Abbootiin amantaa ergaa baga Ayyaana Faasikaa geessanii dabarsan

Finfinnee: Abbootiin amantaa hordoftoota amantaa kiristaanaa lammiilee hordoftoota amantichaa biyya keessaafi ala jiran hundaaf ergaa baga Ayyaana Faasikaa bara 2017 geessanii dabarsan. Ayyaanichi wayita ayyaaneffatamu jaalala, araara, dhiifamaafi garalaafinaan ayyaaneffamuu akka qabus ibsaniiru.

Patiraarikiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Abuna Maatiyaas ayyaana Faasikaa bara 2107 ilaalchisuudhaan ibsa Roobii darbe miidiyaaleef kennaniin, hordoftootni amantichaa wayita ayyaana kana ayyaaneffatan garaa araaraa, dhiifama qabuun ayyaaneffachuu akka qaban ibsaniiru. Garaa araaraafi dhiifamaan rakkoo jiruuf mariin furmaata kaa’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, Itoophiyaanonni baroota dheeraaf amantaafi naamusa gaariin gaggeeffamuudhaan rakkoo jiru dhiifamaan furaa turan. Hanga fuudhaafi heerumaattis jaalalaafi obbolummaan waliin jraachaa turan. Har’a garuu akka kaleessaatti jiraatamaa hinjiru. Kanaaf, garaan araaraa, dhiifamaafi waldhabdee jiru furuuf ofuma keenyaa araarsaafi araaramaa taanee miidhama jiru furuuf ciminaan hojjechuu qabna.

Hordoftoonni amantichaas ayyaana kana wayita ayyaaneffatan garaa aaraaraafi dhiifamaa qabaachuudhaan lammiilee qe’eerraa buqqa’aniifi harka qalleeyyii ta’an waan qabanirraa nyaachisuufi uwwisuudhaan akka ayyaaneffatan dhaamsa abbummaa dabarsaniiru.

Phaaphaasiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Birhaana Yesuus ergaa baga geessanii wayita dabarsanitti, Faasikaan dhoksaa araaraa of keessaa qaba. Qulqulluu Phaawuloos kanaaf meeshaa araaramaati jechuudhaan barsiise jechuun barbaachisummaa araaramuu ibsaniiru. Hordoftoonni amantichaas akkuma Phaawuloos jedhe dhoksicha akka meeshaatti fayyadamuudhaan ayyaaneffatamuu qaba. Harkaqa’eeyyii gargaaruu, kan gaddan jajjabeessaa lammileeen baqannaarra jiran, hospitaalaafi mana sirreessaa keessa kan jiran hundaaf hawwii qaban ibsaniiru.

Pirezidaantiin Tokkummaa Warra Wangeela Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo gamasaaniin, hordoftoota amantichaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarsaniin, ayyaanichi wayita ayyaaneffatamu qajeeltoo ayyaanichaan garaa jaalala, araaramaafi garalaafummaa qabaachuun ayyaaneffatamuu akka qabu ibsaniiru. Ergaan dhoksaan ayyaanicha keessa jirus nama biraaf jiraachuu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

Akka ibsasaaniitti, akkuma Yesuus garalaafinaan araarama dhala namaatti agarsiise hordoftoonni amantichaa hammeenya, haaloo ba’uu irraa fagaachuudhaan namoota rakkatan, harka qalleeyyii nyaachisuufi obaasuufi jajjabeessuun namoota biroof jiraachuun mul’isuu qabu.

Pirezidaantiin Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Makaana Yasuus Luba Doktar Yoonaas Yiggazuu, hordoftoota amantichaa hundaaf ergaa baga nagaan geessanii dabarsaniin, dhiphachuun Yesuus bu’aa jaalalaafi dhiifama dhala namaa qulleessuuf akka ta’e yaadachuudhaan ayyaaneffatamuu akka qabu ibsaniiru. Hordoftoonni amantichaas akkasuma garaa jaalalaafi dhiifamaan bakka lolaatti nageenya, bakka shakkiitti amanamummaa, waldhabdeen bakka jirutti araara, bakka jibbaatti jaalala, bakka garaagarummaatti tokkummaa labsuu qabus jedhaniiru.

Walqooduufi walwaraanuun hafee kanneen biyyaa baqatan biyyatti akka deebi’an, waldhabanii kan jiran mari’achuudhaan furmaata akka kaa’an waamicha dhiyeessaniiru. Harkaqal’eeyyii nyaachisuufi obaasuudhaan akka ayyaneffatamu hordoftootaaf dhamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017

Recommended For You