
Finfinnee: Barana sossochii abbootii qabeenyaa kaappitaala qarshii biliyoona 600 galmeessisan simachuu keessatti, hirmaannaa qonnaan bultootaa cimsuun dhimma ijoo ta’uu Waajjirri Invastimantiifi Industirii Magaalaa Shaggar beeksise.
Ittigaafatamaan Waajjirichaa Doktar Hayilamikaa’el Alamuu Kibxata darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, barana abbootiin qabeenyaa qarshii biliyoona 600 galmeessan simachuuf karoorfamee karaa onlaayinii simannaan eegalameera. Simannaa kana keessatti hirmaannaa qonnaan bulaa cimsuun xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira.
Hojii qonnaa milkeessuuf damicharratti qonnaan bultoonni baay’inaan simatamanis kanneen damee tajaajilaafi kanneenn biroorratti bobba’anis jiraachuu eeranii; marsaa jalqabaan qonnaan bultoonni 500 ol wayita simatan ammaan tana ammoo qonnaan bultoota 174 gara invastimantiitti ceesisuuf sochiin taasifamaa jira. Simannaan qonnaan bultootaa kun marsaa marsaan cimee ittifufas jedhaniiru.
Shaggar Finfinneetti dhiyoo ta’uun, qabeenya uumamaafi humna omishaa qabduun keessatti omishanii duroomuuf filannoo abbootii qabeenyaa ishee taasisa jedhanii; hojimaata sochii invastimantii mijataafi si’ataa taasisuuf simannaan taasifamu karaa onlaayinii ta’uus hubachiisaniiru. Abbootiin qabeenyaa karaa hannaafi tuttuqqaarraa bilisa ta’een bakka jiran taa’anii onlaayinii simatamaa akka jiranis dabalataan ibsaniiru.
Akka Doktar Hayilamikaa’el ibsanitti, kana dura sochiin invastimantii Magaalaa Shaggar hojimaata walxaxaafi malaammaltummaaf saaxilamaa ture. Haala baratameen invastimantii magaalattii guddisuun waan hindanda’amneef simannaa abbootii qabeenyaa waggaa lamaaf dhaabuun hojimaataa haaraa diriirsuufi sadarkaa sochii abbootii qabeenyaa hojiirra jiran adda baasuurratti hojjetamaa ture. Bu’uuruma kanaan pirojektota invastimantii jajjabeeffamuu qaban jajjabeessuun, kanneen rakkoo hamaa qabanirratti tarkaanfii fudhachuun erga haaldureen barbaachisu xumuramee booda simannaan eegalame.
Maastar pilaaniin magaalaatiin qonni, industiriin, damee tajaajilaafi kanneen biroo eessatti hojjetaman adda ba’uu dubbatanii; bu’uuruma kanaan barana lafa hojii invastimantiiwwan garagaraaf oolu hektaara 3,525 qopheessuun simannaa abbootii qabeenyaa eegaluu ibsaniiru.
Bu’aqabeessummaan invastimantii magaalattii dhibbantaa 42 ture ammaan tana gara dhibbantaa 54.7 ol guddachuu himanii; potenshaaala magaalattiin qabduun yommuu walbira qabamu garuu hojii hedduun akka hafu dubbataniiru.
Barana sochiin abbootii qabeenyaa 2,200 ta’an simachuu adeemsifamaa jira. Ulaagaalee abbootiin qabeenyaa ittiin simataman keessaa, maastar pilaanii magaalattii kabajuufi ummata magaalattii/qonnaan bulaa tajaajiluurratti dirqama barbaachisu ba’achuun dhimma ijoo ta’uu himanii; sochii hanga ammaatti jiruunis tumsi abbootiin qabeenyaa hawaasa magaalattii tajaajiluuf taasisan olaanaa ta’uu eeraniiru.
Waajjirri invastimantii magaalattii pirojektota invastimantii garagaraa duraa duuba kennee simachaa jiraachuu eeranii; haaluma kanaan dameen manuufaakchariingii, damee tajaajilaa kanneen akka ijaarsa manneen jireenyaa/realetate/hospitaalota, hoteelota, manneen barnootaafi riizoortiifaan dameelee xiyyeeffannoon dursaa kennameef ta’uu hubachiisaniiru.
Walumaagalatti, ammaan tana Shaggar omishaalee alaa galan bakka buusuurratti shoora guddaa gumaachaa jira. Industiriiwwan konkolaataa warshaalan, omishaalee garaagaraatti sona dabalaniifi nyaata barbaachisoo qopheessan magaalatti keessatti bal’inaan argamu.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017