoos Fannoorratti kan du’e nuyiifi Waaqayyoon walitti araarsuufi. Araarri namaafi Waaqayyo gidduutti ta’e namootaafi namoota gidduuttis ta’uu qaba. Ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiyeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte, kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiyeessi kan jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti (Wangeela Maatiwos 28:18-19) irratti caafameera jechuun waa’ee dhiifamaafi araaraa cimsanii ibsaniiru.

Ayyaana Faasikaa kana yeroo kabajnu harkaqalleeyyii deeggaruunis baay’ee barbaachisaadha. Mana keenyatti yoo lukkuu qalanne ollaa keenya kan lukkuu qalachuu hindandeenyeef ammoo foon kiiloo tokko binnee kennuufii qabna jedhan.

Gaggeessitoonniifi luboonni ammaa gama hundaan dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’uu qabu jedhanii; ijoollee keenyas Wangeela barsiisuun jireenya hafuuraatti guddisuu qabna. Yoo waljaalanne, walkabajne, waliif gaarii goone biyyi keenyas niguddatti jechuun ibsan.

Dhumarratti hordoftoonni amantii kiristaanaa hundi baga nagaan Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos geessan jechuun hawwiisaanii dabarsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You