
Finfinnee: Akkuma Shaggar hundaa’een hojiiwwan jalqaba xiyyeeffannoo argatanii hojjataman keessaa tokko Baankii Dhiigaa Shaggar hundeessuu ta’uu Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Magaalichaa Obbo Abarraa Botoree ibsan.
Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Dhaadhiitti Baankii Dhiigaa Shaggar hundeessuu Bariisaatti himanii; hundaa’uu qofa osoo hintaane, humna namaa barbaachisuufi meeshaalee barbaachisan hundaan guutuudhaan akkuma baankii biyyaattuu dhiiga dameewwan garagaraatiin maqaa guddaa argatee badhaafamaa jiru ta’uu himaniiru.
Hojii baankichi waggoota muraasa ittihundaa’etti baay’ina dhiigaa yuunitiidhaan sassaabeen, Shaggar bira darbee akkuma naannoottuu godinootaafi magaalota biroof dhiiga gumaachuudhaan, Oromiyaa bira darbee naannolee kaaniif gumaachuudhaan baankii dhiigaa fakkeenyummaa qabuudha jedhan.
Baankiin Dhiigaa Shaggar yeroo ammaa jiraattota magaalichaa bira darbee naannolee Itoophiyaa shaniif dhiiga gumaachuus Obbo Abarraan himaniiru.
Akka ibsasaaniitti; dhiiga yuunitii kuma 16 ol sassaabee hospitaalota naannoo Oromiyaa 39 ta’aniif dhiiga walitti qabe kana raabsuudhaan baankii dhiigaa murteessaa biyyattii ta’uu eeranii; kanaanis baankii dhiigaa biyyaaleessaafi Ministeera Fayyaarraa beekamtii argateera jedhan.
Tatamsa’ina dhibeewwan akka busaafi tajaajiloota baqaqsanii yaaluutiin walqabatee hedduu barbaachisaa kan ta’e dhiigni, hundaa’uun Baankii Dhiigaa Shaggar dubartoota kanaan dura yeroo da’umsaatti dhiiga dhabanii lubbuun darbaa tureefi namoota baqaqsanii yaaluutiin yaalamaa jiraniif abdii gaarii ta’uu beeksisaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017