
Ogeessa fayyaa ta’anii sadarkaa aanaarraa hanga Ogeessa Biiroo Fayyaa Oromiyaatti, Ittigaafatamaa Waajjira Fayyaa aanaarraa hanga Daariktera Bajataafi Gamaggamaatti, dhumarratti Hogganaa Ittaanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaarraa gara Ittigaafatamaa Waajjira Fayyaa Shaggaritti damee fayyaatiin ashaaraasaanii kaa’achaa kan jiraniifi seektaricha keessatti muuxannoo bulchaataa kan horatan Obbo Abarraa Botoree keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati. Guutummaan gaafdeebii isaan waliin taasifnee akka armaan gadiitti dhihaateera.
Bariisaa: Jalqabarrattimee dubbistoota keenyaan walbaraa?
Obbo Abarraa: Tolekaa, ani Abarraa Botoree Guddataa jedhama. Kan dhaladhee itti guddadhe immoo Shawaa Kaabaa, Aanaa Waacaaleetti yemmuu ta’u, barnoota kiyyaas kutaa tokkoffaa hanga jahaatti Mana Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Noonnoo Qoree jedhamuttin baradhe. Yommuun gara sadarkaa lammataatti darbus achuma, Aanaa Waacaaleetti kan argamu Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Muka Xuurriittin baradhe.
Sanaan booda gara dhaabbilee barnoota olaanaatti yemmuu dabarru digrii jalqabaas ta’e lammataa kanin baradhe Yunivarsitii Jimmaatti yoo ta’u, barnoota koo digrii 3ffaas achuma, Yunivarsitii Jimmaatti ittifufee barachaan jira. Gabaabinaan yoon hanga kana sii kaase nigaha natti fakkaata.
Bariisaa: Hojiidhaan hoo eessa eessa tajaajiltan, sadarkaa akkamiitiin?
Obbo Abarraa: Akkuma Yunivarsitii Jimmaatii eebbifameen kanin hojii eegale godinuma Shawaa Kaabaa, Aanaa Abbichuutti yoo ta’u, sadarkaa Raawwataarraa hanga Ittigaafatamaa Waajjira Fayyaa aanichaa ta’ee tajaajileera. Waggoota sadiifis Bulchaa Aanaa ta’ee hojjedhara.
Sana booda gara Hospitaala Waliigalaa Kuyyuutti imaluudhaan Hojigaggeessaa ta’ee tajaajileera. Ergan barnoota digrii koo lammataa xumuree booda bara 2008 gara Biiroo Fayyaa Oromiyaatti dhufeen hojii ittifufe.
Biirichatti sadarkaa ogeessaarraa kaasee Daarektara Karooraa darbees Hogganaa ta’uun tajaajileera. Hogganaa Ittaanaa Biirichaa ta’ee waggoota sadiif tajaajileera.
Bara 2015 yeroo Magaalaan Shaggar hundaa’u Ittigaafatamaa Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar ta’een hojjechaa jira jechuudha. Kanaaf bifa waliigalaatiin seenaan koo kana fakkaata.
Bariisaa: Yommuu magaalaa haaraa bu’uuraaleen fayyaa hinguutamneefitti muudamtan rakkooleen guguddoon isin quunnaman maal fa’i?
Obbo Abarraa: Shaggar magaalaa lafa bal’aafi ummata miliyoona 2.1 (Istaatistiksii hundeeffama magaalaatiin) ta’u qabattee hundoofteedha. Bu’uuraalee misoomaa fayyaa qabattee hundoofte yemmuu ilaallu garuu, buufata fayyaa 24 qofa qabdi turte. Isaanuu haala sadarkaadhaa gadi ta’een tajaajila fayyaa kennaa kan turan yemmuu ta’u, inni lammataa immoo; oggaa Shaggar hundeeffamtu hospitaalli tokkollee magaalicha keessa hinturre.
Garuu kan dhuunfaa hospitaalli tokkittiin tureera. Innuu tajaajila guutuu kennaa hinturre. Wanti si ajaa’ibu buufataalee fayyaa gaafa Shaggar hundooftu magaalattii keessa turan 24 keessaa sagal buufataalee fayyaa bishaan hinqabne turan. Buufata fayyaa tokko keessa immoo bishaan hinjiru jechuun maal akka ta’e nama kamiifuu ifadha jechuudha.
Dabalataanis buufataalee fayyaa turan 24 sana keessaa buufataaleen fayyaa torba ibsaa kan hinqabne yemmuu ta’u, buufata fayyaas ta’e dhaabbilee tajaajilli fayyaa itti kennamu kamuu keessatti tajaajilli ibsaa hinjiru jechuunis akkasuma dhimma guddaa akka ta’e beekamaadha.
Buufatataaleen fayyaa 13 kutaalee dabalataafi dallaa kan hinqabneefi tajaajilamtootaafis iddoo turtii gahaa kennaa kan hinturreedha.
Gama keellaa fayyaatiinis gaafa Shaggar hundooftu keellaawwan fayyaa turan waliigalaan 46 yemmuu ta’an, kanneen keessaa 18 qofatu tajaajila fayyaa kennaa ture. Warri hafan maqumaaf jiru malee jijjiganii, meeshaaleen tajaajila fayyaasaanii kan yeroon irra darbeefi tajaajila fayyaa hawaasni irraa barbaadu kennaa hinturre.
Bariisaa: Gama inshuraansii fayyaatiin hoo Shaggar yeroo hundooftuufi bakka amma jirtu walbira qabaa nuu kaasaamee?
Obbo Abarraa: Tole. Buufata fayyaa dhaqqabamaa lammiilee hunda biraan gahuuf tajaajilli inshuraansii fayyaa iddoo guddaa akka qabu beekamaadha. Kanaaf gaafa Shaggar hundooftu jiraattota magaalattii ummata miliyoona 2.1 ta’u keessaa miseensi fayyaa hawaasaa namoota kuma 230 qofa ture.
Kanaaf hawaasni kun miseensa fayyaa ta’ee dhaabbileedhuma magaalattii keessa turan keessattuu tajaajila akka argatu taasisuu keessattis qaawwi jiru bal’aa ta’uu kan namatti agarsiisuudha. Gama dhiheessii qorichaatiinis yemmuu ilaallu; Magaalaa Shaggaritti daran rakkoo ture.
Waanti daran nama ajaa’ibu magaalaa lafa hangas bal’atuufi ummata miliyoona 2.1 qabu kanaaf dhiheessii qorichaatiif waggaatti kan ramadamu bajata qarshii kuma 300 hincaalle ture. Kana jechuun dhaabbileen fayyaa magaalattii keellaa fayyaafi buufataalee fayyaa dabalatee waggaa guutuu qoricha qarshii kuma 300tiin tajaajila ummataaf akka kennantu eegamaa ture jechuudha.
Gama biraatiinis meeshaaleen qorannoo fayyaa garagaraatiif oolan yeroo Shaggar hundooftutti turan daran muraasa turan. Keessattuu meeshaalee qorannoo keemistirii kan akka Altiraasawundii jedhamu kan haadholeen ulfa ta’an fayyaansaaniifi daa’ima garaa jiruu ittiin hordofamu dhabamuusaatiin gara Magaalaa Finfinneetti imalanii beellama dheeraa osoo eeggatanii haadholiin miidhaawwan garagaraatiif saaxilaman hedduu turan.
Meeshaan qorannoo fayyaa murteessaa ta’e kun akkuma Shaggarittuu buufataalee fayyaa magaalattiin qabdu keessaa buufataalee fayyaa afur qofa keessatti kan argamuudha. Kanaaf tajaajila fayyaa gama qulqullinaatiinis ta’ee waliinga’iinsaa irratti magaalattii rakkoo hamaa keessa akka turte ilaaluun ni danda’ama jechuudha.
Waliigalaan yemmuu ilaalamu, kenniinsi tajaajila fayyaa Shaggaritti keessatti hundeeffama magaalattii dura ture daran gadaanaadha jechuun ni danda’ama. Kana immoo akkanumaan lafaa ka’amee osoo hintaane, jalqaba akkuma Shaggar hundoofteen haala tajaajila fayyaa magaalattiin keessa jirtu baruuf qorannoo gaggeessinee waan mirkanaa’eedha. Qorannoo kana immoo Waajjira Fayyaa Shaggar qofa osoo hintaane, Biiroo Fayyaa Oromiyaafi dhaabbilee deggersaa garagaraa dabalachuudhaan bifa gadifageenya qabuun kan qoratameedha.
Kanaaf qorannoo kanaan dhimmootni akka rakkootti kenna tajaajilota fayyaatiin walqabatanii magaalattii keessa turan kanneen akka, qulqullina tajaajila fayyaa, waliingahiinsi, sirni faayinaansii fayyaa rakkoo akka qabuufi inni dhumaa immoo dijitaalaayizeeshiinii kenna tajaajila fayyaatiinis walqabatee rakkoo guddaan akka ture qorannoo kanaan adda baafachuun danda’ameera jechuudha.
Kanaaf akkuma Shaggar hundoofteen nutis akka caasaa damee fayyaatti hojiitti galuun dura erga rakkoolee turan qorannoodhaan adda baafnee booda, karoora yeroo gabaabaa, yeroo giddugaleessaafi karoora yeroo dheeraa baafannee gara hojiitti galle.
Bariisaa: Mee erga Shaggar hundooftee booda waggoota lamaafi walakkaa darbanitti rakkoolee fayyaa turan maalfaa furtan, kan hanga ammaatti furmaata hinargannehoo kam fa’i isa jedhu nuu ibsaa?
Obbo Abarraa: Bareeda. Dhugaa dubbachuuf waggoota lamaaf ji’oota shanan kana keessatti bifa guutuu ta’een rakkoolee seektara fayyaatiin jiran hunda furree xumuruu baannus, jijjiiramni abdachiisaan damee kanarratti akka dhufuuf garuu tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhataman akka salphatti kan ilaalamanii miti.
Kanaafis agarsiiftuuwwan jiran hedduudha. Kanas tokko tokkoon sii kaasuun yoo barbaachise jalqabarratti qaqqabummaa tajaajila fayyaa haa ilaallu. Gaafa Shaggar hundooftu gama waliinga’iinsaafi qaqqabamummaa tajaajila fayyaatiin Magaalaan Shaggar dhibbantaa 44 irra kan turte yemmuu ta’u, hojiiwwan gama kanaan waggoota lamaafi walakkaa darbanitti hojjatamaa turaniin garuu uwwisa tajaajila fayyaa magaalattii gara dhibbantaa 57tti guddisuun danda’ameera.
Kun immoo buufataalee fayyaa saffisaan ijaaranii gara hojiitti galchuudhaan milkaa’ina dhufe yemmuu ta’u, buufataaleen fayyaa torba ta’anis kan ijaaramanii tajaajila kennuu eegalan waggootuma lamaafi walakkaa kana keessatti akka ta’e hubachuun barbaachisaa ta’a. Buufatni fayyaa tokkos hanga dhuma bara bajataa kanatti xumuramee tajaajilaaf niqaqqaba.
Akkuman jalqabarratti sii kaase gama hospitaalaatiin Shaggaritti hospitaalli mootummaa tokkollee hinturre. Waggoota lamaafi walakkaa darbanitti garuu Hospitaala Diimaa Magaalaa Sabbataatti argamuufi yeroo dheeraaf sababoota garagaraatiin hojiinsaa xumuramee gara hojiitti galuu hindandeenye xumuramee tajaajila kennuu jalqabeera.
Dabalataanis Kutaalee Magaalaa Kuraa Jiddaafi Sulultaatti hospitaalootni haaraan akka ijaaraman kallattii kaa’uudhaan yeroo ammaa ijaarsisaanii sadarkaa olaanaarra gaheera. Kanaanis bulchiinsa magaalattiitti waliigalaan baay’inni hospitaalota sadarkaa duraa gara sadiitti kan guddatan ta’u jechuudha.
Kana qofa osoo hintaane, akka biyyaattis ta’e akka Oromiyaatti hospitaala isa guddaafi hanga ammaatti biyyattiitti ijaaramee hinbeekne ‘Shaggar One Hospital‘ jedhamu Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti ijaarsisaa eegalameera. Hospitaalli kun bajata qarshii biliyoona 3.6 ta’uun kan ijaaramu yemmuu ta’u, waggoota lama keessatti hojiin ijaarsa xumuramee waggaa lama keessatti tajaajilaaf ni qophaa’a jedhamee kan eegamuudha.
Akka Oromiyaatti hospitaalli hangana ga’u ijaaramee hinbeeku. Dizaayinii hospitaalichaarraa kaasee Biiroo Fayyaa Oromiyaafi Ministeerri Fayyaas hirmaataa jiru.
Gama keellaa fayyaatiin barana qofa keellaawwan fayyaa 36 ni ijaarra jennee kan karoorfanne yemmuu ta’u, kanneen keessaa ijaarsi keellaawwan fayyaa 33 eegalamee sagal hojiin ijaarsasaanii xumuramee tajaajila kennaa jiru.
Keellaawwan fayyaa 46 yeroo magaalaan Shaggar hundooftu turan keessaa tajaajila kennaa kan turan keellaawwan fayyaa 18 qofa yemmuu ta’an, yeroo ammaa garuu keellaawwan fayyaa sababoota garagaraatiin tajaajila fayyaa dhaabanii turan hundi suphamanii tajaajilaatti akka galan taasisuun danda’ameera jechuudha.
Kana qofa osoo hintaane, keellaawwan fayyaa haaraa ijaaramaa jiran dabalatee hanga dhuma bara kanaatti Magaalaa Shaggar keessatti bifa waliigalaatiin keellaawwan fayyaa 79 tajaajilaaf ni qophaa’u jechuudha.
Inni biraa immoo akkuma Magaalaa Shaggariittuu kanaan dura Baankiin Dhiigaa kan hin turre yemmuu ta’u, kanaanis namoota dhibee garagaraatiin dhiigni isaan barbaachisu sababa dhiiga iddoo tokkotti kuufame dhabuutiin lubbuusaanii darbaa tureera.
Keessattuu tajaajila baqaqsanii wal’aanuutiin walqabatee dhiiga baay’inaan kan barbaachisu ta’uunsaa kan hubatamuudha. Kanaaf akkuma magaalattiin hundoofteen hojiilee jalqaba xiyyeeffannoo argatanii hojjataman keessaa tokko Baankii Dhiigaa Shaggar hundeessuu yemmuu ta’u, kanaanis Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Baankii Dhiigaa hundeessuun danda’ameera.
Hundaa’uu qofa osoo hintaane, humna namaafi meeshaaleedhaan guutuudhaan Baankii Dhiigaa akkuma biyyattii dameewwan garagaraatiin maqaa guddaa argatee badhaafamaa jiru ta’uu danda’eera jechuudha.
Bara darbe hojii Baankiin Dhiigaa Shaggar waggoota muraasa itti hundaa’etti baay’ina yuuniitii dhiigaa sassaabeen, Shaggar bira darbee akkuma naannoottuu godinaaleefi magaalota birootiif dhiiga gumaachuudhaan, Oromiyaa bira darbee naannolee kaaniif dhiiga walittiqabe kana gumaachuudhaan Baankii Dhiigaa fakkeenyummaa qabu ta’eera.
Waan nama ajaa’ibu, Baankiin Dhiigaa Shaggar erga hundeeffame reefuu waggaa tokko ta’u kun yeroo ammaa jiraattota magaalichaa bira darbee naannolee Itoophiyaa shaniif dhiiga kana kennee jira.
Dhiiga yuuniitii kuma 16 ol ta’u sassaabee hospitaalota naannoo Oromiyaa 39f dhiiga walittiqabe kana raabsuudhaan Baankii Dhiigaa murteessaa biyyattii ta’uus danda’ee jira. Kanaaf gama hojii kanaatiinis baankii dhiigaa biyyaalessaarraayyis beekamtii argateera.
Kanaaf kanin hanga ammaatti sii kaasaa jiru kun waliinga’iinsa dhaabbilee fayyaa jalatti kan ilaallamu yemmuu ta’u, gama kanaan waggoottan lamaafi walakkaa darbanitti hojii hojjatameen uwwisa tajaajila fayyaa magaalattii bifa hedduun fooyyeessuun kan danda’ame ta’uusaa beekamuu qaba jechumaafi.
Dhimmi lammatarratti dhufu immoo dhimma qulqullina dhiheessii tajaajila fayyaati. Uwwisa fayyaa waliinga’uun qofti yoo tajaajilli fayyaa kennamu qulqullina hin qabaanne ta’u bu’aan gama sanaan dhufus hir’uu waan ta’eef, tajaajilli fayyaa kennamu kamuu bifa qulqullinnisaa gaaffii keessa galeen ta’uun irra hinjiraatu.
Hawaasni kenna tajaajila fayyaa barbaachaaf karaa dheeraa imalee tajaajila qulqullina qabu barbaachaaf tajaajilli inni argatu qulqullinnisaa mirkanaa’uun barbaachisaadha.
Dhimma qulqullina fayyaa dhaabbilee fayyaatiin ummata magaalattiitiif kennamu kana fooyyeessuuf dhimmoota guguddoo sadirratti xiyyeeffannee kan hojjanne yemmuu ta’u, kana keessaa 1ffaan, dhaabbileedhuma fayyaa tanaan dura turan keessatti kutaalee dabalataa ijaaruudhaan tajaajilli fayyaa qulqullina qabu akka itti kennamu taasisuu ture.
Waggoottan lamaafi walakkaa kana keessatti buufataalee fayyaa sagal kanneen rakkoo hammaataa qabanitti bilookiiwwan dabalataa 17 ijaarree tajaajilli kennamu akka fooyya’u haala mijeessineerra. Dhugaa dubbachuudhaaf buufataalee fayyaa kutaalee dabalataa itti ijaarre kanneen osoo deemtanii ilaaltanii tokko tokkoonsaanii sadarkaa hospitaalaatti kan ijaaraman fakkaatu.
Kanaaf kutaalee dabalataa ijaaruun kun iddoo ogeeyyotni fayyaa tajaajilicha itti kennan mijataa, iddoo tajaajilamaan itti ta’ee aara galfatuufi dhibeesaa sirnaan ogeessatti himatu mijataa kan uumu waan ta’eef tajaajilli qulqullina qabu akka kennamu taasisuu keessatti shoora guddaa kan qabaatuudha.
Dhimmi 2ffaan qulqullina fayyaatiin walqabatee ka’uu qabu immoo dhiheessii yemmuu ta’u, dhiheessiiwwan kunniin immoo kanneen akka dhiheessii qorichaati. Dhimma kanaan walqabatee yemmuu ta’u, dhiheessii qorichaa kun akka dabaluuf immoo bajata gahaa qopheessuufi manneen qorichaa moodelaa hundeessuun dhimma murteessaadha.
Manneen qorichaa moodelaa hanga dhuma bara kanaatti 30 kan ta’an akka Magaalaa Shaggaritti ni jiraatu. Kunis immoo itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluu, gatii madaalawaafi qorichoota buufataalee fayyaa keessatti hinargamne kan ummataaf dhiheessan waan ta’eef qulqullina tajaajila fayyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa kan taphataniidha.
Inni sadaffaan immoo dhiheessii meeshaalee fayyaati. Ogeessi yaalaa tokko tajaajila yaalaa qulqulluu ta’e kennuuf meeshaalee keemistirii maashiniifi kanneen biroo barbaachisaadha.
Gama meeshaa keemistirii kana qofaan yoo siif kaase gaafa Shaggar hundaa’u meeshaan kun tokkos hinturre. Yeroo ammaa kanatti garuu buufataalee fayyaa 14 ta’an keesatti bitamee galuudhaan tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jira.
Meeshaan qorannoo Altiraasawundi jedhamus kanaan dura Magaalaa Shaggar keessatti buufataalee fayyaa afur qofa keessa kan ture waan ta’eef dubartootni hordoffii da’uumsa duraatiif gara Magaalaa Finfinneetti imaluudhaan dadhabuu guddaaf saaxilamaa turaniiru. Yeroo ammaa kanatti garuu buufataaleen fayyaa 24 ta’an meeshaa kana guuttachuudhaan tajaajila fayyaa kennaa kan jiran ta’uusaatiin amma tokko qulqullina fayyaa fooyyeessuu keessatti guumaachaa jiru.
Kanaaf bifa waliigalaatiin yemmuu ilaallamu hojiiwwan hanga ammaatti Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti damee kanaan hojjataman sadarkaa barbaadamuttis ta’uu baatu, jijjiiramni guddaan akka jiru hubachuun murteessaadha.
Gama biraatiinis tajaajila fayyaa qulqullinna qabu mirkaneessuuf wantoota barbaachisan keessaa humna namaa beekumsa barbaachisu qabu hanga barbaadamuun guuttachuu yemmuu ta’u,waggoottan lamaaf walakkaa kana keessatti ogeeyyota 1200 ta’an jijjiirraafi qacarriidhaan gara magaalattiitti fiduun danda’amee jira.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa yoo qabattaan carraan keessan?
Obbo Abarraa: Irra caalaan ka’ee waan jiruuf wanti hafe guddaa miti. Rakkoo bajataa tanaan dura damee fayyaatiif ramadamaa ture furuudhaan yeroo ammaa bajata waliigala magaalattiif ramadamu keessaa dhibbantaan 11 damee fayyaatiif akka ramadamu taasisuudhaan rakkoo hanqina faayinaansii ture furuuf tarkaanfiin murteessaan taasifameera.
Kanaaf kunis kennaa tajaajilaa fooyyeessuufis ta’ee dhiheessiiwwan meeshaalee fayyaa garagaraa guuttachuudhaaf akka bu’aa tokkootti kan ilaallamuudha.
Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif ulfaadhaa.
Obbo Abarraa: Isinis Magaalli Shaggar gama fayyaatiin maalirra akka jiru ummataan gahuudhaaf waan nu dubbiftaniif galatoomaa.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017