“Barruuleen Naa’otaa  daa’immanif akka madda dabalataatti  gargaarti ’’ -Biirolee Barnootaa Finfinneefi Oromiyaa

Finfinnee: Barruuleen Naa’otaa dandeetti dubbisuu daa’immanii cimsuuf dhaloota qaruuf akka madda dabalataatti akka gargaartu Biiroleen Barnootaa Finifinneefi Oromiyaa beeksisan.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo qophii barruu Naa’otaa ilaalchisuudhaan ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, hojii dhaloota qaruu keessatti dhaabbilee barnootaa, amantaa, maatiifi miidiiyaarraa hojii guddaatu eegama. Bu’uura kanaan Dhaabbati Pireesii Itoophiyaa (DhPI) hojii dhaloota qaruu tumsuuf qopheesse daa’imman mana barumsaa keessa jiraniif akka madda dabalataatti akka fayyadu ibsaniiru.

Qabiyyee barruulichaa akka quba qaban himanii; daa’immanni  naannoo hawaasa keessa jiran, oduu durii, seenaa goototaa waangaarii hojjetanii atileetikisiifi gootota moodeela ta’an odeeffannoo wayitaawaafi saayinsiifi teknolojii waliin qabatee jiraachuu ibsaniiru.

Barruulee afaanota garagaraatiin qopheessuun daa’imman afaansaaniitin akka barataniifi afaan waliisaanii salphaatti akka baratan akka taasisu himanii; daa’imman daandii gaariirratti akka guddatan taasisa. Aadaafi afdaneessummaa sirna federaalizimii keessattti tokkummaafi jaalala cimsaa hawaasaan walbarsiisaa adeema. Afaan dhalootaan akka baratan gochuun dandeettiifi aadaan dubbisaa daa’immanii akka dabalu himanii; kitaabilee barnootaa biratti akka dabalataatti dhiyaachuudhaan faayidaa olanaa qaba jedhaniiru.

Manneen barnootaa waliin walittidhufeenya qabaatee akka raabsamuuf biiroon naannichaa deeggarsa barbaachisaa nitaasiisa jedhaniiru. Barruun qophaa’e dhaloota waliin bocuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf  biirichi deeggarsa akka taasisu himanii; dhimmi raabsaa xiyyeeffannoo hundaa barbaada jedhan.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Doktar Zalaalam Mulaatuu gamasaaniin, egeree dhalootaa ijaaruu keessatti barnooti qooda guddaa qaba. Akka magaalaa Finfinneetti daa’imman afaan garagaraa horachaa (multilingual) ijaarsa biyyaa keessatti qooda fudhachuuf ga’oomanii akka guddataniif xiyyeeffannaa itti kennanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Kanaafis, barruuleen Naa’otaa DhPIn qopheessaa jiru kallattii xiyyeeffannoo biirichi qabatee deemaa jiruuf akka tumsitu himanii; madda dabalataa ta’uun odeeffannoo saayinsiifi teknolojii, jaalalaafi tokkummaa hawaasa keessa jiraatanii daa’imman biraan waan geessuuf faayidaa guddaa qabdi jedhaniiru. Dandeettii dubbisuu daa’immanii cimsuufis gumaacha olaanaa waan qabduuf akka biirootti deeggarsi barbaachisaan akka taasifamuuf ibsaniiru.

Barruuleen Naa’otaa Sanbata darbe magaalaa Adaammaati sirna ho’aadhaan eebbifamuunshii ni yaadatama.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You