
Finfinnee: Shaampiyoonaan Ispoortii Taphawwan Guutuu Oromiyaa waggaa waggaadhaan magaalota adda addaatti gaggeeffamu kan barana qopheessummaa Godina Shawaa Lixaatiin, Magaalaa Ambootti torban lamaa booddee adeemsifama.
Shaampiyoonicharratti hirmaachuuf godinaaleefi bulchiinsonni magaalota Oromiyaa sadarkaa godinaafi magaalaatti akaakuuwwan ispoortii adda addaatiin dorgommiisaanii adeemsisaa jiru. Dorgommichi ispoortiiwwan olompikiifi paaraa olompikiitiin ta’uus odeeffannoon Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Daarektarri Kominikeeshinii Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Rabiyyuu Tamaam ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Shaampiyoonaa Tapha Guutuu Oromiyaa kanaaf godinaaleefi magaalonni hundi walmorkii gaggeessaa jiru.
Haaluma kanaan hanga ammaatti godinaaleen Wallagga Bahaa, Qeellam Walaggaa, Shawaa Bahaa, Harargee Bahaafi Lixaa, Gujiin, Godinni Jimmaa, Arsiin, Baale, Magaalaan Adaamaa, Asallaafi Bishooftuun dorgommiisaanii xumuruudhaan guyyaa shaampiyoonichi itti jalqabamu eeggachaa jiru jedhaniiru.
Shaampiyoonichi bara 1986 Magaalaa Jimmaatti jalqabamuu kan yaadachiisan daarektarichi, waggoota kanneen keessatti ispoorteessitoota Oromiyaafi Itoophiyaa bakka bu’uudhaan addunyaarratti beekamtii argamsiisan horachuu eeraniiru.
Sababni shaampiyoonichi adeemsifamuufis dargaggoota ciccimoo dorgommii kanarraa argamanii Oromiyaa bakka bu’uudhaan Tapha Guutuu Biyyaalessaa akka Itoophiyaatti barana yeroo 6ffaaf Magaalaa Jimmaatti adeemsifamurratti hirmaachuuf jedhaniiru.
Oromiyaan Taphawwan Guutuu Itoophiyaa kanarratti akaakuuwwan ispoortii 17 oliin korniyaawwan lameeniinuu hirmaachuuf qophii olaanarratti akka argamuus ibsaniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017