
Finfinnee: Sirni bulchiinsa caasaa gandaa hojiirra ooluun nageenya Oromiyaa waaressuu keessatti shoora guddaa gumaachaa jiraachuu Biiroon Nageenyaafi Bulchiinsaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaan Biirichaa Komishinarri Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, yeroo ammaa nageenyi Oromiyaa waliigalaan haala fooyya’aafi abdachiisaarra jira.
Bakkeewwan kanaan dura sababa nageenyaaf sochiin qonnaa danqamee ture hundatti ummatni sochii qonnaa karaa guutuun adeemsifachaa jira. Hoggansi caasaa gandaafi qaamoleen nageenyaa harka tokkoon nageenya harka kaaniin misoomarratti hojjechuusaaniin rakkoon nageenyaa furamaa jira.
Caasaa gandaa waliin qaamni nageenyaa sadarkaan ijaarame humna ABO Shanee ganda keessaa qulqulleessuu himanii; tibbanuma kana tarkaanfii qindaa’aa Raayyaan Ittisa Biyyaafi qaamoleen nageenya naannichaa fudhataniin ajajaa olaanaan murna Shanee, ‘Jaal Shoddee’ jedhamu eegdotasaa waliin barbadaa’uu ibsaniiru. Milkaa’ina tarkaanfii fudhatamaa jiruuf ammoo eeruun ummataa bakka guddaa qabaachuu dubbataniiru.
Godinaalee rakkoo nageenyaa qabaniifi tarkaanfii laalessaan tibbana humna Shaneerratti fudhatame keessaa, Shawaa Lixaa bakkeewwan akka Jibaat, Coobii, Meettaa Roobii, Meettaa Walqixxeefi Ada’aa Bargaa; Shawaa Kaabaa bakkeewwan akka Dagamiifi Darraafaa akkasumas Wallagga bakkeewwan tokko tokkotti ta’uus yaadachiisaniiru.
Hoggansi caasaa gandaa sadarkaan jiru ittidhiyeenyaan misoomaafi nageenya hogganaa waan jiruuf humni hannaafi saamicha bare bakka qubannaa dhabuun kaan barbada’aa, kaan ammoo fedhiisaan gara nagaatti deebi’aa jiraachuu eeranii; ta’us bakkeewwan gammoojjiifi hiixuu ta’an tokko tokkotti sochiin humna kanaa waan jiruuf fuulduratti xiyyeeffannoo addaan ittideemama jedhaniiru.
Akka isaan jedhanitti, ummatni Oromoo darara jibbee nageenya waliin hiriiruun tarkaanfii qindaa’aan bu’aa guddaa argamsiisaa jira. Humni shororkeessaanis humna caasaa gandaan waan dha’amuuf akka kana duraa haala barbaadeen saamuu dhorkameera. Mootummaan naannichaa warra karaa nagaa deebi’an simachaa kan didanirratti ammoo tarkaanfii fudhachaa misoomni akka ittifufu taasisaa jira.
Gama biraatiin finxaaleyyiin Faannoo tibbana Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Jaarteetti lammiilee nagaarratti gocha shororkaa raawwatan kunneen kan daangaa ce’anii dhufan osoo hintaane baroota dheeraaf warra achi jiraataa turan ta’uu ibsanii; baay’eensaanii to’annaa jala ooluufi dhimmisaanii seeraan kan ilaalamu ta’uu dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, humni finxaalessi Faannoo Naannoo Oromiyaattis ta’e Naannoo Amaaraatti tarkaanfii irratti fudhatameen bittinnaa’ee gocha shororkaa raawwataa jira. Kanaan duras Shawaa Lixaatti namoota cidha raawwatanirratti gocha shororkaa raawwateera. Kanaafuu, akkuma Shanee finxaaleyyii Faannoos dhabamsiisuuf tarkaanfii laalessaan kan fudhatamu ta’a.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017