Dhugaa jiru qofa hordofuun imala ittifufuu

Yeroo Faasikaa yaadannu dursa sammuu keenyatti kan dhufu gantummaafi haala qabatamaa tokko malee murteessuun yeroof kan injifate fakkaatuyyuu dhumarratti ni injifatama.

Faasikaan Yesuus Kiristoos shira lammiilee afuriiti. Barsiisa sagaleefi hojii dinqisiisaa Kiristoos hojjetutti kan hingammannee, badii Addaam malee nageenya Addaamiin kan hinbarbaannee, daandiisaaniirra malee maalumaa fudhachuuf fedhii kan hinqabne shirri lammiilee Faasikaadhaan fashalaa’eera.

Shirichas kan xaxe daabiloosi. Innis diina ganamaa ilmaan namaati. Yoo wanti fedhe ta’eyyuu ejjennoon inni dhala namaaf qabu hinjijjiiramu.

Dhalli namaa daandii badiifi dogoggoraa inni barbaadurra yoo deemeef, dhala namaaf diina ta’uun ejjennoonsaa hinjijjiiramu. Kaayyoonsaa dhala namaa balleessuu malee namaa waliin michummaa uumuu miti.

Dhala namaa lafarraa balleessuuf kiyyoo diriirsee, deeggartoota barbaadee dhala namaafi uumaa adda baasuun, nama waliin walitti buusuu, jireenyasaa kan dukkanaafi gidiraa taasisuuf hojjetaa kan ture daabiloosi. Daabiloos Yesuus Kiristoos fannisuuf ergamtoota sadii bobbaasee ture.

Ergamtoonni sadeen kunneen kana dura kan walii hingalle, karoora tokko karoorsuun, hojii tokko hojjechuun, kaayyoo tokkoof bobba’uu hindandeenyeedha. Ta’us Yesuus Kiristoos shira diinota kanneenii Faasikaan injifateera.

Du’aa Ka’uun Gooftaa Yesuus Kiristoos xumurri jaalalaa kan ittimul’ate, araarriifi fayyinni kan ittimirkanaa’e, abdiin Addaam kan ittiin raawwatame ayyaana guddaadha.

Abbaan keenya Addaam ija mukaa hin nyaatiin jedhame nyaachuun erga ajaja uumaarra darbee booda jaalalli waaqayyoo dhala namaarraa fagaachuun dhalli namaa baroota hamaa dabarseera.

Jaalalli uumaafi uumamaa daba seexanaan addaan cite akka haareffamuuf waaqayyo teessoosaarraa gara lafaa dhufuu, dhiiga isaan dhiqee dhala namaa abaarsa bara baraarraa bilisa baasuuf Kiristoos dhukkubsachuu, arrabsoo, yakkamuufi reebamuun rakkoo addunyaa mara osoo balleessaa hinqabaatiin ofitti fudhate.

Jaalalli fannoorratti fannifamuun ibsuun, jaalalli dhugaan teessoo kabajaarraa bu’uu kan gaafatu ta’uufi ulaagaaleerratti kan hinhundoofne ta’uu Kiristoos qabatamaan barsiiseera.

Torbeen kun dhukkubbii, qormaata, rakkina, gantummaa, dabarsanii gidiraaf walkennuufi hammeenya kan ittiyaadannuudha. Torbee sobni moo’aa, dhugaan injifatamaa fakkaatu, hedduun wareegama sodaachuun dheessan, tokko tokko ammoo lolaa darbuun fudhataman, kanneen biroo dambaliin yartuun fo’amanii muraasni dhukkubbii hunda darbuun guyyaa du’aa ka’uu Yesuus Kiristoos argan.

Dhugaatti iyyi, shororki, rakkoofi dhamaatiin torbee dhukkubbii nama ilaaleef fayyinni waan dhufu itti hinfakkaatu. Fayyinni garuu kan mirkanaa’edha. Caalmaatti mirkaneessuu kan danda’an kanneen akka Yohaannis cichoominaan dhaabbatan qofa.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad ergaa baga geessanii bardheengaddaa yeruma kana dabarsaniin akkana jedhanii turan: Itoophiyaan biyya qormaata keessa darbaa jirtuudha malee biyya qormaata keessa dhaabbatte miti. Oggaa cabiinsa barootaa yaaluuf ka’amu, daandiin salphaa ta’uu hindandeenye. Qaamoleen Itoophiyaa Itoophiyaa jechuun maqaashee faarsan hedduu turan, kan ishee waliin dhukkubsatan garuu muraasa.

Yeroon dhukkubbii gabaabaa ta’us daran cimaa ta’uu nibeekna. Itoophiyaan dandeettii dhukkubbii darbuu qabdi. Kana duras qormaatilee hedduu dabarteerti. Hoggansa yaaduuf, jaalatuufi du’uuf qabdi.

Ummata kaayyoon gatii kaffaluuf qabdi. Qabeenya kuufamaa hedduu qabdi. Deeggarsa Hoosaa’iinaas ta’e mormiin Jimaataa imala eegalamerraa nu hingufachiisu. Dhugaa jiru qofa hordofnee imala keenya ittifufna. Kanaanis dhukkubbii gabaabsinee yeroo qananii dheeressina. Kanuma.

Ayyaana Gaarii!

 

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You