Naa’ota kunoo…

Miidiyaa guddina Afaan Oromoo keessatti shoora olaanaa gumaachan jidduudhaa adda durummaan kan eeramu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torbanitti al tokko guyyaa Sanbataa kan maxxanfamu Gaazexaan Bariisaa tokko.

Gaazexaan Bariisaa sadarkaa mootummaa Federaalaatti Afaan Oromootiin qophaa’uun qofagaleessa yoo ta’u, gaazexichi bara 1969 irraa eegalee waggoota 48n darbaniif madda odeeffannoofi bu’uura guddina Afaan Oromoo ta’ee tajaajilaa jira.

Bariisaan akka miidiyaatti Oromoo hunda walitti fiduun, walbarsiisuu, eenyummaa, seenaa, aadaafi afaansaa tokko ta’uufi akka saba tokkootti akka waliif yaaduufi quuqamu taasisuufi biyya tokkicha akka qabu hubachiisuurratti akkasumas jechoota dagataman fuulduratti baasuun fayyadamaa tureera.

Walumaagalatti, miidiyaa Oromoo hangafa kan tahe Gaazexaan Bariisaa guyyaa hundaa’erraa kaasee hanga bara 1986, ji’a Muddeetti qubee Saabaatiin maxxanfamaa damee siyaasaa, dinagdeefi hawaasumaarratti xiyyeeffachuun odeeffannoo dhugaa madaalliisaa eegate ummata biraan gahaa tureera, jiras.

Amma ammoo ija biraa godhatee, ofii namoota guguddoorratti xiyyeeffachuun galaa dhaloota egereef ta’u karaa barruulee daa’immanii, Naa’ota jedhamtuu akka jalqabamuuf bu’uura, darbees riqicha ta’eera.

Asumaan waa’ee moggaasa barruulichaarratti hubannoo gabaabaa uumuuf bu’uurri jecha Naa’ota jedhamuu jecha Afaan Oromoo qeenxee Naa’oo jedhamuudha. Jechi Naa’oo jedhamu kun oggaa baay’atu Naa’ota ta’a jechuudha. Akka galmeewwan adda addaa, hayyoota aadaafi afaaniirraa odeeffannetti Naa’oon ijoollee dhiiraafi dubaraa umriinsaanii hanga kurnootaatti jiran kan bakka bu’uudha.

Egaa, seenaa miidiyaa maxxansaa biyya keenyaa keessatti waggaa 100 ol lakkoofsiseen miidiyaan daa’immanii xiyyeeffannoo maluuf argatee hinbeeku, yoo argateera jedhamellee qabiyyee namoota guguddoof qophaa’u wajjin walmakeeti; Amaariffa qofaan kan tureedha.

Waggoota 84f miidiyaa maxxansaa keessa ture Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa (DhPI) qaawwa kana guutuuf muuxannoo kuufamaa Gaazexaa Bariisaa keessa jirutti fayyadamuun barruulee daa’immanii, Naa’ota seenaa biyya keenyaa keessatti Afaan Oromootiin kan jalqabaa ta’e kunoo jedheera.

Barruuleen har’a Ebla 4 bara 2017 sirna ho’aadhaan eebbifamu kun guddina waliigalaa daa’immaniirratti kaayyeffatee of eeggannoodhaan ji’a Guraandhalaa darberraa kaasee maxxanfamaa jira. Qabiyyeesaatiinis akka daa’imman biyyasaanii jaalachaa guddatan, gama naamusaatiin ga’ooman, kalaqoo ta’an, walumaagalatti yaadama idiladdunyaa gonfataniif bashannansiisaa barsiisu kan qabateedha.

Hanga danda’ametti barreeffamoonni barruulee kana keessatti hammataman umuriifi korniyaa daa’immanii tilmaama keessa kan galchan, haala daa’immaniif ta’uun sukkuumamanii ogeessota ga’umsa qabaniin qophaa’aa jira.

Barruuleen Naa’otaa qabiyyee maatiifi guddistoonni ittigaafatamummaa irraa eegamu sirnaan akka ba’atan taasisanis of keessatti qabateera.

DhPIn barruulee kana qopheessus, abbummaansaa kan ijoolleeti. Kanaaf maatiin, guddiftoonniifi barsiisonni dhimmi Naa’otaa kallattiin jalqabbiin kun cimee akka ittififuufi bu’aqabeessa ta’uuf qooda keessan gumaachaa; irratti hirmaadhaa, hirmaachisaa.

Manneen barnootaa, dhaabbileen mootummaafi miti mootummaa daa’immanirratti hojjetan jalqabbii seenaqabeessa kana garaarraa akka deeggartan affeerraa lammummaa kunoo jenna. Ijoolleerratti hojjechuun egere bocuudha.

Egere bocuuf hojiin har’a hojjechuu qabnu baay’eetu nurra jiraatii karaa barruulee Naa’otaa dhaloota gama hundaan gahoome wajjummaan haa horannu jechuun waamicha dhiyeessina. Waamichi kun waamicha dhaloota egereefi ijoollee biyya keenyaa hundaati. Naa’ota kunoo….

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You