“Aangoon karaa nagaan darbe ummata Tigraay waraana barootaarraa niboqochiisa” -Doktar Taaddasaa Jaalataa

Finfinnee: Qodaaltonni Tigraay karaa nagaa aangoo walitti dabarsuun ummataafi dachee Tigraay geengoo waraana barootaarraa kan boqochiisu ta’uu Hayyuun Yunivarsitii Finfinnee Doktar Taaddasaa Jaalataa ibsan.

Obbo Geetaachoo Raddaa waggoota lamaan darbaniif Pirezidaantii Yeroo Naannoo Tigraay ta’uun erga tajaajilanii booda tibbana aangoo karaa nagaan Letenaal Jeneraal Taaddasaa Warradaaf dabarsaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadis dhimma kana ilaalchisee, “Ummatni Tigraay hubatee yoo ittifayyadame, aangoon karaa nagaa darbe kun taatee seenaqabeessaafi ummaticha boqochiisuudha” jechuun yaada gorsaafi hubachiisa ofkeessaa qabu dabarsaniiru.

Doktar Taaddasaan ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, akka carraa ta’ee dacheen Tigraay bara Minilikiifi sana duraa eegalee waraanawwan garagaraa keessummeessaa ture. Geengoo waraanaa kana keessatti hunda caalaa  oladeemaa hedduu dhabeeraa, dinagdeensaas hubameera. Yeroo dhiyoo as qondaaltota ‘TPLF’ gidduutti waldhabbiin mudatee “Waraana mancaatii guddaa uumu dhala” jedhamee sodaatamaa ture.

Walwaraansi hamaan mootummaa federaalaafi ‘TPLF’ gidduutti adeemsifame karaa nagaan goolabamuun hundaa ol rakkoo ummata Tigraay furuun shoora olaanaa qabaatus waldhabbiin qondaalota ‘TPLF’gidduutti mudate gidduseentummaa diinota Itoophiyaa affeeruun waraana biraaf ka’umsa akka ta’u sodaa namoota hedduu ture jedhanii; mootummaan bilchina siyaasaa qabuun waraana ture karaa nagaa akkuma goolabe, waldhabbii qondaalota kunneeniis karaa nagaa furuun abjuu diinotaa dukkaneessuu ibsaniiru.

Pirezidaantiin yeroo ammaa muudame gartuun lameen walfalman kan irratti waliigalan ta’uu eeranii; kanaan dura naannichatti haala hinbaratamneen aangoo walitti dabarsuu taate addaa ta’uun cinatti pirezidaantiin muudames gaaffii misoomaafi dimokraasii ummatni qabu dhawaataan furuun yaaddoo waraanaa goolabee boqonnaa haaraa akka banu abdatama jedhaniiru.

Akka isaan jedhanitti, hinbeekamneef malee ummatni Tigraay waraanaafi cunqursaa jala ture. Yeroo ammaas naannolee kamuurra ummata sodaa jala jiruudha. Pirezidaantiin muudame dimokraasii diriirsuun, sirna paartii heddumminaa dhugoomsuufi  ummata cunqursaa jalaa baasuun hojmanee irraa eegamuudha. Waliigalaan Tigraay tasgabbeessuu, ummata buqqa’e qe’eetti deebisuufi filannoo dimokratawaatti ceessisuun hojiilee guguddoo pirezidaanticharraa eegamaniidha.

Letenaal Jeneraal Taaddasaan gamasaaniin, ummatni Tigraay keessattuu waggoota lamaan darbanitti rakkoo dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa walxaxaa keessa turuu yaadachiisanii; rakkoo kana furuuf kutannoon akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Fedhiin ummata Tigraay misoomniifi nageenyi daqiiqaa tokkoofuu boodatti akka hindeebine ta’uu himanii; waliigaltee Piriitoriyaa guutummaatti hojiirra oolchuun rakkinichaan kan walqabatanis akka furan hubachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

Recommended For You