
Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa waggoota 84f odeeffannoo amanamaafi haqaqabeessa dhiyeessuun hawaasa tajaajilaa jira. Dhaabbatni kun sabdaneessummaafi afdaneessummaa ilaalcha keessa galchuun afaanota Oromoo, Amaaraa, Tigree, Sidaamaa, Affaariifi Sumaalee akkasumas afaanota alaa Ingiliffaafi Arabiffaan odeeffannoo wayitaawaa ummata biraan ga’uun adda isa taasisa. Hundaa ol, daa’imman egeree guddina biyyaa murteessoo ta’an qaruuf haala adda ta’een barruulee daa’immanii Afaan Oromoofi Amaariffaan as ba’eera.
Seenessa waloo dhugoomsuu dhabuun jibbi sanyummaafi amantaa akka dagaagu taasiseera. Biyya waloon ijaaramtetti kaan lammii tokkoffaa kaan ammoo lammii lammaffaa akka ta’u taasisuun obbolummaan hafee diinummaa hundeen gadi dhaabeera. Ijaarsa Itoophiyaa haaraa keessatti tokkummaa, obbolummaa, dimokiraasiifi seenessi waloo duudhaalee akka utubaatti kaa’amanidha.
Yaadni waloomaafi obbolummaa guyyaa keessa dhufu yeroo tokko fuulduratti tarkaanfatee yeroo kaan ammoo duubatti deebi’uun waan biyya gatii kaffalchiisaa jiruuf dhalootni daa’imummaa sammuu keessatti gabbifachuun barbaachisaadha. Waan facaasan firfirsaa galfatu waan ta’eef sammuu daa’imaa waan gaariin qaruufi moroduun yeroonsaa amma.
Itoophiyaa keessatti waloominaafi obbolummaan walqixxummarratti hundaa’e kan dhugoomu ammaa eegalee yoo daa’immanirratti hojjetame qofa. Biyyi geengoo jibbiinsaafi jeequmsaa keessaa ba’uu dadhabdeef summiin jibbiinsaa dhalootaa dhalootatti darbu bakka tokkotti dhaabachuu dhabuusaan.
Qaawwaa kana kan hubatee Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa galaa dhalootaa kan ta’e barruu Naa’otaan/daa’immaniin as ba’eera. Dhalootni eessa akka jiru yookiin bakka ka’umsasaa hinbeekne kallattii imalasaa hinhubatu.
Kanaafuu, addunyaatti gadiba’ee yaada bitee gurgurachuuf waa’ee aadaa, seenaa, eenyummaafi afaansaa sirriitti beekuun barbaachisaadha. Dhaloota daandii sirrii qabsiisuun ammoo dirqama maanguddootaafi angafootaati. Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas dirqama lammummaasaa ba’achuuf waan akka biyyaattuu dagatamee ture lafaa kaasuuf onnate.
Dhimmuma kana ilaalchisee Yunivarsitii Finfinneetti Hayyuun Afaaniifi Seenaa Doktar Taaddasaa Jaalataa akka jedhanitti, namni aadaafi seenaa mataasaa qabatee addunyaatti ba’e kan ofii barsiisaa kan biroos barata.
Seenaafi aadaa biyyattii beekanii beeksisuu keessatti qoodni daa’imman egeree biyyaa olaanaadha. Biyya kanatti barruulee idileen dhaloota qaru hinjiru. Dhimma guutummaatti dagatames ta’ee tureera. Kanarraa ka’uun aadaan biyyoota guddatanii karaa miidiyaalee hawaasaa sammuu daa’imman biyyattii dhuunfachuu danda’eera.
Barruuleen daa’immanii bakka hunda dhaqqabuu danda’a. Haa ta’u malee, qabiyyeensaa barsiisaa, bashannansiisaafi hawwataa akka ta’uuf hayyoota ga’umsa qabaniin dhiyeessuun murteessaadha. Gatiin waraqaa qaalii ta’uunsaa akkuma jirutti ta’ee namni kamuu bitatee fayyadamuu akka danda’utti gatii madaalawaan dhiyeessuunis barbaachisaadha.
Sirna barnootaa haaraa hordofee hanqinni kitaabilee barnootaa bakkawwan hundatti mudateera. Kana malee, Afaan Oromoo guutuu biyyaatti akka akaakuu barnootaa tokkootti akka kennamu taasifamaa jira. Qaawwaa gama kanaan jiru furuu keessatti barruun ‘Naa’ota’ shoora guddaa akka baatu shakkiin hin jiru. Hundaa ol, daa’imman tokko jedhanii Afaan Oromoo barachuu eegalaniif misiraachoo guddaadha.
Biyyoota guddatan keessatti barruuleen daa’immanii manneen barnootaatti akka kitaabilee barnootaa dabalataatti tajaajilaa jiru. Biyyi Turkii barruulee daa’immanii manneen barnootaa keessatti akka kitaabilee barnootaa dabalataatti akka hojiirra ooluu seeraan murteessitee itti maayii ba’aa jirti.
Biyyi Ameerikaas bara Pirezidaantii duraanii biyyatti Jorji Waashingitanii eegaltee dhaloota egeree qaruuf akka ta’utti barruulee daa’immanii qopheessuuf xiyyeeffannoo addaa kenniteerti.
Kanaafuu, barruulee daa’immanii haala addaatiin Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa qopheessee eebbisiise kana deggeruufi fayyadamuun dirqama lammiilee hundaa waan ta’eef of qopheessuun barbaachisaadha.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017